Boqonnaa fi Lakkoofsa—Kitaaba Qulqulluutti kan Dabale Eenyu?
MEE Kiristiyaana jaarraa jalqabaatti jiraachaa ture akka taate godhii yaadi. Phaawulos ergamaan gumii keessaniif xalayaa ergeera. Xalayaan kun yommuu dubbifamu yeroo dhaggeeffattu, Phaawulos “caaffata qulqullaaʼaa” afaan Ibrootaa irraa siʼa baayʼee akka caqase hubatte. (2 Ximotewos 3:15) ‘Caqasichi eessaa akka fudhate arguu nan barbaada’ ofiin jetta. Taʼus, akkas gochuun salphaa miti. Maaliif?
BOQONNAAS TAʼE LAKKOOFSA HIN QABU
Mee ‘caaffanni qulqullaaʼaan’ harkaan barreeffamee fi bara Phaawulositti ture maal akka fakkaatu ilaali. Maraa kitaaba Isaayaas Galaana Soogiddaa keessaa argame gar tokkoo isaa fuula kana irraa ilaaluu dandeessa. Maaltu sitti mulʼata? Barreeffama mataa fi miilli isaa hin beekamne dha! Sirna tuqaalee hin qabu. Boqonnaa fi lakkoofsa yeroo harʼaatti itti fayyadamaa jirrus hin qabu.
Namoonni Kitaaba Qulqulluu barreessan ergaa isaanii, boqonnaa fi lakkoofsaan gargar hin baasne. Namoonni kutaa murtaaʼe qofa utuu hin taʼin guutummaa isaa akka dubbisanitti, ergaa Waaqayyoo utuu addaan hin kukkutin barreessan. Atis nama jaallattu tokko biraa xalayaan yeroo sii ergamu kutaa murtaaʼe qofa utuu hin taʼin guutummaa xalayichaa dubbista.
Kitaabni Qulqulluun boqonnaa fi lakkoofsa kan hin qabne taʼuun isaa rakkina uumee ture. Phaawulos caqasawwan itti fayyadame yeroo ibsu, ‘Caaffanni qulqullaaʼaan akkas jedha’ ykn “akkuma Isaayaas duraan dursee dubbate” jedha ture. (Roomaa 3:10; 9:29) “Caaffata qulqullaaʼaa” hunda sirriitti yoo beekte malee caqasoota kana argachuun ulfaataa ture.
Kana malees, ‘caaffanni qulqullaaʼoon’ ergaa Waaqayyo biraa dhufe tokko qofa kan qabatan hin turre. Dh.K.B. dhuma jaarraa jalqabaatti, caaffanni qulqullaaʼoon kitaabota garaa garaa 66 kan qabatan taʼaniiru! Namoonni yeroo harʼaatti Kitaaba Qulqulluu dubbisan hedduun boqonnaa fi lakkoofsa qabaachuu isaatti ni gammadu; sababiin isaas amma odeeffannoo taʼe tokko, fakkeenyaaf caqasoota Phaawulos xalayaa isaa irratti caqase salphaatti argachuu dandaʼu.
Tarii, ‘Boqonnaa fi lakkoofsa Kitaaba Qulqulluutti kan dabale eenyu?’ jettee gaafatta taʼa.
BOQONNAA KAN ITTI DABALE EENYU?
Kitaabni Qulqulluu boqonnaa akka qabaatu kan godhan, geggeessaa amantii lammii Ingilaandi Isteefan Laangitan jedhamanii fi yeroo booda Phaaphaasii Kaantarbarii taʼani dha. Akkas kan godhan Dh.K.B. jalqaba jaarraa 13ffaatti yeroo barsiisaa Yunivarsiitii Paaris isa Faransaayitti argamuu turanitti dha.
Bara Laangitan dura hayyoonni, Kitaaba Qulqulluu kutaa ykn boqonnaadhaan qoqqooduuf mala garaa garaatti fayyadamaniiru; akkas kan godhan qorannaaf akka mijatuuf taʼuu hin oolu. Yaada tokko kitaaba akka kitaaba Isaayaas boqonnaa 66 qabu keessaa barbaaduu mannaa, boqonnaa tokko keessaa qofa barbaaduun hammam isaaniif salphaa akka taʼe tilmaamuu dandeessa.
Haa taʼu malee, kunis rakkina uumee ture. Hayyoonni mala garaa garaa wal hin simne qopheessanii turan. Wangeelli Maarqos inni yeroo ammaatti boqonnaa 16 qabu, kitaaba tokko keessatti gara boqonnaa 50tti qoqqoodamee ture. Bara Laangitanitti barattoonni biyyoota hedduudhaa dhufan Paaris keessa kan turan siʼa taʼu, barattoonni kun Kitaaba Qulqulluu biyya isaanii fudhatanii dhufu turan. Haa taʼu malee, barsiisonnii fi barattoonni iddoo itti caqasni tokko argamu irratti walii galuu hin dandaʼan turan. Maaliif? Akkaataan itti Kitaabni Qulqulluu isaanii boqonnaadhaan qoqqoodame garaa gara waan tureefi dha.
