Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ijoollee gumii keessa jiranii wajjin yeroo dabarsuun baayʼee na gammachiisa

KITAABNI QULQULLUUN JIREENYA NAMOOTAA NI JIJJIIRA

Wanta Kam Iyyuu Caalaa Beezboolii Taphachuun Jaalladha Ture!

Wanta Kam Iyyuu Caalaa Beezboolii Taphachuun Jaalladha Ture!
  • BARA DHALOOTAA: 1928

  • BIYYA DHALOOTAA: KOSTAA RIKAA

  • SEENAA: ISPOORTII BEEKAMAA FI QUMAARAAN QABAMEE KAN TURE

JIREENYA KOO DURAA

Kanan guddadhe naannoo Porto Liimoon ishii buufata doonii qabduu fi qarqara baha Kostaa Rikaatti argamtutti dha. Warri koo ijoollee saddeet kan qaban siʼa taʼu, ani isa torbaffaa dha. Yommuu umuriin koo waggaa saddeet taʼu abbaan koo ni duʼe. Achiis haati koo kophaa ishii nu guddiste.

Taphni beezboolii * kutaa jireenyaa koo ture. Ijoollummaa kootti ispoortii kana irratti hirmaachuun na gammachiisa ture. Yommuun dhuma umurii waggoota kurnanii irra gaʼu garee taphattoota beezboolii bartuu taʼaniittan makame. Yommuun umurii waggoota 20mmanii keessa seenu garee kanaaf utuun taphachaa jiruu, leenjisaan tokko garee piroofeshinaalii Nikaaraaguwaa jiruuf akkan taphadhu na gaafate. Haa taʼu malee, yeroo sanatti haati koo haalli fayyaa ishii gaarii waan hin turree fi kan ishii kunuunsu ana waan tureef Nikaaraaguwaa gadhiisee deemuu hin barbaannen ture. Kanaaf afeerraa naaf dhihaate utuu hin fudhatinan hafe. Yeroo booda immoo leenjisaa kan biraan garee biyyoolessaa Kostaa Rikaa, garee taphattoota beezboolii bartuu taʼanii keessaa filatamaniin hundeeffame keessatti akkan taphadhu na gaafate. Yeroo kanatti garuu afeerraa naaf dhihaate nan fudhadhe. Bara 1949 hanga 1952tti garee biyyoolessaatiif taphadheera; taphawwan walitti aansuudhaan Kuubaa, Meeksikoo fi Nikaaraaguwaatti qophaaʼan irratti hirmaadheera. Garee sana keessatti beezmaanii taʼeen taphadhan ture; akkasumas utuu dogoggora tokko illee hin raawwatin taphawwan 17 walitti aansuudhaan taphachuu dandaʼeera. Namoonni hedduun maqaa koo waamaa yommuu iyyan dhagaʼuun baayʼee na gammachiisa ture!

Kan nama gaddisiisu garuu, jireenya gadhiisiin jiraadha ture. Jaalallee tokko qofa kanan qabu taʼus, dubartoota hedduu wajjinan saalqunnamtii raawwadha ture. Akkasumas gar maleen dhuga ture. Gaaf tokko gar malee machaaʼee waanan tureef, buleesaa yommuun hirribaa dammaqu akkamitti gara manaatti akkan deebiʼe yaadachuun baayʼee natti ulfaatee ture! Kana malees, qumaara taphachuun natti tola ture; fakkeenyaaf qarshii argachuuf tapha doomiinoo jedhamu kanan taphadhu siʼa taʼu, lootariis nan kutan ture.

Utuma ani haala kanaan jiraachaa jiru, haati koo Dhugaa Baatuu Yihowaa taate. Waaʼee amantii ishii natti himuuf yaalii gootus, ispoortiidhaan gar malee qabamee waanan tureef, jalqaba irratti ishiidhaaf hin milkoofne. Saʼaatii nyaataatti illee leenjii irra kanan jiru yoon taʼe, beelli natti hin dhagaʼamu ture! Sammuun koo taphicha irratti qofa xiyyeeffata ture. Wanta kam iyyuu caalaa beezboolii taphachuun jaalladha ture!

Haa taʼu malee, umurii koo waggaa 29tti utuun tapha irra jiruu kubbaa qabachuuf yommuun yaalii godhu baayʼeen miidhame. Erga natti fooyyaʼee booda garee piroofeeshinaalii keessa taphachuu nan dhiise. Haa taʼu malee, garee taphattoota beezboolii haaraa taʼanii fi mana keenyatti dhihoo jiru keessatti leenjisaa taʼuudhaan hojii beezboolii wajjin wal qabatu hojjechuu koon itti fufe.

KITAABNI QULQULLUUN KAN NA JIJJIIRE AKKAMITTI?

Bara 1957tti, afeerraa walgaʼii guddaa Dhugaa Baatonni Yihowaa istaadiyomii ani beezboolii itti taphachaa turetti godhatan irratti akkan argamu naaf dhihaate nan fudhadhe. Dhaggeeffattoota gidduu yommuun taaʼu, amala gaarii Dhugaa Baatonni sun argisiisanii fi amala mancaʼaa namoonnii tapha beezboolii ilaaluu dhufan argisiisan gidduu garaa garummaa guddaan akka jirun hubadhe. Wantin walgaʼii sana irratti arge Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu fi walgaʼii gumii isaanii irratti argamuu akkan jalqabu na kakaase.

