Saamuʼel Lammaffaa 1:1-27
1 Saaʼol erga duʼee booda, Daawit Amaaleqota moʼee* yommuu deebiʼu guyyaa lamaaf Siqlaag+ keessa taaʼe.
2 Guyyaa sadaffaatti namichi tokko uffata isaa tarsaasee, mataa isaa irrattis biyyoo firfirsee buufata Saaʼol keessaa dhufe. Daawit bira yommuu gaʼus lafatti gombifamee sagade.
3 Daawitis, “Eessaa dhufte?” jedhee isa gaafate. Innis, “Ani buufata Israaʼelotaa keessaan baqadhee dhufe” jedhee isaaf deebise.
4 Daawitis, “Mee natti himi, maaltu taʼe?” jedhee isa gaafate. Yeroo kanatti namichi, “Loltoonni Israaʼel dirree waraanaatii baqataniiru; namoonni hedduunis kufaniiru, akkasumas duʼaniiru. Saaʼolii fi ilmi isaa Yonaataan iyyuu duʼaniiru” isaan jedhe.+
5 Achiis Daawit dargaggeessa oduu kana itti hime sana, “Saaʼolii fi ilmi isaa Yonaataan duʼuu isaanii akkamitti beekte?” jedhee gaafate.
6 Dargaggeessichis akkana jedhee isaaf deebise: “Ani akkuma tasaa Gaara Gilboʼaa+ irran ture; achittis Saaʼol eeboo isaatti hirkatee ture; gaariiwwan fardaa fi abbootiin fardeeniis isa bira gaʼanii turan.+
7 Inni of irra garagalee na ilaalee yommuu na waamu, ‘Kunoo asan jira!’ jedheen isaaf deebise.
8 Innis, ‘Ati eenyu?’ jedhee na gaafate. Anis, ‘Ani nama Amaaleqi’+ jedheen isaaf deebise.
9 Achiis inni, ‘Ani amma iyyuu lubbuudhaan kanan jiru taʼus, dhiphina guddaa keessa waanan jiruuf, maaloo ana irra dhaabbadhuutii na ajjeesi’ naan jedhe.
10 Kanaafuu, erga madaaʼee kufee booda duʼa irraa ooluu akka hin dandeenye waanan beekeef, irra dhaabbadheen isa ajjeese.+ Achiis gonfoo mataa isaa irra turee fi bitawoo* harka isaa irra ture fuudheen as gara gooftaa kootti fide.”
11 Yeroo kanatti Daawit uffata isaa ni tarsaase; namoonni isaa wajjin turan hundis akkuma kana godhan.
12 Saaʼol, ilmi isaa Yonaataan, sabni Yihowaa fi manni Israaʼel+ goraadeedhaan waan kufaniif, Daawitii fi namoonni isaa wajjin turan isaaniif ni wawwaatan, ni booʼan, hamma galgalaattis ni sooman.+
13 Daawitis dargaggeessa oduu kana isatti hime sana, “Ati nama biyya eessaa ti?” jedhee gaafate. Innis, “Ani ilma Amaaleqicha isa nama biyya ormaa taʼe tokkoo ti” isaan jedhe.
14 Achiis Daawit, “Isa Yihowaan dibe ajjeesuuf yommuu harka kee kaastu maaliif hin sodaanne?” isaan jedhe.+
15 Yeroo kanatti Daawit dargaggoota sana keessaa isa tokko waamee, “Itti siqiitii isa rukuti” isaan jedhe. Innis isa ni rukute; namichis ni duʼe.+
16 Daawitis namichaan, “‘Ani isa Yihowaan dibe ajjeeseera’ jedhee afaanumti kee si irratti waan ragaa baʼeef, dhiigni kee mataa kee irratti haa taʼu”+ jedhe.
17 Achiis Daawit Saaʼolii fi ilma isaa Yonaataaniif faaruu gaddaa kana faarfate;+
18 namoonni Yihudaas faaruu gaddaa, “Iddaa” jedhamuu fi kitaaba Yaashaar+ irratti barreeffame akka baratan ni ajaje:
19 “Yaa Israaʼel, warri mimmiidhagoon iddoowwan kee warra ol kaʼoo irratti duʼanii ciciisaniiru.+
Jajjaboonni akkamitti akkanatti kukkufan!
20 Dubartoonni Filisxeemotaa akka hin gammannetti,Dubartoonni namoota dhaqna hin qabanne sanaas akka hin ililchinetti,Kana Gaat keessatti hin dubbatinaa;+Daandiiwwan Ashqaloon irrattis hin labsinaa.
21 Isin gaaronni Gilboʼaa,+Fixeensi isin irratti hin buʼin yookiin bokkaan isin irratti hin roobin;Maasiiwwan keessanis buusii qulqulluu hin argamsiisin;+Sababiin isaas, achi irratti gaachanni namoota jajjaboo xuraaʼeera,Gaachanni Saaʼolis kana booda zayitii hin dibamu.
22 Iddaan Yonaataanii+ fi goraadeen Saaʼol,Dhiiga diinotaatiin dhiqameera, cooma loltootaas waraaneera,Isaan matumaa milkaaʼina dhabanii hin beekan.+
23 Saaʼolii fi Yonaataan+ yeroo lubbuudhaan turanitti jaallatamoo fi bakka guddaa kan qaban* turan,Isaan yeroo duʼanittis addaan hin baane.+
Isaan risaa caalaa kan saffisan,+Leenca caalaas jajjaboo turan.+
24 Yaa durboota Israaʼel, SaaʼolIsa uffata diimaa dhiiga fakkaatuu fi faaya mimmiidhagaa qabu isinitti uwwiseef,Isa uffata keessan irratti faaya warqii isiniif godheef booʼaa.
25 Yaa Israaʼel, warri jajjaboon akkamitti waraana irratti kukkufan!
Yonaataan iddoowwan kee warra ol kaʼoo irratti duʼee ciiseera!+
26 Yaa Yonaataan obboleessa koo, sababii keetiin ani baayʼee dhiphadheera;Ati ana biratti baayʼee jaallatamaa turte.+
Jaalalli ati anaaf qabdu, jaalala dubartii irra kan caalu ture.+
27 Jajjaboonni akkamitti akkanatti kukkufan!
Meeshaawwan waraanaas akkamitti akkanatti badan!”