Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gammachuu Jireenya Salphaa Jiraachuun Argamsiisu

Gammachuu Jireenya Salphaa Jiraachuun Argamsiisu

DAANIʼELII FI MIIRIYAAM Fulbaana 2000⁠tti gaaʼela erga godhatanii booda magaalaa Ispeen, Baarseloonaa keessa jiraachuu jalqaban. Daaniʼel akkana jedheera: “Jireenya gaarii jiraanna turre. Hojiin keenya manneen nyaataa gaarii taʼan keessaa akka nyaannu, biyya alaa akka deemnuu fi uffata gaggaarii akka uffannu nu dandeessisa ture. Akkasumas yeroo hunda tajaajila irratti ni hirmaanna turre.” Haa taʼu malee, jireenya keenya keessatti jijjiiramni tokko ni uumame.

Haasaa walgaʼii naannoo bara 2006⁠tti godhame irratti dhihaate tokko irratti gaaffiin akkana jedhu baayʼee garaa isaa tuqee ture: “Namoota ‘ajjeefamuuf hollachaa adeeman’ daandii jireenya bara baraa akka argatan gargaaruuf wanta nuuf dandaʼame hunda gochaa jirraa?” (Fak. 24:11) Itti gaafatamummaa ergaa Kitaaba Qulqulluu lubbuu baraaru akka beekan gochuun qabu jabeessee kan ibsu ture. (HoE. 20:26, 27) Daaniʼel, “Akkuma waan Yihowaan anatti dubbachaa jirutti natti dhagaʼame” jechuudhaan waan yaadatu dubbateera. Kana malees, haasaan sun namni tokko tajaajila isaa balʼifachuun isaa gammachuu guddaa akka isaaf argamsiisu ibseera. Daaniʼel kun dhugaa taʼuu isaa beeka ture. Miiriyaam duruma iyyuu qajeelchaa taatee tajaajiluu waan jalqabdeef, eebba gammachiisaa argachaa jirti turte.

Daaniʼel, “Yeroon tarkaanfii guddaa itti fudhadhu amma dha jedheen murteesse” jedheera. Akkuma jedhes godheera. Saʼaatii hojii itti hojjetu hirʼisuudhaan qajeelchaa taʼee tajaajiluu jalqabe; akkasumas gammachuu innii fi Miiriyaam bakka babalʼistoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisan deemanii tajaajiluun argamsiisu yaaduu eegale.

JALQABA HAALA RAKKISAA—ACHII IMMOO ODUU GAMMACHIISAA

Caamsaa 2007⁠tti, Daaniʼelii fi Miiriyaam hojii isaanii dhiisanii gara biyya kanaan dura daawwatanii jechuunis Paanaamaa dhaqan. Naannoon tajaajilaa isaanii inni haaraan odoolawwan naannoo galaana Kaarebiyaa jiran Bookas Deel Tooroo jedhaman kan dabalatu ture; jiraattonni odoolawwan kanaa hedduun saba dhaloota biyyichaa Nagabee jedhamani dha. Daaniʼelii fi Miiriyaam qarshii walitti kuufatanitti fayyadamuudhaan gara jiʼa saddeetiif Paanaamaa turuu akka dandaʼan yaadanii turan.

Odoolawwan kana keessa deddeebiʼuuf geejibni isaan itti fayyadaman bidiruu fi biskileetii ture; imalli jalqabaa isaan godhan aduu saafaa keessa tulluu irra gara kiiloo meetira 32 biskileetiidhaan deemuu akka ture ni yaadatu. Daaniʼel dadhabbiidhaan kan kaʼe of wallaalee kufuu malee wanti isa hafe hin turre. Taʼus, manneen karaa irra jiranii fi maatiiwwan Nagabee mana isaaniitti isaan simatu turan; keessumaa immoo hiriyoonni gaaʼelaa kun afaan biyyichaa keessaa jechoota tokko tokko erga baratanii booda caalaatti isaan simataniiru. Utuma baayʼee hin turin, qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu 23 geggeessuu jalqaban.

Haa taʼu malee, qarshiin isaan kuufatan yommuu dhumu, hiriyoonni gaaʼelaa kun gammachuun isaanii gara gaddaatti jijjiirame. Daaniʼel akkana jechuudhaan wanta yaadatu dubbata: “Iji keenya imimmaaniin guutamee, waaʼee gara Ispeenitti deebiʼuu yaaduu jalqabne. Barattoota Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisnu dhiisnee deemuun baayʼee nu gaddisiisee ture.” Achiis jiʼa tokko booda oduu nama gammachiisu dhagaʼan. Miiriyaam akkana jetteetti: “Qajeelchitoota addaa taanee akka tajaajillu afeeramne. Tajaajila keenya itti fufuu dandaʼuun keenya baayʼee nu gammachiise!”

GAMMACHUU GUDDAA ISAAN ARGATAN

Bara 2015⁠tti sirreeffama jaarmiyicha keessatti raawwatameen kan kaʼe, Daaniʼelii fi Miiriyaam qajeelchaa yeroo hundaa taʼanii tajaajiluu isaanii akka itti fufan gaafataman. Yeroo kanatti maal godhu laata? Abdii Faarfannaa 37:5 irra jiruu fi “Karaa kee Waaqayyotti kennadhu, isa amanadhu! Innis siif in raawwata” jechuudhaan kennametti amanamaniiru. Hojii qajeelchaa taʼanii tajaajilaa of deggeranii jiraachuuf isaan dandeessisu kan argatan siʼa taʼu, yeroo ammaatti gumii godina Beeraagwaas ishii Paanaamaatti argamtu keessa tajaajilaa jiru.

Daaniʼel akkana jedheera: “Ispeeniin gadhiisuu keenya dura, jireenya salphaa jiraachuu dandaʼuu keenya mirkanaaʼoo hin turre. Yeroo ammaatti garuu jireenya salphaa jiraachuu dandeenyeerra; wantoonni dhugumaan barbaachisaa taʼanis nutti hirʼatanii hin beekan.” Wanti gammachuu guddaa isaaniif argamsiise maali dha? “Namoota gad of qaban waaʼee Yihowaa akka baratan gargaaruun, gammachuu guddaa homtinuu ittiin hin qixxaanne namaaf argamsiisa!” jedhaniiru.