Faarfannaa 101:1-8
Faarfannaa Daawit. Faarfannaa.
101 Waaʼee jaalala amanamaa fi waaʼee haqaa nan faarfadha.
Yaa Yihowaa, ani siif faarfannaa galataa nan faarfadha.*
2 Of eeggannoodhaan, akkasumas balleessaa malee* nan deddeebiʼa.
Ati yoom gara koo dhufta?
Mana koo keessatti garaa qajeelaadhaan nan deddeebiʼa.+
3 Wanta gatii hin qabne akkamii iyyuu ija koo dura hin kaaʼu.
Gochawwan namoota wanta sirrii taʼe irraa goranii nan jibba;+Isaanii wajjin walitti dhufeenya hin qabu.*
4 Garaa micciiramaan na irraa fagoo dha;Wanta hamaa taʼe hin fudhadhu.*
5 Nama dhoksaatti maqaa ollaa isaa balleessu,+Nan callisiisa.*
Nama ija of jajuu fi garaa of tuulu qabu kam iyyuu,Ani isaaf hin obsu.
6 Akka isaan naa wajjin jiraataniif,Gara namoota amanamoo lafa irra jiranii nan ilaala.
Namni balleessaa malee* deddeebiʼu na tajaajila.
7 Namni gowwoomsaa raawwatu mana koo keessa hin jiraatu,Sobduunis na* dura hin dhaabbatu.
8 Warra balleessaa raawwatan magaalaa Yihowaa keessaa balleessuuf,+Yeroo hundumaa ganama ganama namoota hamoo lafa irra jiran hundumaa nan callisiisa.*
Miiljaleewwan
^ Ykn., “muuziqaa nan qopheessa.”
^ Ykn., “amanamummaadhaan.”
^ Ykn., “Gochi isaanii natti hin maxxanu.”
^ Kal., “hin beeku.”
^ Ykn., “Nan balleessa.”
^ Ykn., “amanamummaadhaan.”
^ Kal., “ija koo.”
^ Ykn., “nan balleessa.”