Faarfannaa 110:1-7

  • Mootii fi luba akka Malkiseedeq

    • “Diinota kee gidduutti bulchi” (2)

    • Dargaggoonni fedhiidhaan of dhiheessan akka fixeensaa ti (3)

Faarfannaa Daawit. Faarfannaa. 110  Yihowaan Gooftaa kootiin,“Diinota kee ejjeta miila keetii hamman siif godhutti+Mirga koo taaʼi”+ jedheera.   Yihowaan, “Diinota kee gidduutti bulchi”+ jedhee,Ulee mootii aangoo kee argisiisu Xiyoon keessaa ni hiixata.   Guyyaa humna waraanaa kee geggeessitutti* sabni kee fedhiidhaan of dhiheessa. Tuutni dargaggoota keetii akka fixeensa barraaqa buʼuu ti. Bifti isaanii ulfina qabeessaa fi qulqulluu dha.   Yihowaan, “Ati akkuma Malkiseedeq+Bara baraaf luba dha!”+ jedhee kakateera,Yaada isaas hin jijjiiru.*   Yihowaan karaa harka mirgaa kee ni taʼa;+Guyyaa dheekkamsa isaattis mootota ni caccabsa.+   Saboota irratti* murtii ni dabarsa;+Lafas reeffaan ni guuta.+ Bulchaa* biyya balʼaas* ni caccabsa.   Inni* burqaa daandii qarqara jiru irraa ni dhuga. Kanaafuu, mataa isaa ol ni qaba.

Miiljaleewwan

Ykn., “Guyyaa raayyaan waraanaa kee sochoʼutti.”
Ykn., “hin gaabbu.”
Ykn., “gidduutti.”
Kal., “Mataa.”
Ykn., “guutummaa lafaas.”
Isa lakk. 1 irratti, “Gooftaa koo” jedhame argisiisa.