Faarfannaa 2:1-12
2 Saboonni kan jeeqaman,Namoonnis wantoota duwwaa taʼanitti kan gunguman* maaliifi?+
2 Mootonni lafaa iddoo iddoo isaanii qabatanii,Abbootiin taayitaa ol aanoonis tokko taʼanii walitti qabamanii,*+Yihowaa irrattii fi isa inni dibe*+ irratti kaʼaniiru.
3 Isaan, “Funcaa isaanii of irraa haa kukkunnu,Wadaroo isaaniis of irraa haa darbannu!” jedhu.
4 Inni samii keessa teessoo isaa irra taaʼu ni kolfa,Yihowaan isaanitti qoosa.
5 Yeroo sanatti inni dheekkamsa isaatiin isaanitti dubbata,Dheekkamsa isaa isa bobaʼuunis isaan naasisa;
6 “Ani Xiyoon+ isa gaara koo isa qulqulluu taʼe irratti,Mootii koo muudeera”+ jedha.
7 Labsii Yihowaa nan labsa;Inni akkana naan jedhe: “Ati ilma koo ti;+Ani harʼa si dhalcheera.+
8 Na gaafadhu, anis saboota dhaala kee,Andaara lafaas qabeenya kee godhee siif nan kenna.+
9 Atis ulee sibiilaa mootiitiin isaan caccabsita,+Akka qiraaciittis isaan hurreessita.”+
10 Kanaafuu, isin mootonni hubannaa qabaadhaa;Isin abbootiin murtii lafaas sirreeffama fudhadhaa.*
11 Sodaadhaan Yihowaa tajaajilaa,Isaaf hollachuuttis gammadaa.
12 Ilma isaatiif ulfina kennaa,*+ taʼuu baannaan Waaqayyo* ni dheekkama,Isinis karaa irraa ni balleeffamtu,+Sababiin isaas, dheekkamsi isaa dafee bobaʼa.
Warri isatti kooluu galan hundi gammadoo dha.
Miiljaleewwan
^ Ykn., “irratti xiinxalan.”
^ Ykn., “gorsa fudhatanii.”
^ Ykn., “Kiristoos isaa.”
^ Ykn., “akeekkachiifamaa.”
^ Kal., “Ilma isaa dhungadhaa.”
^ Kal., “inni.”