Dhimma ijoo ta'etti seeni

Baabilon Guddittiin Eenyu?

Baabilon Guddittiin Eenyu?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Kitaabni Mulʼataa waaʼee “dubartii” “sagaagaltuu guddittii” taatee fi ‘maqaa iccitii, “Baabilon Guddittii”’ jedhu qabduu dubbata. (Mulʼata 17:1, 3, 5) Dubartiin tun dhaabbilee amantaa sobaa addunyaa maratti argamanii fi “dhugaa Waaqayyoo sobatti jijjiiran” argisiisti. a (Roomaa 1:25) Dhaabbileen amantaa kun hamma tokko adda adda taʼanis, hundi isaaniiyyuu karaa taʼe tokkoon namoonni waaqeffannaa Yihowaa isa Waaqa dhugaa taʼerraa akka fagaatan godhaniiru.—Keessa Deebii 4:35.

Yaadawwan Baabilon Guddittii adda baasnee beekuuf nu gargaaran

  1.   Baabilon Guddittiin fakkeenyaan kan ibsamtedha. Kitaabni Mulʼataa wantoota “mallattoodhaan” ibsaman hedduu waan qabuuf, Baabilon Guddittiin fakkeenyaan kan ibsamte malee, kallattiidhaan dubartii tokko kan argisiistu akka hin taane ifadha. (Mulʼata 1:1) Kana malees, ishiin ‘bishaanota hedduu irra teesseetti’; bishaanonni kunis “namoota, uummata hedduu, sabootaa fi qooqawwan” argisiisu. (Mulʼata 17:1, 15) Kunimmoo wanta dubartiin tokko gochuu dandeessu akka hin taane beekamaadha.

  2.   Baabilon Guddittiin dhaabbata addunyaa maratti argamu argisiisti. Baabilon Guddittiin “magaalaa guddittii ishii mootota lafaa irratti mootummaa qabdu” jedhamtee waamamteetti. (Mulʼata 17:18) Kanaafuu, addunyaa maratti kan argamtuu fi dhiibbaa kan geessistudha.

  3.   Baabilon Guddittiin dhaabbata amantaati malee, dhaabbata siyaasaa ykn dhaabbata daldalaa kan argisiistu miti. Baabilon ishiin durii magaalaa waaqeffannaa sobaatiin guutamte turte; gochawwan hafuurota xuraaʼoo kan akka ‘falfalaa fi dawweessuudhaan’ beekamti. (Isaayyaas 47:1, 12, 13; Ermiyaas 50:1, 2, 38) Jiraattonni ishii amantaa sobaa Yihowaa isa Waaqa dhugaa taʼe mormu hordofu turan. (Uumama 10:8, 9; 11:2-4, 8) Mootonni Baabilon of tuuluudhaan Yihowaa fi waaqeffannaa isaatiif tuffii akka qaban argisiisaniiru. (Isaayyaas 14:4, 13, 14; Daaniʼel 5:2-4, 23) Haaluma wal fakkaatuun, Baabilon Guddittiin “gocha hafuurota hamoo” raawwattuun beekamti. Kunis dhaabbata amantaa akka taate argisiisa.—Mulʼata 18:23.

     Baabilon Guddittiin dhaabbata siyaasaa kan argisiistu miti; sababiin isaas yommuu ishiin balleeffamtetti “mootonni lafaa” akka ishiidhaaf gaddan ibsameera. (Mulʼata 17:1, 2; 18:9) Kana malees, Kitaabni Qulqulluun ‘daldaltoota lafaa’ irraa adda taʼuu ishii waan ibsuuf, dhaabbata daldalaa kan argisiistu miti.—Mulʼata 18:11, 15.

