Dubbii Waaqayyoo Irraa Baradhu
Kitaabni Qulqulluun ergaa ykn dubbii Waaqayyoo qabateera. Jireenya milkaaʼina qabu jiraachuu fi Waaqayyo duratti fudhatama argachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe nuuf ibsa. Akkasumas, gaaffiiwwan armaan gadiitiif deebii kenna:
6 Kitaabni Qulqulluun waaʼee Masiihichaa raajii akkamii dubbate?
7 Kitaabni Qulqulluun waaʼee bara keenyaa raajii akkamii dubbata?
8 Rakkina namoota irra gaʼuuf kan itti gaafatamu Waaqayyo dhaa?
10 Kitaabni Qulqulluun waaʼee gara fuulduraa abdii akkamii kenna?
14 Qabeenya keetti ogummaadhaan fayyadamuu kan dandeessu akkamitti?
17 Kitaabni Qulqulluun maatii kee gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?
20 Dubbisa Kitaaba Qulqulluu kee irraa faayidaa argachuu kan dandeessu akkamitti?
AKKAATAA CAQASA KITAABA QULQULLUU BAAFACHUUN ITTI DANDAʼAMU
Kitaabni Qulqulluun kitaabota xixinnoo 66 kan qabu yeroo taʼu, kutaa lamatti hirama; isaanis Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaa fi Afaan Aaraam (“Kakuu Moofaa”), akkasumas Kitaabota Qulqulluu Afaan Giriikii (“Kakuu Haaraa”) dha. Kitaabonni hundi boqonnaa fi lakkoofsaan qoqqoodamaniiru. Caqasni yeroo caqasamu lakkoofsi maqaa kitaabichaatti aanee jiru boqonnaa kan argisiisu yeroo taʼu, inni boqonnaatti aanee jiru immoo lakkoofsa ykn lakkoofsota argisiisa. Fakkeenyaaf, Uumama 1:1 jechuun Uumama boqonnaa 1, lakkoofsa 1 jechuu dha.