Faarfannaa 85:1-13
Geggeessaa muuziqaatiif. Faarfannaa ilmaan Qoraa.+ Faarfannaa.
85 Yaa Yihowaa, biyya keetti gaarummaa argisiisteetta;+Ijoollee Yaaqoob warra boojuudhaan fudhatamanii turan deebisteetta.+
2 Balleessaa saba keetii irra darbiteetta;Cubbuu isaanii hundumaa isaaniif dhiisteetta.*+ (Seelaa)
3 Aarii kee hundumaa toʼatteetta;Dheekkamsa kee isa bobaʼu irraas deebiteetta.+
4 Yaa Waaqa fayyinaa keenyaa, iddoo keenyatti nu deebisi,*Nutti gadduu kees dhiisi.+
5 Bara baraaf akka malee nutti aartaa?+
Dheekkamsi kee hoo dhalootaa hamma dhalootaatti akka itti fufu ni gootaa?
6 Sabni kee akka sitti gammaduuf,Deebistee nu hin bayyanachiistuu?+
7 Yaa Yihowaa, jaalala kee isa amanamaa nutti argisiisi,+Fayyinas nuuf kenni.
8 Inni saba isaa warra isaaf amanamoo taʼanitti nagaa waan dubbatuuf,+Ani wanta Yihowaan inni Waaqa dhugaa taʼe jedhu nan dhagaʼa;Garuu isaan akka malee ofitti amanamuutti hin deebiʼin.+
9 Ulfinni isaa biyya keenya keessa akka buufatuuf,Fayyisuun isaa warra isa sodaatanitti dhugumaan dhihoo dha.+
10 Jaalalli amanamaanii fi amanamummaan wal argatu;Qajeelummaa fi nagaan wal dhungatu.+
11 Amanamummaan lafa keessaa ni biqila,Qajeelummaanis samiiwwan irraa gad ni ilaala.+
12 Eeyyee, Yihowaan wanta gaarii* taʼe ni kenna,+Lafti keenyas oomisha ishii ni laatti.+
13 Qajeelummaan isa dura ni deema,+Adeemsa isaatiifis daandii ni qopheessa.