Faarfannaa 149:1-9

  • Faarfannaa injifannoo Waaqaatiif dhihaate

    • Waaqni saba isaatti ni gammada (4)

    • Warri Waaqaaf amanamoo taʼan ulfina ni argatu (9)

149  Yaahiin jajadhaa!* Yihowaadhaaf faarfannaa haaraa faarfadhaa;+Gumii warra amanamoo taʼanii keessatti isa jajadhaa.+   Israaʼel Uumaa isaa Isa Guddaatti+ haa gammadu;Ilmaan Xiyoonis Mootii isaaniitti haa gammadan.   Shubbisaan+ maqaa isaa haa jajatan,Dibbee fi baganaadhaanis faarfannaa galataa isaaf haa faarfatan.*+   Yihowaan saba isaatti ni gammada.+ Garraamota fayyina ni gonfachiisa.+   Warri amanamoon ulfinaan haa gammadan;Isaan siree isaanii irratti haa ililchan.+   Faarfannaawwan Waaqayyoon jajachuuf dhihaatan qoonqoo isaanii keessa,Goraadeen karaa lamaan qarames harka isaanii keessa haa jiraatu;   Kunis kan taʼu, saboota irratti haaloo baʼuuf,Namootas adabuuf,   Mootota isaanii funcaadhaan,Guguddoota isaaniis hidhaa sibiilaatiin hidhuuf,   Murtii barreeffames isaan irratti raawwachiisuufi.+ Warri isaaf amanamoo taʼan hundi ulfina kana ni argatu. Yaahiin jajadhaa.*

Miiljaleewwan

Ykn., “Halleeluyaah!” Jechi, “Yaah” jedhu maqaan Yihowaa yommuu gabaabaatti barreeffamu dha.
Ykn., “muuziqaa isaaf haa qopheessan.”
Ykn., “Halleeluyaah!” Jechi, “Yaah” jedhu maqaan Yihowaa yommuu gabaabaatti barreeffamu dha.