Barumsawwan Kitaaba Qulqulluu ani baradhe hedduun baayʼee na dinqisiisaniiru. Fakkeenyaaf, Yesuus guyyoota gara dhumaatti barattoonni isaa misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo addunyaa maratti akka lallaban raajii dubbatee ture. (Maatewos 24:14) Kana malees, Kiristiyaanonni dhugaan tajaajila isaanii kan raawwatan qarshiidhaaf jedhanii akka hin taanen baradhe. Yesuus, “Waan tola fudhattaniif, tola kennaa” jedheera.—Maatewos 10:8.

Kitaaba Qulqulluu yommuun qoʼadhu wanta Dhugaa Baatonni Yihowaa dubbatan gocha isaanii wajjin wal bira qabeen ilaale. Carraaqqii guddaan isaan misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo addunyaa maratti labsuuf godhan baayʼee na dinqisiise. Arjummaa Yesuus Kiristiyaanonni akka argisiisan isaan ajaje akka qabanis nan hubadhe. Kanaaf afeerraa Yesuus Maarqos 10:21 irratti “Kottuu duuka buutuu koo taʼi” jechuudhaan dhiheesse yommuun dubbisu Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuufan murteesse.

Haa taʼu malee, wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu hojii irra oolchuuf yeroo natti fudhateera. Fakkeenyaaf, waggoota hedduudhaaf torban torbaniin carraa koo yaaluudhaaf lootarii biyyoolessaa taphachaan ture. Taʼus, Waaqayyo namoota “waaqayyoolii milkii” jedhaman waaqeffatanii fi namoota sassatoo akka jibbu Kitaaba Qulqulluu irraa nan baradhe. (Isaayaas 65:11; Qolosaayis 3:5) Kanaaf qumaara taphachuu dhiisuufan murteesse. Murtoo kana ergan godhee booda Dilbata isa jalqabaatti lootariin naa baʼe! Torban sana taphachuu dhiisuu kootti namoonni natti qoosuudhaan deebiʼee akkan taphadhu dhiibbaa guddaa kan na irratti godhan taʼus, ani garuu tole hin jenne. Ergasii matumaa qumaara taphadhee hin beeku.

Walgaʼii guddaa Dhugaa Baatota Yihowaa tokko irratti guyyuman cuuphametti immoo qorumsa murtoon “namummaa haaraa” uffachuuf godhee wajjin wal faallessu tokkotu na mudate. (Efesoon 4:24) Gaafas galgala, hoteelan buufadhetti yommuun deebiʼu jaalalleen koo duraa balbala koo irra dhaabattee na eegaa turte. “Saamii, kottu waliin haa bashannannu!” naan jette. Ani garuu yeruma sana “Hin taʼu!” jedheen deebiseef. Amma seera naamusaa Kitaaba Qulqulluu akkan hordofun ishiitti hime. (1 Qorontos 6:18) Naasuudhaan “Maalii?” jettee natti iyyite. Achiis halalummaa ilaalchisee wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu ceephaʼuudhaan hariiroo keenya akka itti fufnu dhibbaa ana irratti goote. Haa taʼu malee, gara kutaa koo galeen balbala koo qollofadhe. Bara 1958tti ergan Dhugaa Baatuu taʼee kaasee hanga guyyaa harʼaatti, jireenyan dabarse keessatti amanamaa taʼee itti fufuu dandaʼuun koo baayʼee na gammachiisa.

FAAYIDAAN ARGADHE

Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu hordofuu kootiin faayidaan argadhe utuun barreessee kitaaba tokko taʼuu akka dandaʼu natti dhagaʼama! Faayidaawwan ani argadhe keessaa michoonni dhugaa hedduun, jireenyi kaayyoo qabuu fi gammachuun dhugaa muraasa isaanii qofa dha.

Amma illee beezboolii nan jaalladha; taʼus wantin jireenya koo keessatti bakka guddaa kennuuf jijjiirameera. Beezboolii taphachuun koo beekamummaa fi qarshii naaf argamsiiseera; taʼus, wantoonni kun yeroo dheeraadhaaf itti hin fufne. Hariiroon Waaqayyoo fi obboloota koo wajjin qabu garuu bara baraaf kan itti fufu dha. Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Addunyaanii fi hawwiin isaa darbaa jiru, namni fedhii Waaqayyoo raawwatu garuu bara baraaf ni jiraata.” (1 Yohaannis 2:17) Amma wanta kam iyyuu caalaa Yihowaa fi saba isaan jaalladha!

^ KEY. 9 Taphni beezboolii ispoortii garee miseensota sagal sagal qabu lamaan taphatamu dha. Tapha kana keessatti taphataan garee isa tokkoo kubbaa xinnoo kan darbatu yeroo taʼu, taphataan garee isa kan biraa immoo kubbaa sana ulee furdaadhaan rukutee deebisa.