Fakkeenya 12:1-28

  • Namni adaba jibbu hubannaa hin qabu (1)

  • “Dubbiin utuu itti hin yaadamin dubbatamu akkuma goraadee nama waraana” (18)

  • Nagaa babalʼisuun gammachuu argamsiisa (20)

  • Arrabni sobu Yihowaa duratti jibbisiisaa dha (22)

  • Yaaddoon garaa namaa keessa jiru gad isa qaba (25)

12  Namni adaba jaallatu, beekumsa jaallata,+Namni adaba jibbu garuu hubannaa* kan hin qabne dha.+   Namni gaariin Yihowaa biratti fudhatama argata,Namni yaada hamaa qabu garuu isa biratti ni balaaleffatama.+   Namni kam iyyuu hamminaan tasgabbii hin argatu,+Qajeelonni garuu matumaa hin buqqifaman.   Haati manaa kaamettiin* abbaa manaa ishiitiif gonfoo dha,+Haati manaa nama qaanessitu garuu akkuma dhukkuba lafee isaa tortorsuu ti.+   Yaanni qajeelotaa sirrii dha,Qajeelfamni hamootaa garuu gowwoomsaa dha.   Dubbiin hamootaa akkuma nama rukutee ajjeesuuf* riphee eeggatuu ti,+Afaan qajeelotaa garuu isaan ni oolcha.+   Hamoonni yommuu garagalfaman, sana booda hin jiraatan,Manni qajeelotaa garuu akkuma dhaabbatetti jiraata.+   Namni tokko hubannaa afaan isaatiin ni jajama,+Namni garaa micciiramaa qabu garuu ni tuffatama.+   Nyaata* utuu hin qabaatin of guguddisuu mannaa,Tajaajilaa qabaatanii ulfina xinnoo argachuu wayya.+ 10  Namni qajeelaan beeladoota isaa* ni kunuunsa,+Hamoonni garuu gara laafinni isaanii illee gara jabina dha. 11  Namni lafa isaa qotatu nyaata ni quufa,+Namni wantoota gatii hin qabne duukaa buʼu garuu hubannaa* hin qabu. 12  Namni hamaan wanta namoonni hamoon qabatanitti hinaafa,Hiddi qajeelotaa garuu firii godhata. 13  Namni hamaan cubbuu dubbateen ni qabama,+Namni qajeelaan garuu dhiphina jalaa ni oola. 14  Namni tokko firii dubbii* isaa irraa wanta gaarii ni quufa,+Hojiin harka isaas isa ni kiisa. 15  Karaan nama gowwaa, ija isaa duratti sirrii dha,+Namni ogeessi garuu gorsa fudhata.+ 16  Namni gowwaan aarii isaa yeruma sana* ibsa,+Namni abshaalli garuu arrabsoo tuffatee bira darba.* 17  Namni amanamummaadhaan ragaa baʼu dhugaa* dubbata,Namni sobaan ragaa baʼu garuu dubbii gowwoomsaa dubbata. 18  Dubbiin utuu itti hin yaadamin dubbatamu akkuma goraadee nama waraana,Arrabni ogeessotaa garuu nama fayyisa.+ 19  Arrabni dhugaa dubbatu bara baraaf jiraata,+Arrabni sobu garuu yeroo xinnoodhaaf qofa tura.+ 20  Gowwoomsaan garaa namoota hammina yaadanii keessa jira,Warri nagaa babalʼisan* garuu gammachuu qabu.+ 21  Nama qajeelaa irra miidhaan tokko illee hin gaʼu,+Hamoonni garuu rakkina ni quufu.+ 22  Arrabni sobu Yihowaa duratti jibbisiisaa dha,+Warri amanamoo taʼan garuu isa ni gammachiisu. 23  Namni abshaalli wanta beeku ni dhoksa,Garaan gowwootaa garuu gowwummaa isaanii gad yaasa.+ 24  Harki namoota jabaatanii hojjetanii ni bulcha,+Harki hojii hiike garuu hojii dirqamaa hojjeta.+ 25  Yaaddoon garaa namaa keessa jiru gad isa qaba,*+Dubbii gaariin garuu isa gammachiisa.+ 26  Namni qajeelaan bakka dheedichaa isaa ni barbaaddata,Daandiin hamootaa garuu karaa irraa isaan jalʼisa. 27  Namni dhibaaʼaan wanta adamsu duukaa hin buʼu,+Dhimmanii hojjechuun garuu nama tokkoof qabeenya gatii guddaa qabu dha. 28  Daandiin qajeelummaa gara jireenyaatti geessa;+Daandii sana irras duuti hin jiru.

Miiljaleewwan

Ykn., “miira.”
Ykn., “gaariin.”
Kal., “dhiigaaf.”
Kal., “Daabboo.”
Ykn., “lubbuu beeladoota isaatii.”
Kal., “qalbii.”
Kal., “afaan.”
Ykn., “guyyuma sanatti.”
Kal., “ni haguuga.”
Kal., “wanta qajeelaa taʼe.”
Kal., “gorsitoota nagaa taʼan.”
Ykn., “isa dhiphisa.”