Faarfannaa 127:1-5
Faarfannaa Ol Baʼuu. Faarfannaa Solomoon.
127 Yihowaan mana yoo ijaare malee,Ijaartonni jabaatanii hojjechuun isaanii gatii hin qabu.+
Yihowaan magaalaa yoo eege malee,+Eegduun dammaqee eeguun isaa gatii hin qabu.
2 Inni warra jaallatuuf utuma hirriba kennuu wanta barbaachisu waan isaaniif qopheessuuf,+Isin ganama barii kaatanii,Hamma galgalaattis turtanii,Nyaata keessan argachuuf dhamaʼuun keessan gatii hin qabu.
3 Kunoo, ijoolleen* dhaala Yihowaa biraa argamani dha;+Firiin gadameessaas kennaa isaa ti.+
4 Ilmaan namni tokko dargaggummaatti dhalchu,Akkuma xiyyawwan harka nama jabaa keessa jiranii ti.+
5 Namni korojoo xiyyaa isaa isaaniin guuttatu gammadaa dha.+
Isaan karra magaalaa irratti diinotaa wajjin waan dubbataniif,Hin qaanaʼan.
Miiljaleewwan
^ Kal., “ilmaan.”