Dhimma ijoo ta'etti seeni

Agarsiisa Suuraa Filippiinsi 1 (Guraandhala 2014 Hanga Caamsaa 2015)

Agarsiisa Suuraa Filippiinsi 1 (Guraandhala 2014 Hanga Caamsaa 2015)

Dhugaa Baatonni Yihowaa waajjira damee Filippiinsi magaalaa Keesoon Siitii keessatti argamutti gamoo haaraa ijaaraa, akkasumas isa jiru haaressaa jiru. Amma Filippiinsiif barreeffamoonni kan maxxanfaman waajjira damee Jaappaanitti waan taʼeef, iddoon maxxansaa kanaan dura ture gara kutaa Kompiitaraa, Diizaayinii Hojii Ijaarsaa, Suphaa, Kutaa Barreeffama erguu fi Kutaalee Hiikkaatti jijjiiramaa jira. Agarsiisni suuraa kun, hojiiwwan iddoo maxxansaa duraanii fi gamoowwan kaan irratti Guraandhala 2014 hanga Caamsaa 2015tti hojjetaman keessaa tokko tokko argisiisa. Hojiin kun Onkoloolessa 2016tti akka xumuramuuf karoorri qabameera.

Fakkii waajjirri damee Filippiinsi yeroo xumuramu maal akka fakkaatu argisiisu. Gamoowwan ijaaramaa fi haareffamaa jiran kanneen armaan gadii ti:

  • Gamoo 4ffaa (Bakka Jireenyaa)

  • Gamoo 5ffaa (Kutaa Oodiyoo/Viidiyoo, Kutaa Tajaajilaa)

  • Gamoo 6ffaa (Kutaa naannoo babbareechuu, Suphaa Konkolaataa, Kutaa Hojii Sibiilaa)

  • Gamoo 7ffaa (Kompiitara, LDC, Suphaa, Kutaa Barreeffama ergu, Hiikkaa)

Guraandhala 28, 2014—Gamoo 7ffaa

Hojjettoota jiidha irraa eeguuf wanta fiberglass jedhamutti laastikii maraa jiran. Gogaan isaanii akka hin miidhamneef wantoota isaan eegan uffataniiru.

Ebla 2, 2014—Gamoo 7ffaa

Hojjettoonni kutaa waraabbii Afaan Mallattoo Filippiinoodhaaf tajaajilu keessatti koorniisii hojjechaa jiru. Iddoo banaan boca iskuweerii qabu kan qophaaʼe meeshaalee HVAC diffusers jedhaman itti galchuuf siʼa taʼu, guutummaa kutaa waraabbii (istuudiyoo) kanaa keessa qilleensi akka jiraatu godha.

Onkoloolessa 21, 2014—Iddoo ijaarsaa Keesoon Siitii

Toora bishaan diilallaaʼaadhaaf (chilled water system) boolli yommuu qotamu. Malli haaraan kun gamoowwan waajjira damee kana jala jiran hundaaf kan tajaajilu dha.

Muddee 19, 2014—Karaa akka riqichaa Gamoo 1ffaa, 5ffaa, fi 7ffaa wal qunnamsiisu

Karaan kun Gamoo 1ffaa isa kutaa nyaataa taʼee tajaajilu dabalatee, gamoowwan buʼuuraa hunda wal qunnamsiisa. Kaaraan kun keessumaa hojjettoota gara 300 taʼanii fi Gamoo 7ffaa irra hojjetan baayʼee fayyada.

Amajjii 15, 2015—Gamoo 5ffaa

Kireenii toonii 50 ulfaatuu fi qorqorroo ol kaasaa jiru. Kireenonni gosa garaa garaa koontiraaktaroota biyyattiitiin sochoʼaa jiru.

Amajjii 15, 2015—Gamoo 5A (Kutaa olii fi gad keessa sosochoʼuu akka dandaʼaniif gamichatti qabsiifamee ijaarame)

Gamoo xinnoon darbii lama qabuu fi iskuweer meetira 125 balʼatu mana fincaanii lama, yaabbannoo fi liiftii qaba. Gamoo xinnoo kana keessa manni fincaanii fi yaabbannoon jiraachuun isaa Gamoo 5ffaa isa itti aanee jiru keessatti iddoo dabalataa argachuuf dandeessisa. Liiftii Gamoo 5ffaa keessatti utuu hin taʼin gamoo xinnoo kana keessatti hojjechuun sagaleen liifitichaa yeroo sagalee fi viidiyoon waraabamutti jeequmsi akka hin jiraanne godha.

Amajjii 15, 2015—Gamoo 5A (Kutaa olii fi gad keessa sosochoʼuu akka dandaʼaniif gamichatti qabsiifamee ijaarame)

Hojjettoota wanta hoʼa aduu irraa isaan dhowwu jala taʼanii feeroo diriirsaa jiran. Guyyaa guyyaa hoʼi naannoo kanaa jiʼa Amajjiitti gara digirii seelshiyesii 29 jiʼa Eblaatti immoo 34 taʼa.

Bitootessa 5, 2015—Gamoo 5ffaa

Hojjettoota baattuu qorqorroo muka soofameen jabeessaa jiran. Gamoo 5ffaadhaaf, mukoota ciccimoo gara 800 taʼantu hojii irra oole.

Bitootessa 17, 2015—Gamoo 5ffaa

Hojii ijaarsaa xinnoodhaaf simmintoo harkaan bukeessaa jiru. Namoota hojii kana irratti gargaarsa gochaa jiran keessaa 100 ol kan taʼan Awustiraaliyaa, Kaanaadaa, Faransaay, Jaappaan, Niiwu Ziilaandi, Kooriyaa Kibbaa, Ispeen, Yunaayitid Isteetisii fi biyyoota kaanii kan dhufani dha.

Bitootessa 25, 2015—Gamoo 5ffaa

Gamoo 5ffaa isa kanaan dura Kutaan Hiikkaa keessa ture irratti qorqorroo sibiilaa ijaaraa jiru. Gamoon kun erga haareffamee booda kutaa Oodiyoo/Viidiyoo fi Kutaa Tajaajilaatu itti fayyadama.

Caamsaa 13, 2015—Gamoo 5ffaa

Hojjettuun sibiilaa tokko, maashinii sibiila murutti fayyadamtee sibiila keenyan gamoo waajjiraaleetti maxxanfamu muraa jirti.