Waaqa Jaalalaa Irraa Eebba Bara Baraa Argachuu Dandeessa
Addunyaa waraana, jeequmsaa fi walitti buʼiinsa irraa bilisa taʼe keessa jiraachuuf ni hawwitaa?
Yeroo dhukkubni, rakkinnii fi duuti hin jirre ni hawwitaa?
Yaaddoo fi dhiphina irraa bilisa taʼuu ni feetaa?
Iddoo balaan uumamaa miidhaa hin geessisne keessa jiraachuu ni hawwitaa?
Waaqni keenya inni jaalala qabeessa taʼee fi Uumaan pilaaneetii keenya ishii bareedduu taate kanaa, ilmaan namootaa jireenya bara baraa nagaa fi gammachuu qabu akka jiraatan waadaa isaaniif galeera. Abdiin kunis abjuu miti.
Mata dureewwan armaan gadiitiif xiyyeeffannaa akka kennitu si affeerra:
Waaʼee ilmaan namootaa Uumaa keenyatti maaltu dhagaʼama?
Dubbiin Waaqayyoo maal nuuf ibsa?
Abdiiwwan Waaqayyoo kenne ilaalchisee raajonni isaa maal dubbataniiru?
Yeroo ammaatti gammachuu argachuu fi yeroo Waaqayyoo murteessetti immoo jireenya bara baraa argachuuf maal gochuu dandeenya?
Wantoota Waaqayyo jaalalaan kakaʼee ilmaan namootaa uumamawwan isaa taʼaniif raawwate qoruudhaan haa jalqabnu.