SEENAA JIREENYAA
“Callee Gatii Guddaa Qabu” Arganneerra
WIINISTANII fi Paamilaa (Paam) Peeyin waajjira damee Awustiraaleeshiyaatti tajaajilu. Aadaa gara garaatti baruu fi Paamilaa irraa ulfi baʼuu isaatiin gadda isaan mudate dandamachuu dabalatee rakkoowwan hedduun kan isaan mudatan taʼus, jireenya gammachiisaa waliin dabarsaniiru. Akkasumas, wantoota kana hundumaa keessatti, jaalala Yihowaa fi saba isaatiif qaban akkasumas gammachuu tajaajila irraa argatan eeganii itti fufaniiru. Gaafannoo kana irratti muuxannoo isaanii tokko tokko akka nutti himan isaan affeerreerra.
Wiinistan, mee waaʼee carraaqqii Waaqayyoon barbaaduuf gootee nutti himi.
Kanan guddadhe naannoo lafa qonnaa Kuwiinsilaandi Awustiraaliyaa keessatti argamtuu fi maatii amantiidhaaf dantaa hin qabne keessatti dha. Bakka fagoo waan jiraannuuf, maatii kootiin alatti nama kan biraa wajjin baayʼee wal hin qunnamun ture. Yeroo umuriin koo gara waggaa 12 taʼu, Waaqayyoon barbaaduun jalqabe. Waaʼee isaa dhugaa isaa beekuuf akka na gargaaru kadhannaadhaan isa nan gaafadhan ture. Yeroo booda Adleed ishii Kibba Awustiraaliyaatti argamtu keessatti hojii waanan argadheef bakka qonnaa sana dhiiseen deeme. Yeroo umuriin koo waggaa 21 taʼu Siidniitti utuun boqonnaa irra jiruu Paam wajjin kan wal argine siʼa taʼu, ishiinis waaʼee sochii amantii Biriitish-Israaʼel jedhamuu natti himte. Sochiin amantii kun namoonni Biritaaniyaa gosoota Israaʼel warra eessa akka jiran akka hin beekamne yaadaman irraa akka dhufan amana. Gareen kun akka jedhutti, gosoonni kun gosoota kurnan mootummaa kaabaa warra Dh.K.D. jaarraa saddeettaffaatti boojuudhaan fudhatamani dha. Kanaafuu, yeroon gara Adleeditti deebiʼu, waaʼee kanaa nama na wajjin hojjetuu fi Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabe tokko waliin mariʼachuun jalqabe. Saʼaatii muraasaaf keessumaa waaʼee amantii Dhugaa Baatotaa erga haasofnee booda, kadhannaan ijoollummaa kootti dhiheesse deebii akka argaten hubadhe. Achiis, waaʼee Uumaa koo fi waaʼee Mootummaa isaa dhugaa jiru nan baradhe! Kanaan kan kaʼes, “Callee gatii guddaa qabu” argadheera.—Mat. 13:45, 46.
Paam, atis callee kana barbaaduu kan jalqabde ijoollummaa keetti ture. Akkamitti argatte?
Ani kanan guddadhe magaalaa Koofsi Haarbar ishii Niiwu Saawuz Weelsitti argamtuu fi maatii amantii cimsee hordofu keessatti ture. Warri koo, akkasumas akkoo fi akaakayyuun koo barumsa sochii
Biriitish-Israaʼel fudhatanii turan. Ani, obboleessi koo inni quxisuun, obboleettiin tiyya angaftii fi durbiiwwan koo hedduun, Waaqayyo namoota sanyii Biritaaniyaa qabaniif iddoo guddaa akka kennu ijoollummaa keenyaa kaasnee nutti himama ture. Haa taʼu malee, ani barumsawwan akkasii irratti walii hin galu akkasumas fedhiin hafuuraa koo akka hin guutamne natti dhagaʼama ture. Yeroo umuriin koo waggaa 14 taʼu waldaalee amantii naannoo keenyatti argaman adda addaa kan akka Angilikaanii, Baabtistii fi Adveentistii Guyyaa Torbaffaa dhaqeen ture. Haa taʼu malee waaʼee Waaqayyoo sirriitti akkan beeku na hin gargaarre.Yeroo booda maatiin koo gara Siidniitti kan gale siʼa taʼu, Wiinistan wajjin kanan wal arge yeroo inni boqonnaadhaaf achi jirutti ture. Akkuma inni dubbate mariin isa waliin goone yeroo booda Dhugaa Baatota wajjin qoʼachuu akka jalqabu isa taasiseera. Achiis, xalayaa caqasootaan guutame naaf erge! Dhugaa dubbachuuf jalqaba irratti sodaadhee fi aareen ture. Haa taʼu malee yeroo booda wanti inni barreesse dhugaa waaʼee Waaqayyoo ibsu akka taʼen hubadhe.
