DAMMAQAA! Lakk. 1 2017 | Dargaggoonni Maaliif Dhiphatu?—Furmaanni Isaa hoo Maali Dha?
Gabaasonni dhihaatan lakkoofsi dargaggoota umurii waggoota kurnanii dhukkuba dhiphinaatiin qabamanii haala nama naasisuun dabalaa jiraachuu isaa ibsu.
Rakkina kana ilaalchisee wanti gochuu dandeenyu waan jiru sitti fakkaata?
Barruun “Dammaqaa!” kun dargaggoonni umurii waggoota kurnanii keessa jiran dhukkuba dhiphinaa damdamachuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe ibsa; akkasumas warri ijoollee isaanii akkamitti gargaaruu akka dandaʼan ibsa.
MATA DUREE FUULA JALQABAA
Dargaggoonni Maaliif Dhiphatu?—Furmaanni Isaa hoo Maali Dha?
Mallattoo fi wanta sababii taʼuu dandaʼu baradhu. Wanta warris taʼe namoonni kaan gargaaruuf gochuu dandaʼan baradhu.
Seeqa—Kennaa Warra Kaaniif Kennamu
Michoonni keenyas taʼan namoonni kaan garaadhaa yommuu seeqan nuttis ni darba; akkasumas miirri gaariin akka nutti dhagaʼamu godha.
KITAABNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?
Ulfa Baasuu
Waggaa waggaatti namoonni miliyoona kudhaniin lakkaaʼaman taʼe jedhanii ulfa baasisu. Ulfa baasuun filannoo dhuunfaa ti moo seera Waaqayyoo wajjin kan wal faallessu dha?
“Jaalala Akkanaa Arguu Keenyatti Garaan Keenya Tuqameera”
Sanbadduraa, Ebla 25, 2015tti kirkirri lafaa baayʼee cimaa taʼe Neeppaaliin mudatee ture. Kirkira kana booda Dhugaa Baatonni Yihowaa Kiristiyaanummaa dhugaan jaalalaan, akkasumas hojiidhaan kan argisiifamu taʼuu isaa mulʼisaniiru.
MAATIIDHAAF
Dinqisiifannaa Ibsuu—Akkamitti?
Hiriyoonni gaaʼelaa amalawwan gaggaarii walii walii isaanii kan hubatanii fi beekkamtii kan waliif kennan yoo taʼe hariiroon isaanii ni cima. Amala dinqisiifannaa horachuuf maaltu isin gargaaruu dandaʼa?
QAAMNI KANA TOLCHE JIRAA?
Akkaataa Itti Goondaan Sahaaraa Bifa Meetii Qabu Hoʼa Of Irraa Ittisu
Goondaan kun lubbu qabeeyyii beekamoo lafa irra jiraatanii fi hoʼa cimaa damdamatan keessaa tokko dha. Hoʼa cimaa damdamachuu kan dandaʼe akkamitti?
Wantoota garabiraa
Dhiphina Damdamachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
Karaa dhiphinni sitti dhagaʼamu akka si miidhu utuu hin taʼin akka si fayyadu gochuuf si gargaaru jaʼa.
Yeroo Balaan Uumamutti Dhugaa Baatonni Yihowaa Gargaarsa Ni Godhuu?
Yeroo balaan uumamutti namoota amantii keenya taʼaniifis taʼe warra kaaniif gargaarsa kan goonu akkamitti akka taʼe baradhu.