MataDuree Fuula Jalqabaa | Yesus kan Dhiphatee fi kan Duʼe Maaliifi
Dhugumaan kun Raawwatamee Turee?
Yesus inni nama Naazireet ture Dh.K.B. arfaasaa bara 33tti ajjeefame. Fincila kaaseera jedhamee himatame; garmalee reebame; akkasumas muka irratti mismaaraan rukutame. Dhiphina guddaa isa irra gaʼeenis ni duʼe. Waaqayyo garuu duʼaa isa kaase; guyyoota 40 booda gara samiitti ol baʼe.
Seenaan dinqisiisaa taʼe kun, Wangeelota Kitaaba Qulqulluu Afaan Giriikii arfan yeroo baayʼee Kakuu Haaraa jedhaman keessatti argama. Dhuguma seenaawwan achi keessatti ibsaman raawwatamaniiru? Kun gaaffii sirrii kaʼuu qabu dha. Seenaawwan kun dhugumaan hin raawwatamne taanaan, amantiin Kiristiyaanaa gatii hin qabu, akkasumas abdiin Jannata keessa bara baraaf jiraachuu abjuu raawwatamuu hin dandeenye taʼa jechuu dha. (1 Qorontos 15:14) Wantoonni kun dhugumaan raawwatamaniiru yoo taʼe immoo, abdiin gammachiisaa ilmaan namootaatiif kennamee fi atis irraa hirmaachuu dandeessu jira jechuu dha. Maarree seenaawwan Wangeela keessatti ibsaman dhugaa moo asoosama dha?
RAGAAN JIRU MAAL ARGISIISA?
Oduuwwan durii nama gammachiisuuf qofa qophaaʼan irraa haala adda taʼeen, wantoonni Wangeelota keessatti barreeffaman of eeggannoo fi xiyyeeffannaa guddaadhaan, balʼinaan kan barreeffamani dha. Fakkeenyaaf, maqaa biyyoota yeroo ammaatti jiranii fi daawwatamuu Luqaas 3:1, 2, 23.
dandaʼan hedduu kan qabatani dha. Waaʼee namoota yeroo tokkotti jiraachaa turanii fi barreessitoonni seenaa waaʼee isaanii barreessaniis nutti himu.—Barreessitoonni seenaa jaarraa tokkoffaa fi lammaffaatti turan iyyuu waaʼee Yesus barreessanii turan. * Akkaataa inni itti duʼe ilaalchisee wanti Wangeelota keessatti ibsame, akkaataa warri Roomaa yeroo sanatti namoota itti ajjeesanii wajjin kan wal simu dha. Kana malees, taʼeewwan wangeelota keessatti ibsaman ragaadhaan kan deggeramanii fi amanamummaadhaan kan barreeffamani dha; waaʼeen hanqina barattoota Yesus illee barreeffameera. (Maatewos 26:56; Luqaas 22:24-26; Yohannis 18:10, 11) Ragaawwan kun hundi barreessitoonni Wangeelaa amanamummaadhaan, akkasumas sirriitti waaʼee Yesus akka barreessan mirkaneessu.
DUʼAA KAʼUU YESUS ILAALCHISEE HOO MAAL JECHUUTU DANDAʼAMA?
Yesus nama yeroo tokkotti jiraatee fi duʼe taʼuu isaa namoonni hedduun kan amanan taʼus, tokko tokko waaʼee duʼaa kaʼuu isaa ilaalchisee gaaffii kaasu. Ergamoonni isaa illee jalqaba irratti oduu waaʼee duʼaa kaʼuu isaa ibsu hin amanne turan. (Luqaas 24:11) Haa taʼu malee, isaanis taʼan barattoonni kaan, Yesus isa duʼaa kaʼe yeroo adda addaatti yommuu argan shakkiin isaanii ni bade. Yeroo tokko, namoonni 500 ol taʼan ija isaaniitiin isa arganii turan.—1 Qorontos 15:6.
Isaan hiisisuu fi isaan ajjeesisuu kan dandaʼu taʼu illee, barattoonni, Yesus duʼaa kaʼuu isaa namoota hundaaf, warruma Yesusiin ajjeesaniif illee ija jabinaan lallabaniiru. (Hojii Ergamoota 4:1-3, 10, 19, 20; 5:27-32) Barattoonni Yesus hedduun inni dhuguma duʼaa kaʼuu isaa mirkanaaʼoo utuu taʼuu baatanii ija jabinaan ni lallabu turanii? Kiristiyaanummaan addunyaa yeroo sanattis taʼe yeroo ammaa jiru keessatti iddoo guddaa kan qabaate Yesus dhugumaan duʼaa waan kaʼeefi dha.
Seenaan Wangeelaa waaʼee duʼa Yesusii fi duʼaa kaʼuu isaa dubbatu, ulaagaa seenaan tokko sirrii taʼuu isaa mirkaneessu kan guutu dha. Seenaawwan kana xiyyeeffannaadhaan dubbisuun kee wantoonni kun dhuguma kan raawwataman taʼuu isaanii akka amantu si gargaara. Seenaawwan kun maaliif akka raawwataman yommuu hubattu amantiin kee caalaatti siif cimsa. Mata dureen itti aanu waaʼee kanaa ibsa.
^ KEY. 7 Taasiitas inni Dh.K.B, bara 55tti dhalate akkana jedhee barreesseera: “Kiraayistus [Kiristos] inni maqaan Kiristiyaanota jedhamu irraa argame, Phaanxiyos Philaaxos isa bara bulchiinsa Xibaariyositti geggeessitoota keenya keessaa tokko tureen adaba cimaadhaan adabameera.” Suwitooniyas (jaarraa jalqabaa), Joseefas inni barreessaa seenaa Yihudootaa taʼe (jaarraa jalqabaa), akkasumas Piliinii inni Xinnoon inni bulchaa Bitaaniyaa ture (jalqaba jaarraa lammaffaa) waaʼee Yesus barreessaniiru.