Bara 1962tti Wiinistanitti dhihaachuuf jedheen gara Adleed deeme. Innis hiriyoota gaaʼelaa Dhugaa Baatota taʼanii fi Toomaasii fi Jaaniis Isloomaan jedhaman wajjin akkan jiraadhu haala naaf mijeesse. Hiriyoonni gaaʼelaa kun Paappuwaa Niiwu Giiniitti misiyoonota taʼanii tajaajilanii turan. Isaan gaarummaa guddaa natti argisiisaniiru; yeroo sana umuriin koo waggaa 18 waan tureef, karaa hafuuraa baayʼee na gargaaraniiru. Kanaaf anis Dubbii Waaqayyoo qoʼachuu kanan jalqabe siʼa taʼu, utuma baayʼee hin turin dhugaa akkan argadhe mirkanaaʼaan taʼe. Anii fi Wiinistan gaaʼela erga godhannee booda tajaajila Yihowaa irratti jireenya nama kiisu jiraachuu jalqabne. Kunis qorumsi jiraatus callee gaarii arganneef dinqisiifannaa qabnu akka guddifannu nu gargaareera.
Wiinistan, mee waaʼee waggoota jalqabaa tajaajila Yihowaa irratti dabarsitee nutti himi.
Anii fi Paam gaaʼela erga godhannee utuma baayʼee hin turin, Yihowaan ‘balbala balʼaa’ hedduu tajaajilaaf nuuf banaman keessa isa duraa nuuf banuu jalqabe. (1 Qor. 16:9) Balbala isa duraa kan nutti argisiise obboleessa keenya Jaak Poorter isa ilaaltuu ol aanaa taʼee fi gumii keenya ishii xinnoo tajaajilaa ture dha. (Yeroo ammaa miseensa Koree Waajjira Damee Awustiraaleeshiyaa ti.) Jaak fi haati manaa isaa qajeelchaa yeroo hundaa akka taanu kan nu jajjabeessan siʼa taʼu, mirga kanatti waggoota shaniif gammachuudhaan tajaajilleerra. Yommuu umuriin koo waggaa 29 taʼu, Anii fi Paam Odoolawwan Kibbaa Paasifiik isa yeroo sanatti waajjira damee Fiijii jala ture keessatti hojii daawwannaa akka hojjennu gaafatamne. Odoolawwan kun Ameerikaan Saamooʼaa, Saamooʼaa, Kiriibaatii, Naaʼuuruu, Niiyu’ee, Tookeluu, Toongaa, Tuvaaluu fi Vaanuwaatuu turan.
Yeroo sanatti, namoonni odoolawwan faffagaatanii jiran keessa jiraatan Dhugaa Baatota Yihowaa waan shakkaniif, of eeggatoo fi garraamii taʼuun nu barbaachisee ture. (Mat. 10:16) Gumiiwwan sun xixinnoo siʼa taʼan, tokko tokko immoo bakka bullu nuuf qopheessu hin dandaʼan turan. Kanaafuu, namoota ganda sana keessa jiran bira bakka bultii barbaaddanna turre, isaanis yeroo hunda nuuf gaarii turan.
Wiinistan, hojii hiikkaatiif fedhii guddaa qabda. Fedhii akkasii qabaachuu kan dandeesse akkamitti?
