Mootummaan Waaqayyoo Haala Garaa Namaa Keessa Jirudhaa?
Mootummaan Waaqayyoo Haala Garaa Namaa Keessa Jirudhaa?
Pooppi Benedikti 16ffaan kitaabasaanii Jiisas oov Naazireet jedhamu keessatti, “Mootummaan Waaqayyoo karaa garaa dhaggeeffataa taʼee dhufa” jedhaniiru. Namoota tokko tokkoof, Mootummaa Waaqayyoo jechuun, jijjiirama yommuu namni tokko Yesus Kiristosiin fudhatuufi amantii qabaatu isa keessatti raawwatamudha. Mootummaan Waaqayyoo jijjiirama ati dhuunfaatti gootu, jechuunis mootummaa ‘garaakee keessa jirudhaaʼ?
MOOTUMMICHI, Yesusiif iddoo guddaa kan qabu ture. Pooppi Benedikti, “lallabni Yesus kan xiyyeeffate” Mootummicharratti akka ture amananiiru. Yesus tajaajilasaa isa lafarraa yeroo gabaabaadhaaf ture jedhamuu dandaʼu keessaa gara caalaasaatti, “wangeela mootummaa Waaqayyoo lallabaa” iddoo baayʼee deemeera. (Maatewos 4:23) Yesus barumsasaafi dinqiiwwan raawwateen, Mootummichi namni tokko Waaqayyotti amanuufi isaaf ajajamuusaa qofa akka hin argisiisne ifa godheera. Mootummichi, bulchiinsa, firdiifi eebbawwan barabaraa kan dabalatudha.
Bulchiinsaafi Firdii
Yesus yeroo tajaajilasaa isa lafarraa xumuruu jala gaʼee turetti, haati Yaaqoobiifi Yohannis bartootasaa warra isatti dhihaatanii garasaa dhuftee, “Ilmaan koo kun lamaan mootummaa kee keessatti inni tokko gara mirga kee, inni tokko immoo gara bitaa kee akka taaʼaniif abboomi!” jette. (Maatewos 20:21) Dubartiin kun, waaʼee wanta garaa ilamaanshee keessa jiru tokkoo dubbachaa akka hin turre ifadha. Mootummichi Yesusii wajjin bulchuu akka dabalatu waan beektuuf, ilmaanshees akka keessatti hirmaatan barbaaddee turte. Yesus ergamoonnisaa kudha tokkoon amanamoo taʼan Mootummaasaa keessatti ‘teessoorra taaʼanii’ isaa wajjin ‘firdii akka kennan’ waadaa isaanii galee ture. (Luqaas 22:30) Kanaafuu, Mootummaa Yesus jechuun duuka buutotasaatiif bulchiinsa dhugaa jechuu ture.
Namoonni bara Yesus turanoo akka waliigalaatti yaada kana akkamitti hubatu turan? Mootummichi jijjiirama nama tokkorratti taʼu akka taʼetti hubatumoo, wanta kana caalu eegu turan? Dh.K.B. bara 33 ayyaanni Faasikaa kabajamuusaa yeroo muraasa dura, Yesus ilmoo harreerra taaʼee Yerusaalemitti yommuu seenu, namoonni baayʼeen kan isa simatan siʼa taʼu, tokko tokkommoo sagalee guddaadhaan, “Hosaaʼinaa ilma Daawitiif!” jedhanii turan. (Maatewos 21:9) Akkas kan jedhan maaliifi? Yesus Masiihii abdachiifame akka taʼeefi Waaqayyo Mootummaa barabaraa, jechuunis “teessoo abaabilii isaa Daawit” akka isaa kennu waan beekaniif akka taʼe beekamaadha. Namoonni kun fayyina, nagaafi firdii qajeelaa Mootummichi fidu hawwanii turan.—Luqaas 1:32; Zakaariyaas 9:9.
Eebbawwan Barabaraa
Namoonni tajaajila Yesusiif fedhii hin qabnellee, ijoon lallabasaa Mootummicha akka ture beekaniiru. Yommuu inni ajjeefame, namni yakkamaan isa cinatti fannifamee ture, “Yaa Yesus, mootummaa keetiin yommuu dhuftu na yaadadhu!” jechuudhaan isa kadhate. Deebiin Yesus maal ture? Nama duʼuuf jedhu sanaan, “Anaa wajjin jannata keessatti in argamta” jechuudhaan waadaa isaaf galeera.—Luqaas 23:42, 43.
Saamtuun kun, Yesus erga duʼaa kaafamee booda, Mootummaa akka fudhatu ykn akka itti galu kan amanu akka ture haalasaarraa hubachuun ni dandaʼama. Yesus namoota miliyoonaan lakkaaʼaman dabaltee nama kana duʼaa kaasuufi amalasaa akka jijjiirratu gargaaruuf aboo qofa utuu hin Yohannis 5:28, 29.
taʼin, fedhiis qaba. Eeyyee, Yesus Bulchaa addunyaa hafuuraa taʼuuf aboo waan argateef, karaa Mootummichaa ilmaan namootaatiif eebbawwan barabaraa fida.—Mootummaa Gidduusaanii Jiru
Yesus, “Mootummaan Waaqayyoo gidduu keessan jira” jedhee hin turree? Eeyyee, wanti Yesus dubbate kun Luqaas 17:21rratti argama. Hiikawwan Macaafa Qulqulluu tokko tokko garuu, “Mootummaan Waaqayyoo isin keessa jira” jedhu. (Fakkeenyaaf, hiika bara 1899fi Niiwu Ingilish Baayibil ilaali.) Yesus yommuu akkas jedhu maal jechuusaa ture?
