Dhimma ijoo ta'etti seeni

Yommuu Balaan Uumamu, Jaalalli Gargaarsa Kennuuf Nu Kakaasa

Yommuu Balaan Uumamu, Jaalalli Gargaarsa Kennuuf Nu Kakaasa

Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo gargaarsi barbaachisutti, namoota hidhata amantii isaanii taʼanii fi namoota kaan ni gargaaru. Kana gochuuf kan isaan kakaasu, jaalala isa mallattoo Kiristiyaanota dhugaa adda baasee beeksisu dha.—Yohaannis 13:35.

Wantoonni armaan gaditti tarreeffaman gargaarsa dhuma walakkeessa bara 2012tti jiʼoota 12 ol taʼaniif kenname keessaa muraasa kan argisiisani dha. Wantoonni ibsaman kun gargaarsa hafuuraa fi miiraa, yeroo hunda isaan kennan kan dabalatu miti. Koreen yeroo balaan gaʼutti gargaarsa kennuu fi waajjira dameetiin hundeeffame hojii gargaarsaa kana gara caalaa isaa ni qindeessa. Kana malees, gumiiwwan naannoo sana jiran yeroo hunda gargaarsa kennuu irratti ni hirmaatu.

Jaappaan

Jaappaan: Bitootessa 11, 2011, kirkirri lafaa fi sunaamiin sana booda gaʼe, namoota guutummaa kaaba Jaappaan kuma dhibbaan lakkaaʼaman keessa jiraatan miidheera. Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa mara irra jiran namoota kana gargaaruuf qarshii, dandeettii fi qabeenya isaanii arjummaadhaan gumaachaniiru. Viidiyoo kirkira lafaatti Jaappaanitti gaʼee wajjin haala wal qabateen gargaarsa kenname argisiisu ilaalaa.

Biraaziil: Lolaa, lafti sigigaachuu fi dhoqqeen sigigaate namoonni dhibbaan lakkaaʼaman akka dhuman godheera. Dhugaa Baatonni Yihowaa naannoo balaan irra gaʼe kana gargaaruuf nyaata dafee hin mancaane kiilogiraama 42,000, bishaan qaruuraa 20,000, uffata kiiloogiraama 10,000, wantoota qulqulleessuuf gargaaran kiiloogiraama 5,000, akkasumas qorichaa fi miʼoota kan biraa gumaacha godhaniiru.

Koongoo (Biraazaavil): Meeshaan waraanaa kuufame yommuu dhoʼu, manneen Dhugaa Baatota Yihowaa 4 guutummaatti barbadaaʼeera, manneen Dhugaa Baatota 28 kaan immoo miidhaan irra gaʼeera. Namoota miidhaan irra gaʼeef nyaataa fi uffanni kennameera; Dhugaa Baatonni naannoo sanaa maatiiwwan balaa sanaan miidhaan isaan irra gaʼe mana isaaniitti simataniiru.

Koongoo (Kinshaasaa): Namoota dhukkuba koleeraatiin miidhamaniif qorichi kennameera. Namoota lolaa sababii bokkaa cimaatiin miidhaan isaan irra gaʼeef uffanni kennameera. Qoricha, sanyii facaasanii fi uffanni kiiloogiraama hedduu taʼu namoota kaampii baqattootaa keessa jiraniif kennameera.

Veenzuweelaa: Bokkaa cimaan roobuu isaatiin lolaa fi lafti sigigaatee ture. Koreen yeroo balaatti gargaarsa kennu dhugaa Baatota 288 miidhamaniif gargaarsa kenneera. Manneen haaraan 50 ol taʼan ijaaramaniiru. Kana malees koreen gargaarsa kennu namoota Haroon Vaalenkiyaa guutuu isaatiin mana isaanii balaadhaaf saaxile gargaaraniiru.

Filippiinsi

Filippiinsi: Lolaan obomboleettiin fide kutaa biyyichaa miidhee ture. Waajjirri damee namoota miidhaan irra gaʼeef nyaataa fi uffata ergee ture; Dhugaa Baatota naannoo sanaas bishaan isaa yommuu hirʼatu qulqulleessuu irratti gargaarsa godhaniiru.

Kaanaadaa: Ibidda guddaa bosona Albartaa irra gaʼe booda, Dhugaa Baatota naannoo sana jiran qulqulleessuu irratti akka isaan gargaaruuf miʼa qulqullinaa hedduu Gumii Isleev Leek jedhamuuf gumaachaniiru. Qarshiin isaaniif kenname hundi waan isaan hin barbaachisneef, gumichi kennicha keessaa walakkaa ol kan taʼu namoota kutaa addunyaa kaan balaan irra gaʼeef akka kennamu gumaacheera.

Koot Diivaayar: Biyyicha keessatti waraanni kaʼuu isaa dura, utuu geggeeffamaa jiruu fi waraanicha booda, miʼoonni, bakki buufatanii fi yaaliin fayyaa isaan barbaachisu isaaniif kennameera.

Fiijii: Bokkaan cimaan roobuu isaatiin maatiin Dhugaa Baatotaa 192 taʼan hedduun isaanii bakka qonnaa, madda nyaataa isaanii fi galii isaanii dhabaniiru. Nyaanni gargaarsaaf dhufe isaaniif kennameera.

