Kana Beektaa?
Arkiʼooloojiin Macaafa Qulqulluu ni deggeraa?
Mata dureen kitaaba Biblical Archaeology Review jedhamu irratti baʼe tokko, qorannoon arkiʼooloojii (damee saayinsii hambaa durii qoratu) yoo xinnaate namoonni Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Ibrootaa keessatti caqasaman 50n jiraachaa akka turan mirkaneesseera. Namoota kana keessaa Daawitii fi Hisqiʼel warra beekamoo taʼan, akkasumas Menaahemii fi Pheqaa warra beekamoo hin taane dabalatee, mootonni Yihudaa fi Israaʼel 14 muraasa dha. Faraʼoononni 5, mootonni Asor, Baabilon, Faaresii fi Sooriyaa 19 caqasamaniiru. Macaafa Qulqulluu keessatti kan ibsamanii fi qorannaa arkiʼooloojiitiin kan mirkaneeffaman garuu mootota qofa miti. Namoonni aangoo guddaa hin qabne kanneen akka angafa lubootaa, barreessaan tokkoo fi abbootiin taayitaa kan biraanis caqasamaniiru.
Mata dureen kun, namoonni kun jiraachaa kan turan taʼuu isaanii ilaalchisee “ragaa hedduun hayyoonni irratti walii galan” akka jiru ibseera. Caaffanni Qulqullaaʼoon afaan Giriikiis namoota duraan turan hedduu kan caqasu siʼa taʼu, isaan keessaa Heroodis, Phonxos Philaaxos, Xiberiyos, Qayyaafaa fi Sergiiyos Phaawulos qorannoo arkiʼooloojiitiin mirkaneeffamaniiru.
Leenconni biyyoota Macaafa Qulqulluu keessatti caqasaman keessaa Yoom badan?
Yeroo harʼaa, Filisxeem ishee Biyyattii Qulqulluu jedhamtee beekamtu keessa leenconni jiraachuu baatanis, Macaafa Qulqulluu keessatti al 150 caqasamuun isaanii, leenconni namoota Macaafa Qulqulluu barreessaniif haaraa akka hin taane mirkaneessa. Bakka baayʼeetti kan isaan caqasaman fakkeenyaan taʼus, iddoo muraasa irratti garuu leencuma isa dhugaa argisiisa. Fakkeenyaaf, Siimson, Daawitii fi Benaayaan leenca akka ajjeesan ibsameera. (Abbootii Firdii 14:
Bara duriitti leenconni, Eeshiyaa Xinnoo fi Giriikii hamma Filisxeemitti, akkasumas Asor, Mesophotaamiyaa fi kaaba lixa Hindii keessa jiru turan. Leenconni kun waan sodaatamanii fi waan kabajamaniif biyyoota muraasa keessatti fakkii isaaniitiin keenyan manaa bareechuun baramaa ture. Karaan warri Baabilon sirna garaa garaa kabajuuf itti fayyadaman, fakkii leencaa xuubii irratti bocamee fi baayʼee bareeduun kan miidhagfame ture.
Dh.K.B. xumura jaarraa 12ffaatti loltoonni amantii Kiristiyaanaa Filisxeem keessatti leencota adamsaa akka turan gabaafameera. Leenconni naannoo sanaa kan badan naannoo bara 1300 booda taʼuu hin oolu. Haa taʼu malee, hanga jaarraa 19ffaatti Mesophotaamiyaa fi Sooriyaa keessa, hanga jalqaba jaarraa 20ffaatti immoo Iraanii fi Iraaq keessa akka turan gabaafameera.