Yeroo sanatti obboloonni odoola Toongaa irra jiraataan tiraaktotaa fi buukleetota afaan Toongaa isa afaan Poolineeshiyaa taʼeen qophaaʼan muraasaa qofa qabu turan. Tajaajila irratti kitaaba Dhugaa Jireenya Bara Baraatti Geessu jedhamuu fi afaan Ingiliffaatiin qoʼannaadhaaf qophaaʼetti fayyadamu turan. Kanaafuu, yeroo manni barumsaa jaarsolii gumii torban afuriif geggeeffamutti, jaarsoliin naannoo sanaa sadii afaan Ingiliffaa hamma tokko dandaʼan kitaaba kana gara afaan Toongaatti hiikuuf walii galan. Paam hiikkaa isa harkaan barreeffame sana taayippii kan goote siʼa taʼu, nutis akka maxxanfamuuf gara waajjira damee Yunaayitid Isteetisitti ergine. Guutummaan hojichaa gara torban saddeetii fudhate. Hiikkaan sun qulqullina guddaa kan hin qabne taʼus, barreeffamichi namoonni afaan Toongaa dubbatan hedduun dhugaa akka baratan gargaareera. Anii fi Paam hojii hiikkaa hin hojjennu, taʼus muuxannoon kun hojii kanaaf fedhii akka qabaannu nu godheera.
Paam, jireenyi odoolawwan kana irraa, jireenya Awustiraaliyaa irraa adda kan taʼe akkamitti?
Garaa garummaa guddaa qaba! Bakka jirru irratti kan hundaaʼe taʼus, tuuta bookee, hoʼa guddaa fi qorra, hantuuta, dhukkubaa fi yeroo tokko tokko
immoo nyaata gaʼaa dhabuun nu mudateera. Karaa kan biraa immoo, gara galgalaa yeroo hunda, mana citaa warra Poolineezyiyaa isa keenyan hin qabnee fi afaan Saamoʼaatiin faalee jedhamu keessa teenyee galaana ilaaluun baayʼee nu gammachiisa ture. Halkan yeroo ifni jiʼaa jirutti muka meexxii arguu kan dandeenyu siʼa taʼu, addeessis galaana irraa ni calaqqisti turte. Yeroon gaariin akkasii yaada dogoggoraa dhiisnee akka xiinxalluu fi akka kadhannu nu kakaasa ture.Ijoollee bakka sanaa wanta nama gammachiisu hedduu qabanii fi namoota adii akka keenyaa yommuu argan hubatanii ilaalan baayʼee jaallannee turre. Yeroo gara Niiyuʼee dhaqnee turre tokkotti, mucaa xinnoon tokko harka Wiinistan isa rifeensa qabu qaqqabuudhaan, “Baallee kee jaalladheera” jedhe. Haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti, mucaan kun sana dura harka rifeensa qabu argee waan hin beekneef, akkamitti akka ibsu hin beeku ture!
Haala rakkisaa namoonni hedduun keessa jiraatan arguun baayʼee nu gaddisiisa ture. Naannoo bareedaa kan qaban taʼus, dhaabbilee fayyaa gaʼaa taʼee fi bishaan dhugaatii qulqulluu hin qaban turan. Taʼus obboloonni keenya kun waan isaan dhiphisu hin fakkaatu. Jireenyi akkasii isaaniif haaraa miti. Maatii isaaniitti dhihaatanii jiraachuun, bakka waaqeffannaa qabaachuu fi Yihowaa jajachuuf mirga argachuun isaanii isaan gammachiisa. Fakkeenyi isaanii wantoota dursa kenninuuf irratti xiyyeeffachuu keenya akka itti fufnuu fi jireenya keenya salphaa akka goonu nu gargaareera.
Paam, yeroo tokko tokko haala haaraa akkasii keessatti bishaan waraabbachuu fi nyaata qopheeffachuun si barbaachisee ture. Kana gochuu kan dandeesse akkamitti?
