Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Rakkinni Akkas Kan Baay’ate Maaliifi?

Rakkinni Akkas Kan Baay’ate Maaliifi?

Rakkinni kan baay’ateefi carraaqqiin namoonni rakkina balleessuuf godhan milkaa’ina kan dhabe maaliif akka ta’e hubachuuf, sababiiwwan rakkina kanaa beekuun barbaachisaadha. Sababiin rakkoowwan kanaa garaagaraafi hubachuuf ulfaataa ta’us, Macaafni Qulqulluun gama kanaan kan nu gargaaru ta’uusaatti galateeffachuu qabna. Mataduree kana keessatti, sababiiwwan bu’uura ta’aniifi rakkinni maaliif akka baay’ate ibsan shan qorra. Wanta Macaafni Qulqulluun jedhu akka gaariitti qoruudhaan macaafni kun sababii dhimma kanaa beekuuf kan si gargaaru akkamitti akka ta’e akka hubattu si afeerra.​—2 Ximotewos 3:16.

MIIDHAA BULCHIINSI GADHEEN GEESSISU

Macaafni Qulqulluun, “Warri jal’oonni yommuu biyya bulchan . . . namoonni in gaddu” jedha.​—Fakkeenya 29:2.

Seenaan namootaa, bulchitoota abbaa irree ta’aniifi namootarra rakkina hangana hin jedhamne geessisaniin kan guutamedha. Ta’us, bulchitoonni hundi akkas akka hin taane beekamaadha. Bulchitoonni tokko tokko, namoota gargaaruuf fedhii qabaachuu danda’u. Haata’u malee, yommuu aangoo qabatan, uummanni aangoosaanii akka deggeru gochuudhaan, akkasumas aangoodhaaf dorgomuudhaan waan qabamaniif, yeroo baay’ee carraaqqiinsaanii utuu hin milkaa’in hafa. Yookiinimmoo fedhii dhuunfaasaaniitiif jecha, hanga uummanni miidhamutti karaa hin taaneen aangoosaaniitti fayyadamu. Ministeera Dhimma Alaa Yuunaayitid Isteetis kan turan Henarii Kiisiingar, “Seenaan, waltajjii carraaqqiin utuu hin milkaa’in hafeefi kaayyoon utuu galmaan hin ga’amin hafe itti odeeffamudha” jedhaniiru.

Macaafni Qulqulluunis ‘namni karaa jireenyasaa ofiin geggeeffachuu akka hin dandeenye’ dubbata. (Ermiyaas 10:23) Namoonni cubbuu waan dhaalaniif, ogummaafi hubannaa hojiisaanii karaa milkaa’ina qabuun hojjechuuf isaan gargaaru hin qaban. Namoonni jireenya mataasaanii milkaa’inaan geggeeffachuu erga hin dandeenyee, saba tokko akkamitti bulchuu danda’u? Namoonni rakkoowwan namarra ga’an balleessuuf dandeettii kan dhaban maaliif akka ta’e hubattee? Bulchiinsi gadheen yeroo baay’ee rakkinaaf sababa akka ta’u beekamaadha!

DHIIBBAA AMANTII SOBAA

Yesus “Jaalala yoo waliif qabaattan, kanaan namoonni hundinuu akka isin bartoota koo taatan in beeku” jedheera.​—Yohannis 13:35.

Geggeessitoonni amantii hundi waa’ee jaalalaafi tokkummaa ni labsu. Haata’u malee, jaalala garaagarummaa gidduusaanii jiru balleessuuf isaan gargaaru duuka buutonnisaanii akka horatan gochuu hin dandeenye. Amantiin, namoonni jaalala akka horatan gargaaruu mannaa, garaagarummaan, yaada ofii qofatti cichuuniifi walitti bu’iinsi namootaafi saboota gidduutti uumamu akka baay’atu godheera. Namni waa’ee amantii qoratuufi Haansi Kuungi jedhamu, xumura kitaabasaa isa Kiristiyaaniitii eend za Worlid Rilijinsi jedhamurratti, “Qabsoo karaa siyaasaa godhame kamiyyuu caalaa hadha’aa kan ta’eefi mormii cimaan kan itti ta’e, isa harki amantii keessa jirudha” jechuudhaan barreesseera.

Akkasumas, geggeessitoonni amantii hedduun, walquunnamtii saalaa gaa’ela dura, gaa’elaan alaafi namoota saala wal fakkaatu qaban gidduutti raawwatamu ni heyyamu. Kunimmoo, dhukkubni addaddaa, ulfa baasuun, ulfi hin barbaadamne, gaa’elaafi maatii diiguun, akkasumas miidhaafi dhiphinni hangana hin jedhamne akka babal’atu godheera.

CUBBUU NAMOONNI DHAALANIIFI FEDHII OFITTUMMAA

“Tokkon tokkon namaa kajeellaa ofii isaatii isa hamaadhaan harkifamee yommuu qabamu in qorama. Kajeellaan hamaan erga iddoo ga’ee cubbuu in dhala.”​—Yaaqoob 1:14, 15.

