Hoseʼaa 4:1-19
4 Yaa saba Israaʼel, dubbii Yihowaa dhagaʼaa,Yihowaan jiraattota biyyattii wajjin falmii seeraa qaba;+Sababiin isaas, biyyattii keessa dhugaan yookiin jaalalli amanamaan yookiin beekumsi Waaqayyoo hin jiru.+
2 Kakaan sobaa, sobnii+ fi ajjeechaan,+Hannii fi ejji+ babalʼateera,Namoonni yeroo hundumaa dhiiga warra kaanii ni dhangalaasu.+
3 Biyyattiin kan gadditu kanaafi;+Warri ishii irra jiraatan hundi ni dhumu;Bineensonni bosonaa fi simbirroonni samii,Qurxummiiwwan galaanaa illee ni balleeffamu.
4 “Haa taʼu malee, isin akka namoota luba mormanii waan taataniif,+Namni isin falmu yookiin ifatu hin jiru.+
5 Kanaafuu, isin guyyaa saafaa ni gufattu,Raajonnis akka waan halkan taʼeetti isinii wajjin ni gufatu.
Ani haadha keessan nan callisiisa.*
6 Beekumsi waan hin jirreef, sabni koo ni callisiifamu.*
Isin beekumsa waan tuffattaniif,+Anis luboota koo taatanii akka hin tajaajilleef isin nan tuffadha;Isin seera* Waaqa keessanii waan irraanfattaniif,+Anis ilmaan keessan nan irraanfadha.
7 Isaan hammuma baayʼachaa deeman caalaatti cubbuu na irratti hojjetaniiru.+
Ani ulfina isaanii gara salphinaatti nan jijjiira.*
8 Isaan yommuu sabni koo cubbuu hojjetu foon ni sooratu,Sabichi caalaatti cubbuu akka hojjetus ni hawwu.*
9 Wanti sabicha irras taʼe lubicha irra gaʼu tokkuma;Daandii isaaniitiif akka itti gaafataman nan godha,Rakkina gocha isaaniitiin kan kaʼe dhufu isaanitti nan fida.+
10 Isaan ni nyaatu, garuu hin quufan.+
Halalummaa* ni raawwatu, garuu lakkoofsi isaanii hin dabalu.+
Sababiin isaas, isaan Yihowaadhaaf kabaja hin qaban.
11 Sagaagalummaan,* wayiniinii fi wayinii haaraan
Kakaʼumsa isaan wanta sirrii taʼe raawwachuuf qaban jalaa balleesseera.*+
12 Sabni koo waaqolii isaanii warra muka irraa tolfaman gorsa gaafatu,Wanta uleen isaanii* isaanitti himus ni raawwatu;Sababiin isaas, hafuurri sagaagalummaa* akka isaan karaa irraa jalʼatan godheera,Sagaagalummaa* isaaniitiin kan kaʼes Waaqa isaaniitiif bitamuu didu.
13 Isaan fiixee gaarotaa irratti aarsaa dhiheessu,+Tabbawwan irratti aarsaawwan aarsu,Gaaddisni isaanii gaarii waan taʼeef,Mukeetii qilxuu fi mukeetii libnaa,* akkasumas mukeetii guguddaa hundumaa jalatti+ akkana godhu.
Ijoolleen durbaa keessan sagaagalummaa* kan raawwatan,Haadhotiin manaa ilmaan keessaniis ejja kan raawwatan kanaafi.
14 Ijoolleen durbaa keessan sagaagalummaa,*Haadhotiin manaa ilmaan keessaniis ejja raawwachuu isaaniitiin kan kaʼe ani isaan hin adabu.
Sababiin isaas, dhiironni dubartoota halalee duukaa buʼaniiru,Sagaagaltoota mana qulqullummaa wajjinis aarsaa dhiheessaniiru;Sabni hubannaa hin qabne+ akkanaa ni bada.
15 Yaa Israaʼel, ati sagaagalummaa* kan raawwatte taʼus,+Yihudaan yakkamaa hin taʼin.+
Gara Gilgaal+ yookiin gara Beet Aween+ hin dhufinaa,‘Yihowaa isa jiraataa taʼeen nan kakadha!’+ jettaniis hin kakatinaa.
16 Sababiin isaas, Israaʼel akkuma qotiyyoo didaa, didaa taʼeera.+
Egaa Yihowaan akka xobbaallaa hoolaa iddoo dheedichaa* irra jiruutti isaan ni tiksaa?
17 Efreem waaqolii tolfamootti maxxaneera.+
Isa dhiisaa!
18 Yommuu dhugaatiin alkoolii isaanii* dhumu,Isaan halalee ni taʼu.*
Bulchitoonni* ishii baayʼee salphina jaallatu.+
19 Bubbeen qoochoo isaa ishiitti ni mara,*Isaanis aarsaawwan isaaniitti ni qaanaʼu.”
Miiljaleewwan
^ Ykn., “nan balleessa.”
^ Ykn., “barumsa.”
^ Ykn., “ni balleeffamu.”
^ Ykn tarii, “Isaan ulfina koo gara salphinaatti jijjiiraniiru.”
^ Ykn., “lubbuun isaanii ni hawwa.” Ibsa Jechootaa jalaa, “Lubbuu” ilaali.
^ Ykn., “Sagaagalummaa.”
^ Kal., “Garaa jalaa fudhateera.”
^ Ykn., “Addaggummaan; Halalummaan.”
^ Ykn., “uleen nama hooda dubbatuu.”
^ Ykn., “addaggummaa; halalummaa.”
^ Ykn., “addaggummaa; halalummaa.”
^ Muka abaaboo adii urgaa gaarii qabu baasu.
^ Ykn., “addaggummaa; halalummaa.”
^ Ykn., “addaggummaa; halalummaa.”
^ Ykn., “addaggummaa; halalummaa.”
^ Kal., “iddoo balʼaa.”
^ Ykn., “dhugaatiin isaanii qamadii irraa tolfame.”
^ Ykn., “sagaagalummaa ni raawwatu.”
^ Kal., “Gaachanoonni.”
^ Ykn., “qoochoo isaatiin haxaaʼee ishii ni balleessa.”