Abbaa koo galateeffachuun barbaada. Inni wantoota gaggaarii hedduu kan akka ibidda qabsiisanii irratti nyaata bilcheessuu fi wantoota muraasaan jiraachuu na barsiiseera. Yeroo Kiriibaatii daawwannu tokkotti, mana citaa xiqqoo lafti isaa wanta galaana keessaa argamuu fi kooraalii jedhamuun uwwifame, keenyan isaa immoo leemmanaan hojjetame keessa jiraannee turre. Nyaata bilcheessuuf, lafa qotee iddoo ibiddaa ergan qopheessee booda, qola kokonaatiitti fayyadameen ibidda qabsiisa. Boolla bishaanii keessaa bishaan waraabbachuuf immoo dubartoota naannoo sana jiranii wajjinan dabaree nan qabadha. Boollicha keessaa bishaan ol baasuuf, muka meetira lama dheeratuu fi fiixee isaa irratti funyoo qalʼoon hidhametti fayyadamu. Haa taʼu malee, fiixee funyoo sanaa irratti hokkoo hidhuu mannaa xaasaa itti hidhu. Dabaree dabareedhaan, tokkoon tokkoon dubartii isa ittiin waraabbattu gad darbattee yeroo sirrii taʼetti harka ishii micciirti turte. Achiis xaasichi gara tokkotti jalʼatee bishaaniin guutama. Hamma dabareen koo gaʼutti hojiin kun salphaa natti fakkaatee ture. Anis funyoo koo yeroo hedduun gad darbadhe, taʼus xaasichi bishaan keessa seenuu mannaa irra taaʼe! Namoonni achi jiran hundi dhaabatanii kan natti kolfan siʼa taʼu, dubartiin tokko garuu na gargaarte. Isaan yeroo hundumaa nama gargaaru akkasumas gaarummaa natti argisiisu.
Lamaan keessan iyyuu hojii odoolawwan kana irratti isiniif kenname jaallattaniittu. Yaadannoo addaa qabdan tokko tokko nutti himuu dandeessu?
Wiinistan: Aadaawwan tokko tokko itti baruun yeroo nutti fudhateera. Fakkeenyaaf, obboloonni nyaata yommuu nu kennan, nyaata qopheeffatan hunda nuuf dhiheessu turan. Jalqaba irratti, hamma tokko isaaniif dhiisuun kan nu irraa eegamu taʼuu isaa hin beekne turre. Kanaafuu, nyaata nuuf dhihaate hunda ni nyaanne! Dhugaa dha, erga haala isaa barree booda garuu, nyaata isaaniif ni hambisna turre. Dogoggora kan raawwannu taʼus, obboloonni nu hubatu turan. Akkasumas yeroo nuti jiʼa jaʼa keessatti al tokko hojii daawwannaatiif isaanii wajjin wal arginu baayʼee gammadu turan. Yeroo sanatti obboloonni warra gumii isaanii keessa jiraniin alatti, nu qofa wajjin wal argu turan.
Daawwannaan keenya hawaasa naannoo sana jiruuf akka gaariitti dhugaa baʼuufis ni gargaara ture. Namoonni gandoota sana keessa jiran hedduun, obboloonni amantii isaanii ofuma isaaniitiin akka uuman godhanii yaadu turan. Kanaafuu, yeroo obboleessi tokkoo fi haati manaa isaa biyya alaatii obboloota daawwachuu dhufan namoonni naannoo sanaa dhugaa isaa hubachuudhaan dinqisiifatan.
Paam: Yaadannoowaan ani hin irraanfanne keessaa tokko Kiriibaatii bakka gumii obbolootaa fi obboleettota muraasa qofa qabutti wanta taʼe dha. Jaarsi achi jiru Intiikaayii Maateeraa qofa siʼa taʼu, innis nu kunuunsuuf wanta isaaf dandaʼame hunda ni godha ture. Gaaf tokko guuboo hanqaaquun tokko qofti keessa jiru qabatee dhufe. Achiis “Isiniifan fide”
jedhe. Yeroo sanatti hanqaaquu lukkuu argachuun baayʼee ulfaataa ture. Kanaafuu, gochi arjummaa xinnoon kun garaa keenya baayʼee tuqe.Paam, waggoota muraasa booda ulfi si irraa baʼeera. Rakkina kana dandamachuuf maaltu si gargaare?
