Daaniʼel 12:1-13
12 “Yeroo sanatti bulchaa guddicha+ kan taʼe Mikaaʼel*+ inni saba keetiif* dhaabbatu ni kaʼa. Yeroon dhiphinaa erga sabni hundeeffamee kaasee hamma yeroo sanaatti taʼee hin beekne ni taʼa. Yeroo sanatti sabni kee, jechuunis namni kitaabicha keessatti galmeeffame+ hundi ni oola.+
2 Namoota biyyoo lafaa keessa rafanii jiran keessaa hedduun isaanii ni kaʼu; isaan keessaa tokko tokko jireenya bara baraatiif, kaan immoo arrabsoo fi salphina bara baraatiif ni kaʼu.
3 “Warri hubannaa gad fagoo qaban akka samii guyyaatti, warri namoota hedduu gara qajeelummaatti fidanis akka urjiileetti baraa hamma bara baraatti ni ifu.
4 “Yaa Daaniʼel, ati garuu hamma bara dhumaatti dubbii kana iccitiidhaan qabi, kitaabichas chaappaadhaan cufi.+ Namoonni hedduun kitaabicha gad fageenyaan ni qoratu;* beekumsi dhugaanis ni baayʼata.”+
5 Achiis ani Daaniʼel yommuun ilaalu qaamonni kan biroon lama achi utuu dhaabbatanii nan arge; inni tokko qarqara lagichaa isa garanaa irra, inni kan biraan immoo qarqara lagichaa isa garasii+ irra dhaabbatanii turan.
6 Achiis inni tokko isa uffata quncee talbaa irraa tolfame uffatee+ fi bishaan laga sanaa gubbaa jiruun, “Wantoonni dinqisiisoon kun hamma raawwatamanii xumuramanitti yeroo hammamiitu darba?” jedhe.
7 Achiis namichi uffata quncee talbaa irraa tolfame uffatee fi bishaan laga sanaa gubbaa jiru harka isaa mirgaa fi harka isaa bitaa gara samiitti ol kaasee Waaqa isa bara baraaf jiraatuun+ kakatee akkana jedhee yommuu deebisu nan dhagaʼe: “Bara murteeffame, baroota murteeffamanii fi walakkaa baraatu* darba. Akkuma isaan humna saba qulqulluu caccabsanii xumuraniin+ wantoonni kun hundi ni raawwatamu.”
8 Ani garuu kanan dhagaʼe taʼus hubachuu hin dandeenye;+ kanaafuu, “Yaa gooftaa koo, dhumni wantoota kanaa maali dha?” jedheen gaafadhe.
9 Innis akkana naan jedhe: “Yaa Daaniʼel, deemi; sababiin isaas, dubbiin kun hamma bara dhumaatti iccitiidhaan qabamuu fi chaappaan irratti godhamuu qaba.+
10 Namoonni hedduun of ni qulqulleessu, of ni addeessu, ni calalamus.+ Jalʼoonni jalʼina ni raawwatu; jalʼoota keessaa tokko illee dubbii kana hin hubatu; warri hubannaa gad fagoo qaban garuu kana ni hubatu.+
11 “Aarsaan yeroo hundumaa dhihaatu erga hafee+ fi wanti balfamaan badiisa geessisu sun erga dhaabamee+ kaasee guyyoota 1,290 ni taʼa.
12 “Namni guyyoonni 1,335 hamma xumuramanitti obsaan* eeggatu gammadaa dha!
13 “Ati garuu hamma dhumaatti jabaadhuu dhaabbadhu. Ni boqotta; taʼus, dhuma barichaatti gaʼee kee argachuuf* ni kaata.”+
Miiljaleewwan
^ “Kan Akka Waaqaa Eenyu?” jechuu dha.
^ Kal., “ilmaan saba keetiitiif.”
^ Kal., “Namoonni hedduun asii fi achi ni jedhu.”
^ Jechuunis, bara sadii fi walakkaa.
^ Ykn., “hawwiidhaan.”
^ Ykn., “iddoo siif ramadame keessatti.”