Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Musee—Nama Jaalala Qabu

Musee—Nama Jaalala Qabu

JAALALLI MAALIDHA?

Jaalalli namootaaf miira hoʼaa qabaachuu dabalata. Namni jaalala qabu tokko aarsaa kan isa kaffalchiisu yoo taʼellee, dubbiinis taʼe gochasaatiin jaalala namootaaf qabu ni argisiisa.

MUSEEN JAALALA KAN ARGISIISE AKKAMITTI?

Museen Waaqayyoon akka jaallatu argisiiseera. Karaa kamiin? Yohannis Inni Duraa 5:3, “Waaqayyoon jaallachuu jechuunis abboommota isaa eeguu dha” akka jedhu yaadadhu. Museen Waaqayyoon waan jaallatuuf abboommotasaa eegeera. Faraʼoon duratti dhihaachuu isa ulfaataa taʼeefi uleesaa Galaana Diimaarratti ol fuudhuu isa hojii salphaa fakkaatu dabalatee wanta Waaqayyo isa abboome hunda raawwateera. Abboommiin isaaf kenname salphaas taʼe ulfaataa, Museen ajajameera. Inni wanta abboomame “akkuma sanatti in hojjete.”—Baʼuu 40:16.

Museen Israaʼeloota hidhatasaa taʼan akka jaallatus argisiiseera. Yihowaan sabasaa geggeessuuf Museetti fayyadamaa akka jiru waan hubataniif, Israaʼeloonni rakkina garaagaraatiif furmaata argachuuf gara Musee dhaqu turan. Macaafni Qulqulluun, “Sabni immoo isa eeggachuudhaaf ganamaa hamma galgalaatti achi in dhaabate” jedha. (Baʼuu 18:13-16) Israaʼeloonni guyyaa guutuu rakkinasaanii isatti himachaa erga oolanii booda Museen hangam akka dadhabu yaadi! Taʼus, Museen sabicha waan jaallatuuf isaan gargaaruuf fedhii qaba ture.

Museen isaan dhaggeeffachuu malees, namoota jaallatu kanaaf kadhateera. Namoota isarratti kaʼanii turaniifillee kadhateera. Fakkeenyaaf, obboleettii Musee kan taate Miiryaam yommuu isatti guungumte, Yihowaan lamxiidhaan ishee rukutee ture. Museen adaba isheedhaaf kennametti gammaduu mannaa, yeruma sana, “Yaa Waaqayyo! Maaloo ishee fayyisi” jedhee kadhate. (Lakkoobsa 12:13) Kadhannaa ofittummaarraa walaba taʼe akkasii dhiheessuuf kan isa kakaase jaalala malee maal taʼuu dandaʼa?

KANARRAA MAAL BARANNA?

Nutis fakkeenya Musee hordofuudhaan Waaqayyoof jaalala guddaa qabaachuu dandeenya. Jaalalli akkasii “garaa guutuudhaan” akka isaaf abboomamnu nu kakaasa. (Roomaa 6:17) Garaa guutuudhaan Yihowaadhaaf kan abboomamnu taanaan garaasaa ciibsina. (Fakkeenya 27:11) Ofii keenyaas faayidaa arganna. Kana malees, jaalala dhugaadhaan kakaanee Waaqayyoon tajaajiluun wanta sirrii taʼe raawwachuu qofa utuu hin taʼin, wanta sana raawwachuutti gammaduudha.Faarfannaa 100:2.

Karaan fakkeenya Musee itti hordofnu garabiraanimmoo, warra kaaniif jaalala fedhii ofii aarsa gochuu gaafatu qabaachuudha. Jaalalli, michoonni ykn miseensonni maatii keenyaa rakkinasaanii yommuu nutti himan, (1) xiyyeeffannaadhaan akka isaan dhaggeeffannu, (2) miirasaanii akka isaaniif hubannu, akkasumas (3) isaaniif yaaduu keenya akka isaan baran gochuuf nu kakaasa.

Akkuma Musee nutis namoota jaallannuuf kadhachuu dandeenya. Yeroo tokko tokko rakkinasaanii yommuu nutti himan furmaata kennuufii akka hin dandeenye nutti dhagaʼamuu dandaʼa. “Dhiifama naa godhi, si gargaaruu dadhabuu kootti baayʼeen gadda! Siif kadhachuu garuu nan dandaʼa” jechuullee ni dandeenya. Haataʼu malee, ‘kadhannaan nama qajeelaa waan baayʼee hojjechuu akka dandaʼu’ yaadadhaa. (Yaaqoob 5:16) Kadhannaan keenya, wanta Yihowaan nama sanaaf gochuuf hin yaadne akka isaa godhu isa kakaasuu dandaʼa. Kanaaf namoota jaallannuuf kadhachuu caalaa wanti isaaniif gochuu dandeenyu hin jiru! *

Museerraa waan hedduu barachuu akka dandeenyu irratti walii hin galtuu? Museen nama akka keenyaa taʼus, amantii, gad of deebisuufi jaalala ilaalchisee fakkeenya guddaa nuuf taʼeera. Fakkeenyasaa caalaatti kan hordofnu taanaan, ofii keenyaafis taʼe warra kaaniif faayidaa guddaa argamsiisna.—Roomaa 15:4.

^ key. 8 Waaqayyo kadhannaa keenya akka dhagaʼuuf, ulaagaa inni nurraa barbaadu guutuuf carraaqqii gochuu qabna. Odeeffannoo dabalataa argachuuf, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe boqonnaa 17 ilaali.