MASARAA EEGUMSAA Lakk. 3 2020 | Eebba Bara Baraa Waaqa Jaalalaa Irraa Argamu
Waaqayyo ilmaan namootaatiif eebbawwan akkamii kennuuf waadaa galeera? Dubbii isaatti amanamuu ni dandeessaa? Mata dureewwan itti aanan abdiiwwan Waaqayyo kenne tokko tokko ibsu, abdiiwwan kanatti amanuu kan dandeessu maaliif akka taʼes ni addeessu, akkasumas eebbawwan abdachiifaman kana argachuudhaan akkamitti gammachuu argachuu akka dandeessu ibsu.
Waaqa Jaalalaa Irraa Eebba Bara Baraa Argachuu Dandeessa
Addunyaa caalaatti gaarii taʼe, kan waraanni, yakkii fi dhukkubni tokko illee keessa hin jirre arguuf ni hawwitaa? Kun abjuu miti; wanta Waaqayyo abdachiise dha.
Uumaan Keenya Inni Jaalala Qabeessi Waaʼee Keenya ni Yaada
Akkuma abbaa jaalala qabu tokkoo, Waaqayyo maatii isaa ni kunuunsa. Akkamitti?
Uumaan Keenya Abdiiwwan Isaa Jaalala Irratti Hundaaʼan kan Ibse Akkamitti?
Waaqayyo ergaa isaa nuuf barreessuuf raajotatti kan fayyadame akkamitti?
Dubbiin Waaqayyoo Jijjiirameeraa?
Waaʼee Kitaaba Qulqulluu yeroo harʼaa qabnuu wanta hayyoonni qortanii bira gaʼan ilaali.
Waaʼee Waaqayyoo Raajota Isaa Irraa Barachuu Dandeenya
Raajonni amanamoon sadii waaʼee Waaqayyoo barachuu fi eebbawwan isaa argachuun akkamitti akka dandaʼamu beekuuf nu gargaaru.
Waaqayyo Biratti Fudhatama Argachuuf Kadhachuu Keessan Itti Fufaa
Waaqayyo akka nu dhagaʼuu fi nu eebbisuuf akkamitti kadhachuu dandeenya?
Eebba Warri Waaqayyoof Ajajaman Argatan
Karaawwan Waaqayyoof ajajamuun eebba isaa argamsiisu lama ilaali.
Namootatti Jaalala Argisiisuu kan Dandeenyu Akkamitti?
Warra kaanitti jaalala argisiisuun yeroo hunda salphaa miti, taʼus kana gochuun ni dandaʼama.
Eebba Namoonni Warra Rakkatan Gargaaran Argatan
Nama rakkate tokko gargaaruuf yaaluun Waaqayyo biratti fudhatama akka argannu kan godhuu fi eebba kan nuuf argamsiisu akkamitti?
Eebba Bara Baraa Uumaan Keenya Kennu Argadhu
Yommuu Waaqayyo waadaa Abrahaamiif gale raawwatu jireenyi lafa irraa maal fakkaata laata?
Gaaffiiwwan Kunneen Si Yaaddessuu?
Gaaffii rakkina jireenyaa fi Waaqayyoo wajjin wal qabataniif deebii argadhu.