Dhimma ijoo ta'etti seeni

Galma Walgaʼiiwwan Gurguddaa Haaraa Bosona Amaazon Keessatti Ijaarame

Galma Walgaʼiiwwan Gurguddaa Haaraa Bosona Amaazon Keessatti Ijaarame

Walakkeessa bosona Amaazonitti Galma Walgaʼiiwwan Gurguddaa Dhugaa Baatota Yihowaa tokkotu argama. Qabeenyi balʼinni isaa hektaara 52 taʼuu fi Biraazil, magaalaa Maanaawus keessatti argamu kun harki caalaan isaa biqiltoota iddoo sana qofatti argaman kan qabu dha. Gosoota hurunguu mimmiidhagoo fi gosoota harraagessaa, akkasumas simbirroota kan biroo muka kuuppuwaasiyoo irraa wacan, muka lawuzii gurguddaa Biraazilii fi mukkeen xaawulaan irraa oomishamu kan of keessatti qabate dha. Iddoo kanatti Galma Walgaʼiiwwan Gurguddaa ijaaruun kan barbaachise maaliifi?

Magaalaan Maanaawus qarqara Amaazon irraa kiilomeetira 1,450 kan fagaattu siʼa taʼu, uummata gara miliyoona lamaatu ishee keessa jiraata. Galmi haaraan kun namoota naannoo Amaazonii fi burqituuwwan lagichatti yaaʼan bira jiraatan dabalatee, Dhugaa Baatota gara 7,000 taʼanii fi Maanaawusii fi naannoo isheetti argaman tajaajila. Magaalaan baayʼee fagoo taate, Saaʼoo Gabriʼel da Kaashooyiraa ishee dhiha Maanaawusiin kiilomeetira 800 fagaattee argamtu dha. Dhugaa Baatonni tokko tokko walgaʼiiwwan gurguddaa Galma Walgaʼii Gurguddaa kanatti geggeeffamu irratti argamuuf bidiruudhaan guyyaa sadii deemu!

Walakkeessa Amaazonitti Galma Walgaʼiiwwan Gurguddaa kana ijaaruun baayʼee rakkisaa ture. Meeshaalee ijaarsaa koonteeyinaroota 13 taʼan gara iddoo ijaarsaa sanatti geessuun buufata Saantos, Saaʼoo Poolootii kaʼanii qarqara laga Biraaziiliin baʼanii hanga laga Amazoonitti deemuu gaafata.

Galmi haaraan kun Galma Walgaʼiiwwan Gurguddaa 27ffaa Biraaziil keessatti ijaarame siʼa taʼu, guyyaa eebbaa galma kanaatti, jechuunis gaafa Dilbata, Caamsaa 4, 2014 namoota 1,956 taʼantu irratti argame. Baayʼeen isaanii Galma Walgaʼiiwwan Gurguddaa keessatti kan argaman yeroo jalqabaatiif waan taʼeef baayʼee gammadaniiru.

Hirmaattonni kun nama haasaa dhiheessu dhaggeeffachuu qofa utuu hin taʼin arguus ni dandaʼu turan. Kun isa kanaan duraa irraa adda ture; kanaan dura walgaʼiiwwan gurguddaan yeroo geggeeffamanitti namoonni hedduun waltajjii fi nama haasaa dhiheessu hin argan turan. Dhugaa Baatuun Yihowaa tokko, “Walgaʼiiwwan gurguddaa irratti yeroo baayʼee kanan argame taʼus, diraamaa Macaafa Qulqulluu irratti hundaaʼe ilaalee hin beeku; Dhagaʼuu qofa ture” jedheera. Amma garuu namni hundi waltajjii ilaaluu dandaʼa.