Hundi keenya cubbuu waan dhaalleef, dogoggora addaddaa ni raawwanna, akkasumas fedhii “hawwa foon keenyaa duukaa [bu’uu]” wajjin wal’aansoo qabna. (Efesoon 2:3) Haata’u malee, hawwii gadheen carraa wajjin yommuu takkaatti uumamu, wal’aansoon godhamu cimaa ta’a. Hawwii gadhee kana duukaa bu’uudhaan tarkaanfii yoo fudhannemmoo miidhaansaa cimaa ta’uu danda’a.

Barreessaan Firoos Maataa jedhamu, “Rakkinni hedduun kan nurra ga’u, gammachuu to’annaa hin qabne hordofuu, fedhii keenyaaf mo’amuu, sassataafi kajeellaa keenyarraan kan ka’edha” jedheera. Fedhiin gadheeniifi araadni akka dhugaatiifi qoricha sammuu hadoochu fudhachuu, qumaara taphachuu, saalquunnamtii seeraan ala ta’e raawwachuufi k.k.f., namoota hawaasa keessatti kabaja qaban balaadhaaf saaxilaniiru. Kunimmoo, maatii, hiriyootaasaaniifi namoota kaanirra rakkinni cimaan akka ga’u godheera. Ilmaan namootaa cubbamoota ta’uusaanii wajjin haala wal qabateen, yaada Macaafni Qulqulluun, “Uumamni hundinuu hamma ammaatti akka aaduu fi akka ciniinsifatu in beekna” jechuudhaan dubbaturratti walii galla.​—Roomaa 8:22.

HUMNA HAFUURONNI HAMOON QABAN

Macaafni Qulqulluun, Seexanni, “waaqayyicha bara si’anaa” akka ta’eefi hafuurota hamoo humna qabanii wajjin akka hojjetu ibsa.​—2 Qorontos 4:4; Mul’ata 12:9.

Akkuma Seexanaa, hafuuronni hamoonis namoota ni to’atu, akkasumas ni dogoggorsu. Phaawulos ergamaan akkas jechuudhaan kun dhugaa ta’uusaa mirkaneesseera: “Nuyi namoota foon uffatanii wajjin wal’aansoo wal qabna miti; garuu humnoota aboo qabanii fi gooftummaa qaban, warra bantii waaqaa keessaa biyya lafaa isa dukkana keessa jiru kana seerratan, macca hafuurota hamminaa warra bantii waaqaa keessa jiraatanii wajjin wal’aansoo wal qabna.”​—Efesoon 6:12.

Hafuuronni hamoon, namoota dhiphisuudhaan kan gammadan ta’us, kaayyoonsaanii inni guddaan kana miti. Fedhiinsaanii namoonni Gooftaa Isa Hundumaa Gararraa Jiru, jechuunis Yihowaarraa akka fagaatan gochuudha. (Faarfannaa 83:18) Gochawwan akka urjii lakkaa’uu, ayyaana heduu, ekeraa dubbisuufi hooda dubbachuu jiran, wantoota hafuuronni hamoon namoota gowwoomsuufi to’achuuf itti fayyadamanidha. Yihowaan gochawwan balaa geessisan akkasiirraa akka fagaannu kan nu akeekkachiisu, akkasumas namoota Seexanaafi hafuurota hamoodhaan mormaniif eegumsa kan godhu kanaafidha.​—Yaaqoob 4:7.

KAN JIRAANNU “GUYYOOTA GARA DHUMAA” KEESSADHA

Gara waggaa 2000 dura, Macaafni Qulqulluun, “Guyyoota gara dhumaatti yeroon sodaachisaan akka dhufu hubadhu!” jechuudhaan raajii dubbateera.

Guyyoonni gara dhumaa sodaachisaa akka ta’an kan godhu maal akka ta’e akkas jechuudhaan ibseera: “Namoonni warra ofittoo, sassatoota, of-jajoo, afuufamoo, . . . warra jaalala of keessaa hin qabne, warra araara hin jaallanne, warra maqaa namaa balleessan, warra of hin qabne, warra namatti hin madaqne, warra waan gaarii jibban, warra dabarsanii nama kennan, warra eeggannaa hin qabne, warra of arguu dhabuudhaan of bokoksan, Waaqayyoon jaallachuu caalaa, warra waan isaan gammachiisu jaallatan ta’uuf jiru.” Kanaaf, rakkina nurra ga’aa jiru hundaaf sababa guddaa kan ta’e, “guyyoota gara dhumaa” keessa jiraachuu keenya akka ta’e mirkanaa’oo ta’uu dandeenya.​—2 Ximotewos 3:1-4.

Namoonni ilaalcha gaarii yoo qabaataniyyuu, rakkina isaanirra ga’u balleessuu kan dadhaban maaliif akka ta’e qabxiiwwan olitti ilaallerraa hubachuu dandeenya. Maarree gargaarsa eessaa argachuu dandeenya? Uumaa keenya isa “hojii Seexanaa” fi kan duuka buutotasaa “diiguudhaaf” abdii nuu kennerraa gargaarsa gaafachuu qabna. (1 Yohannis 3:8) Matadureen ittaanu, Waaqayyo wantoota rakkinaaf sababa ta’an hundumaa balleessuuf maal akka godhu ibsa.