Dhimma ijoo ta'etti seeni

Gargaarsa Namoota Hospitaala Keessaa Hojjetanii fi Dhiphataniif Taʼu

Gargaarsa Namoota Hospitaala Keessaa Hojjetanii fi Dhiphataniif Taʼu

 Yuunaayitid Isteetis bulchiinsa kaaba Karolayinaa keessa kan jiraatu Biriin Miseensa Koree Hospitaalaa Wajjin wal Qunnamsiisu dha. Koreen kun yaalamtoota Dhugaa Baatota Yihowaa taʼan wantoota isaan barbaachisu guutuuf hospitaalotaa wajjin walii galanii hojjetu.

 Sababa dhukkuba golfaa Kooviid-19 kan kaʼe hospitaalonni hedduun namoonni gaafatan akka hin seenne dhowwaniiru. Biriin yaalamtoota Dhugaa Baatota Yihowaa taʼaniif gargaarsa kennuu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe gaafachuuf hogganaa dhukkubsattoonnii fi maatiiwwan isaanii gama amantiitiin jajjabina akka argatan haala mijeessuuf bilbile.

 Yeroo kanatti gargaaraan hoggantichaa Biriin ni haasofsiise. Biriin gaafattoonni hospitaala akka seenan waan hin heyyamamneef yaalamtoonni Dhugaa Baatota Yihowaa taʼan isa haasofsiisuu akka dandaʼaniif bilbila isaa isaaniif kennuun ni dandaʼamaa fi hin dandaʼamuu isaa gaafate. Gargaaraan hogganichaas yaadicha irratti walii gale.

 Achiis Biriin waaʼee hojjettoota hospitaalichaa yaaduu jalqabe. Kanaafuu hojii hospitaalichatti geggeeffamu akka deggeruu fi nageenyi hojjettootaa akka isa yaaddesse gargaaraa hogganichaatti hime. Itti dabaluudhaanis keessumaa hojjettoonni hospitaalaa weerara dhukkubichaatiin kan kaʼe baayʼee akka dhiphatan gabaasa ibsu akka dubbise ibse.

 Gargaaraan hoggantichaas dhukkubni golfaa Kooviid-19 hospitaalichatti dhiphina guddaa akka fide ibse.

 Achiis Biriin akkas jedhe: “Weebsaayitiin keenya odeeffannoo karaa itti dhiphina damdamachuun dandaʼamu ibsu qabateera. Jw.org bantee bakka Barbaadi jedhu jalatti ʻdhiphinaʼ jettee yoo barreessite barreeffamoota nama jajjabeessan hojjettoota hospitaalichaatiif argachuu dandeessa.”

 Utuma waliin haasaʼaa jiranii gargaaraan hogganichaa weebsaayiticha banuudhaan bakka barbaadi jedhu irratti dhiphina jedhee barreessuudhaan barreeffamoota sana argate. Yeroo kanatti akkas jedhe: “Baayʼee dinqisiisaa dha; kana hoggantichattin argisiisa. Barumsi kun hojjettootas taʼe warra kaan kan fayyadu dha. Koppii isaa heddummeessee maxanseen isaaniif raabsa.”

 Torban muraasa booda Biriin hogganicha kan haasofsiise yeroo taʼu innis weebsaayiticha akka ilaale akkasumas waaʼee dhiphinaa fi barreeffamoota dhimma kanaa wajjin wal qabatan akka maxxanfate ibseef. Akkasumas barreeffamoota kana neersotaa fi hojjettoota hospitaalichaa kaaniif akka kenne itti hime.

 Biriin akkas jedheera: “Hoggantichi hojii raawwannuu fi barreeffamoota baayʼee gaarii taʼan qopheessinuuf dinqisiifannaa qabu ibse. Barreeffamoonni kun faayidaa guddaa akka qaban dubbateera.”