Yaanni naannoo caqasa kanaa jiru akka argisiisutti, Yesus kana kan dubbate, geggeessitoota amantii Yihudootaa, Fariisota jedhamaniifi diinotasaa taʼanitti ture. Jarri kun Masiihichaafi Mootummaasaa ilaalchisee amantii mataasaanii qabu turan. Akka ilaalchasaaniitti Masiihichi, Yihudoota bittaa warra Roomaa jalaa bilisa baasuufi Israaʼeliif mootummaa deebisuuf jecha Mootii ulfina qabeessa taʼee “duumessoota waaqaatiin” dhufa. (Daaniʼel 7:13, 14) Yesus garuu, “Mootummaan Waaqayyoo milikkitaan himamee hin dhufu” itti dabaluudhaanis, “Kunoo, mootummaan Waaqayyoo gidduu keessan jira” jechuudhaan dogoggorasaanii isaan hubachiiseera.—Luqaas 17:20, 21.
Yesus barsiisuufi dinqii raawwachuudhaan Mootii Mootummaa abdachiifame sanaa taʼuusaa ifatti kan argisiise yoo taʼeyyuu, Fariisonni garaa qulqulluufi amantii hin qabne sun caalaatti kan isa morman taʼuusaarrayyuu, Masiihii taʼuusaa shakkaniiru. Kanaafuu, Mootummaan Mootiisaa isa muudameen bakka buufame ‘gidduusaanii’ akka jiru dhugaasaa isaanitti hime. Kana jechuunsaa of keessa akka ilaalan isaan gaafachuusaa hin turre. * Yeroo akkas isaaniin jedhe sanatti, Yesusiifi bartoonnisaa isaan dura dhaabbatanii turan. “Mootummaan Waaqayyoo as isinii wajjin jira” jedhe.—Luqaas 17:21, Kontemporaarii Ingilish Varshin.
Mootummaa Baayʼee Si Barbaachisu
Mootummaan Waaqayyoo garaa ilmaan namoota cubbamoota taʼanii keessa kan hin jirre yoo taʼeyyuu, baayʼee kan nu barbaachisudha. Yesus barumsasaafi dinqiiwwan raawwatetti fayyadamuudhaan, dhaggeeffattoonnisaa bulchiinsa qajeelaa, nagaafi tasgabbii dhugaa fidurratti amantii dhugaa akka qabaatan carraaqqii godheera. Amantii jireenyasaanii isaanii fooyyessu akka qabaatan barbaada ture. Yesus, “Yaa isa waaqa irra jirtu abbaa keenyaa! Maqaan kee qulqulluu taʼee haa eegamu; mootummaan kee haa dhufu, jaalalli kee waaqa irratti akka taʼu, akkasuma immoo lafa irratti haa taʼu!” jedhanii akka kadhatan isaan barsiiseera. (Maatewos 6:9, 10) Dhaggeeffattoonnisaa hedduun wanta inni dubbateen kan tuqaman siʼa taʼu, eebbawwan Mootummaan Waaqayyoo fidu argachuuf jecha amantii Yesus duukaa buʼuuf isaan kakaasu argataniiru.
Amantii akkasii qabaachuu barbaaddaa? Ni barbaadda taanaan maal gochuu qabda? Yesus yaada jalqabaa Lallabasaa Isa Gaaraarratti, “Karaa hafuuraatti hiyyeessota warri taʼan haa gammadan, mootummaan waaqaa kan isaanii ti” jechuudhaan dubbate yaadadhu. (Maatewos 5:3) Afeerrii Dhugaa Baatonni Yihowaa barruulee kana siif kennan Macaafa Qulqulluu akka qayyabattu sii dhiheessan maaliif hin fudhattu? Kana kan gootu taanaan, jijjiirama dhuunfaatti gootu qofa utuu hin taʼin, nagaafi tasgabbii bulchiinsi Mootummichaa inni qajeelaan fidu argachuuf abdii qabaatta.
[Miiljalee]
^ key. 13 Bakki maqaa “isin” jedhu, Fariisota warra Yesus itti dubbachaa ture kan argisiisudha. Yesus waaʼee jijjiirama Fariisonni dhuunfaatti godhanii ykn garaasaanii gaarii akka taʼe dubbachaa akka hin turre beekamaadha.
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 11rra jiru]
Mootummaan Waaqayyoo, garaa mormitoota Yesus warra mata jabeeyyii taʼaniifi isa ajjeesuu barbaadan sanaa keessa turee?