Faarfannaa 15:1-5

  • Dunkaana Yihowaa keessatti kan simatamu eenyu?

    • Garaa isaatti dhugaa dubbata (2)

    • Maqaa namaa hin balleessu (3)

    • Kan isa miidhu yoo taʼe illee waadaa gale ni eega (4)

Faarfannaa Daawit. 15  Yaa Yihowaa, keessummummaadhaan dunkaana kee keessatti kan simatamu eenyu? Gaara kee isa qulqulluu irra kan jiraatu hoo eenyu?+   Nama balleessaa malee* deddeebiʼu,+Nama wanta sirrii taʼe raawwatu,+Akkasumas nama garaa isaatti dhugaa dubbatu.+   Inni arraba isaatiin maqaa hin balleessu,+Wanta hamaa taʼe tokko illee nama irratti hin raawwatu,+Maqaa michoota isaas hin xureessu.*+   Nama salphaa taʼe kam iyyuu ni tuffata,+Namoota Yihowaa sodaatan garuu ni kabaja. Kan isa miidhu yoo taʼe illee, waadaa* gale raawwachuu irraa duubatti hin jedhu.+   Maallaqa isaa dhalaan hin liqeessu,+Isa balleessaa hin qabne miidhuuf mattaʼaa hin fudhatu.+ Namni wantoota kana raawwatu kam iyyuu matumaa hin raafamu.*+

Miiljaleewwan

Ykn., “amanamummaadhaan.”
Ykn., “Michoota isaa hin qaanessu.”
Kal., “kakaa.”
Ykn., “hin gatantaru.”