Ulfi garaatti kan na hafe bara 1973, yeroo anii fi Wiinistan Kibba Paasifiik turretti dha. Kanaafuu gara Awustiraaliyaatti deebiʼuuf kan murteessine siʼa taʼu, jiʼa afur booda mucaa keenya duʼan dhabne. Mucaan kun kan isaas waan taʼeef, Wiinistanis baayʼee gaddee ture. Gaddi cimaan garaa koo keessa jiru yeroo booda kan hirʼate taʼus, hamma Masaraa Eegumsaa Ebla 15, 2009 argannetti guutummaatti hin badne ture. Mata dureen, “Gaaffii Dubbistootaa” irra jiru, “Mucaan duʼaa kaʼuuf abdii qabaa?” jedha. Mata dureen sun, dhimmi kun Yihowaa isa yeroo hunda wanta sirrii taʼe raawwatu harka akka jiru nuuf mirkaneesseera. Inni, Ilmi isaa ‘hojii Seexanaa akka diigu’ qajeelfama isaaf kennuudhaan, addunyaa hamaa kana keessatti miidhaa nu irra gaʼe hunda ni balleessa. (1 Yoh. 3:8) Mata dureen kun kana malees, saba Yihowaa keessaa tokko taʼuudhaan “callee” arganne isa gatii guddaa qabu caalaatti akka dinqisiifannu nu gargaareera! Abdii Mootummichaa utuu hin qabnu taʼee maal taana turre?
Mucaa keenya erga duʼaan dhabnee booda, ammas deebinee tajaajila yeroo guutuu jalqabne. Jiʼoota muraasaaf Betʼel isa Awustiraaliyaa jiru keessatti erga tajaajillee booda, deebinee hojii daawwannaa jalqabne. Baadiyyaa Niiwu Saawuz Weelsii fi Siidnii keessatti waggoota afuriif erga tajaajillee booda, bara 1981 waajjira damee Awustiraaliyaatti kan waamamne siʼa taʼu, yeroo sanaa kaasee achuma jirra.
Wiinistan, muuxannoon Odoolawwan Kibba Paasifiikitti argatte, miseensa Koree Waajjira Damee Awustiraaliyaa taatee yommuu hojjettu si gargaareeraa?
Eeyyee, karaa hedduutiin na gargaareera. Tokkoffaa Awustiraaliyaan, Ameerikaan Saamoʼaa fi Saamoʼaa akka gargaaru gaafatamee ture. Achiis waajjirri damee Niiwu Ziilaandi Awustiraaliyaa wajjin walitti makameera. Amma naannoon tajaajilaa waajjira damee Awustiraaleeshiyaa, Awustiraaliyaa, Ameerikaan Saamoʼaa fi Saamoʼaa , Odoolawwan Kuuk, Niiwu Ziilaandi, Niiyuʼee, Tiimoor Liistee, Tookeluu fi Toongaa kan dabalatu siʼa taʼu, ani immoo bakka buʼaa waajjira damee taʼee baayʼee isaanii daawwachuuf mirga argadheera. Muuxannoon ani obbolootaa fi obboleettota amanamoo odoolawwan kana keessa jiraatanii wajjin hojjechuudhaan argadhe, ammaa yeroon waajjira damee keessatti isaan tajaajilu guddaa na gargaareera.
Xumura irratti, Paamii fi ani muuxannoo keenya irraa kaʼuudhaan, Waaqayyoon kan barbaadan namoota guguddaa qofa akka hin taane hubachuu keenya dubbachuun barbaada. Miseensonni maatii kaan dhugaadhaaf yoo fedhii dhaban illee, dargaggoonni, “callee gatii guddaa qabu” argachuu ni barbaadu. (2 Mot. 5:2, 3; 2 Sen. 34:1-3) Yihowaan Waaqa jaalala qabeessa waan taʼeef, dargaggoonnis taʼan maanguddoonni namoonni hundi jireenya akka argatan ni barbaada!
Ani fi Paam waggaa 50 dura Waaqayyoon barbaaduu yommuu jalqabne, barbaachi keenya kun eessaan akka nu gaʼu hin beeknu turre. Shakkii tokko malee dhugaan Mootummichaa callee gatiin isaa hangana hin jedhamne dha! Callee kana humna keenya guutuudhaan cimsinee qabachuuf murteessineerra!