Faarfannaa 46:1-11
Geggeessaa muuziqaatiif. Faarfannaa ilmaan Qoraa.+ Akkaataa Alaamotiin.* Faarfannaa.
46 Waaqayyo iddoo kooluu itti galluu fi jabina keenya,+Yeroo dhiphinaattis salphaatti isa biraa gargaarsa arganna.+
2 Lafti yoo raafamte,Gaaronnis galaana gad fagoo keessatti yoo kufan illee nuti kan hin sodaanne kanaafi;+
3 Bishaanonni galaanaa yoo huursanii fi yoo hoomacha baasan,+Jeequmsa isaatiin kan kaʼes gaaronni yoo raafaman hin sodaannu. (Seelaa)
4 Lagni kallattii adda addaatiin yaaʼee magaalaan Waaqayyoo,+Godoo qulqulluu guddaan kan Isa Hundaa Olii taʼes akka gammadu godhu tokko jira.
5 Waaqayyo magaalattii keessa jira;+ ishiin garagalfamuu hin dandeessu.
Waaqayyo ganama barii ishii ni gargaara.+
6 Saboonni iyyaniiru, mootummoonnis garagalfamaniiru;Inni sagalee isaa ol ni kaase, laftis ni baqxe.+
7 Yihowaan Gooftaan Raayyaa nuu wajjin jira;+Waaqni Yaaqoob iddoo amansiisaa kooluu itti gallu* dha. (Seelaa)
8 Kottaatii waaʼee gochawwan Yihowaa,Wantoota dinqisiisoo akkamitti lafa irratti akka raawwates ilaalaa.
9 Inni guutummaa lafaa irraa waraana ni balleessa.+
Iddaa ni cabsa, eeboos ni hurreessa;Gaariiwwan fardaa waraanaas* ibiddaan ni guba.
10 “Dhiisaa taaʼaa, ani Waaqa akkan taʼes beekaa.
Ani saboota gidduutti,Lafa irrattis ulfina nan argadha.”+
11 Yihowaan Gooftaan Raayyaa nuu wajjin jira;+Waaqni Yaaqoob iddoo amansiisaa kooluu itti gallu dha.+ (Seelaa)