Gaanaa: Namoota lolaa baha biyyattii irra gaʼeen miidhamaniif, nyaanni, sanyiin facaasanii fi manni kan biraan kennameera.

Yuunaayitid Isteetis: Obomboleettii cimaan manneen Dhugaa Baatotaa bulchiinsa sadii keessa jiran 66 irra miidhaa kan geessise siʼa taʼu, manneen Dhugaa Baatota Yihowaa 12 immoo guutummaatti barbadeesseera. Baayʼeen isaanii inshuraansii manaa kan qaban taʼus, carraaqqii deebisanii akka damdamatan godhamu irratti deggersi qarshii isaaniif godhameera.

Arjantiinaa: Gumiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa namoota kibba biyyattii keessa jiran daaraa volkaanootiin manni isaanii barbadaaʼe gargaaraniiru.

Moozaambiik: Namoota ongeedhaan miidhaan isaan irra gaʼe 1,000f nyaanni kennameera.

Naayijeeriyaa: Dhugaa Baatota 24 balaa konkolaataatiin miidhaa cimaan isaan irra gaʼeef gargaarsi qarshii godhameera. Namoota walitti buʼiinsa amantii gosoota kaaba biyyattii keessa jiraatan gidduutti raawwatameen mana isaanii dhabaniif gargaarsi kennameera.

Beeniin: Qorichi, uffanni, hagoobara, bishaanii fi bakki jireenyaa namoota balaa lolaa cimaatiin miidhaniif kennameera.

Dominikaan Riippabliik

Dominikaan Riippabliik: Obomboleettiin Ireenii jedhamu erga gaʼe booda, gumiiwwan naannoo sana jiran mana suphuu fi miʼoota tokko tokko gumaachuudhaan gargaaraniiru.

Itoophiyaa: Ongee bakka lamatti gaʼee fi lolaa bakka tokkotti gaʼeen namoota miidhamaniif gargaarsi qarshii godhameera.

Keeniyaa: Namoota ongeedhaan miidhamaniif gargaarsi qarshii godhameera.

Maalaawwii: Namoota kaampii Dizalekaa keessa jiraniif gargaarsi kennameera.

Neeppaal: Sigigaachuu lafaatiin manneen Dhugaa Baatuu tokkoo miidhaa guddaan irra gaʼee ture. Manni yeroodhaaf keessa turtu kan ishiidhaaf kenname siʼa taʼu, gumiiwwan naannoo sana jiranis gargaarsa kennaniiru.

Paappaa Niwuu Giinii: Yakkamtoonni taʼe jedhanii manneen Dhugaa Baatota saddeetii gubanii turan. Manneen isaanii deebisanii ijaaruuf qophiin godhameera.

Roomaaniyaa: Dhugaa Baatonni tokko tokko sababii lolaa cimaatiin manneen isaanii dhabanii turan. Manneen isaanii deebisanii ijaaruudhaan gargaarsi isaaniif godhameera.

Maali: Ollaa isaanii Seneegaal irraa namoota midhaan facaasan sababii ongeetiin isaan jalaa baduu isaatiin nyaata dhabaniif gargaarsi qarshii isaaniif kennameera.

Seeraa Liyoon: Dhugaa Baatonni Faransaayi dooktarota taʼan, Dhugaa Baatota Yihowaa bakka waraanni miidhaa geessise keessa jiraataniif gargaarsa yaalii fayyaa kennaniiru.

Taayilaandi: Lolaa guddaan bulchiinsa hedduu irra gaʼe miidhaa guddaa geessisee ture. Tuutni yeroo balaan gaʼutti gargaarsa kennu manneen 100 fi Galmawwan Walgaʼii 6 supheera, akkasumas qulqulleesseera.

Cheek Riippabliik: Lolaan manneen hedduu Cheek Riippabliik keessa jiran yommuu balleessetti, Dhugaa Baatonni Isloovaakiyaa isaanitti dhihoo jiran gargaarsa godhamu irratti hirmaataniiru.

Sirii Laankaa: Balaan sunaamii yommuu gaʼetti hojiin gargaarsa hatattamaa kennameera.

Sudaan: Nyaata, uffataa, kophee fi laastikiiwwan daʼoo itti godhatan, Dhugaa Baatota Yihowaa sababii waraanaatiin qeʼee isaanii irraa buqqaʼaniif kennameera.

Taanzaaniyaa: Lolaa bokkaa cimaan roobuu isaatiin gaʼeen maatiiwwan 14 qabeenya isaanii dhabaniiru. Gumiiwwan naannoo sana jiran uffataa fi miʼa mana keessaa gumaachaniiru. Manni tokkos deebisee ijaarameera.

Zimbaabuwee: Ongeen biyyicha keessaa naannoo tokkotti beelli akka uumamu godhee ture. Nyaanni fi qarshiin namoota miidhamaniif kennameera.

Buruundii: Namoota qeʼee isaanii irraa buqqaʼaniif yaalii fayyaa dabalatee gargaarsi kennameera.