Kanaaf Laangitan akkaataa boqonnaan Kitaaba Qulqulluu ittiin qoqqoodamu haaraa qopheessan. Kitaabni The Book—A History of the Bible (Kitaaba—Seenaa Kitaaba Qulqulluu) jedhamu, malli Laangitan itti fayyadame ‘qalbii namoota dubbisanii fi barreessitootaa akka hawwate, akkasumas saffisaan guutummaa Awurooppaa keessa akka tamsaʼe’ ibseera. Boqonnaawwan yeroo ammaatti Kitaabota Qulqulluu hedduu keessatti argaman kan qopheesse isa dha.
LAKKOOFSA KAN ITTI DABALE EENYU?
Waggaa 300 booda, walakkeessa jaarraa 16ffaatti, hayyuun maxxansaa beekamaa lammii Faransaayi Roobarti Istiyan jedhaman, Kitaaba Qulqulluutti fayyadamuun caalaatti salphaa akka taʼu godhan. Kaayyoon isaanii Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun akka babalʼatu gochuu ture. Boqonnaa fi lakkoofsa qoqqooduu ilaalchisee malli wal fakkaatu jiraachuun isaa hammam barbaachisaa akka taʼe hubatanii turan.
Yaada Kitaaba Qulqulluu lakkoofsaan qoqqooduu kan jalqabe Istiyan miti. Dursanii namoonni akkas godhan jiru turan. Fakkeenyaaf, jaarraawwan hedduu dura Yihudoonni Kitaaba Qulqulluu garagalchan guutummaa Kitaaba Qulqulluu afaan Ibrootaatiin qophaaʼe ykn kutaa Kitaaba Qulqulluu yeroo baayʼee Kakuu Moofaa jedhamee waamamu lakkoofsaan kan qoqqoodan taʼus, boqonnaadhaan hin qoqqoodne turan. Akkuma boqonnaawwanii, malli lakkoofsonni ittiin qoqqoodamanis wal hin fakkaatu ture.
Istiyan, Kitaaba Qulqulluu afaan Giriikii yeroo baayʼee Kakuu Haaraa jedhamee waamamu akka haaraatti lakkoofsaan qoqqoodanii, warra duraan Kitaaba Qulqulluu afaan Ibrootaa keessa turanii wajjin walitti qindeessan. Bara 1553tti Kitaaba Qulqulluu guutuu jalqabaa (afaan Faransaayiin) boqonnaa fi lakkoofsa yeroo ammaatti itti fayyadamnuu wajjin wal fakkaatu qabu maxxansiisan. Namoonni tokko tokko akkaataan lakkoofsaan itti qoqqoodame yaada Kitaaba Qulqulluu akka addaan kukkute dubbachuudhaan isa ceephaʼanii turan. Malli kun garuu maxxansitoota kaan biratti dafee fudhatama argateera.
BARATTOOTA KITAABA QULQULLUUTIIF FAAYIDAA ARGAMSIISEERA
Boqonnaa fi lakkoofsa yeroo jedhamu waanuma salphaa fakkaata. Taʼus, akkas godhamuun isaa akkuma lakkoofsa poostaa, caqasawwan hundi “teessoo” addaa akka qabaatan godheera. Dhugaa dha, namoonni boqonnaa fi lakkoofsaan kan qoqqoodan hafuura Waaqayyootiin geggeeffamanii miti; akkasumas al tokko tokko iddoo hin eegamnetti yaada Kitaaba Qulqulluu addaan kutu. Taʼus, iddoo caqasni tokko itti argamu adda baasnee beekuunii fi mallattoo itti godhachuun ykn caqasa hiika addaa nuuf qabu namootatti himuun akka nuu salphatu godha; akkuma ibsawwan ykn gaaleewwan kitaaba irraa argannee fi yaadachuu barbaannutti mallattoo godhannu jechuu dha.
Kitaabni Qulqulluun boqonnaa fi lakkoofsaan qoqqoodamuun isaa gaarii taʼus, ergaa Waaqayyo nuu kenne guutummaatti hubachuun barbaachisaa taʼuu isaa hin dagatin. Caqasa tokko qofa utuu hin taʼin, yaada naannoo caqasichaa jirus dubbisuu amaleeffadhu. Kun immoo, “caaffata qulqullaaʼaa isa . . . akka fayyitutti ogummaa siif kennuu dandaʼuu” wajjin caalaatti wal baruuf si gargaara.—2 Ximotewos 3:15.