  4. Photograph taken by courtesy of the British Museum

    Siidaa Naabooniidas isa mootii Baabilon taʼe waaqolii sadan Siin, Ishtaarii fi Shaamaash jedhamanii wajjin

      Baabilon Guddittiin mallattoo amantaa sobaa taʼuun ishii kan ishiidhaaf maludha. Amantaan sobaa namoonni Yihowaa isa Waaqa dhugaa taʼetti akkamitti akka dhihaatan barsiisuu mannaa, waaqolii kan biroo akka waaqeffatan isaan taasisu. Kitaabni Qulqulluun gocha kana “karaa hafuuraa sagaagalummaa raawwachuu” jedhee waama. (Leewwota 20:6; Baʼuu 34:15, 16) Amantaawwan sobaa hedduun barumsa sillaasee, lubbuun hin duutu, jedhuu fi waaqeffannaadhaaf fakkiiwwanitti fayyadamuu dabalatee barumsawwan Baabilon durii keessatti beekaman barsiisuusaanii itti fufaniiru. Kana malees, dhaabbileen amantaa kun waaqeffannaasaanii fi jaalala addunyaa wal faana deemsisuuf yaalu. Kitaabni Qulqulluun gantummaan akkasii sagaagalummaa hafuuraa akka argisiisu ibsa.—Yaaqoob 4:4.

     Kitaaba Qulqulluu keessatti Baabilon Guddittiin “uffata bifa dhiilgee fi diimaa” akka uffatte, akkasumas “warqii, dhagaa gatii guddaa qabuu fi calleedhaan” akka miidhagfamte dubbata; kunis qabeenya amantaan sobaa qabduu fi qabeenya kana argisiifachuuf yaalii ishiin gootu akka gaariitti ibsa. (Mulʼata 17:4) Baabilon Guddittiin madda “wantoota balfamoo lafa irraa” ykn madda barumsawwanii fi gochawwan Waaqayyoon salphisaniiti. (Mulʼata 17:5) Miseensonni amantaa sobaa hundi, “namoota, uummata hedduu, sabootaa fi qooqawwan” Baabilon Guddittii deggeranidha.—Mulʼata 17:15.

 Baabilon Guddittiin duʼa ‘warra lafa irratti gorraʼaman hundumaatiif’ itti gaafatamti. (Mulʼata 18:24) Baroota darban hundatti, amantaan sobaa waraana kakaasuu fi shororkeessitummaa babalʼisuu qofa utuu hin taʼin, waaʼee Yihowaa isa Waaqa jaalalaa taʼee dhugaasaa namoota utuu hin barsiisin hafteetti. (1 Yohaannis 4:8) Kunimmoo dhiigni hedduun akka dhangalaʼu godheera.

Waaqayyo Baabilon Guddittiidhaaf ilaalcha akkamii qaba?

 Waaqayyo duratti Baabilon Guddittiin “cubbuun ishii hanga samii bira gaʼutti tuulameera.” (Mulʼata 18:4, 5) Waaqayyo amantaan sobaa maqaasaa waan balleessitee fi hordoftoota ishii waan cunqursiteef ishiitti aareera.

Baabilon Guddittiirra maaltu gaʼa?

 Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo Baabilon Guddittiirratti ‘murtii isaa akka dabarse’ dubbata. (Mulʼata 18:20) Akkasumas Waaqayyo amantaa sobaa hunda akka balleessu fakkeenyaan ibsa. (Mulʼata 18:8) Bineensa diimaa isa dhaabbilee siyaasaa humna guddaa qaban bakka buʼu kakaasuudhaan amantaa sobaarratti kaʼee guutummaatti akka balleessu godha. (Mulʼata 17:16, 17) “Baabilon magaalaa guddittiin, akkuma kana furguggifamtee gad ni darbatamti, matumaas deebitee hin argamtu.” (Mulʼata 18:21) Namoonni Waaqa gammachiisuu barbaadan ‘isaan gidduudhaa baʼuu’ fi amantaa sobaarraa adda of baasuu kan qaban kanaafi.—2 Qorontos 6:14-17.