Fakkeenya 14:1-35
14 Dubartiin dhugumaan ogeettii taate mana ishii ni ijaarti,+Dubartiin gowwaan garuu harkuma ishiitiin mana ishii diigdi.
2 Namni qulqullummaa isaatiin deddeebiʼu Yihowaa sodaata,Namni daandiin isaa jalʼaa taʼe garuu isa tuffata.
3 Uleen of tuulummaa afaan nama gowwaa keessa jira,Afaan ogeessotaa garuu eegumsa isaaniif godha.
4 Bakka loon hin jirretti gongaan* qulqulluu dha,Humni qotiyyoo garuu oomisha hedduu argamsiisa.
5 Ragaa baatuun amanamaan hin sobu,Ragaa baatuun sobaa garuu yeroo dubbatu hundumaatti ni soba.+
6 Namni qoostuu taʼe ogummaa ni barbaada, taʼus homaa hin argatu,Namni hubannaa qabu garuu salphaatti beekumsa argata.+
7 Afaan isaa irraa beekumsa waan hin arganneef,Nama gowwaa irraa fagaadhu.+
8 Namni abshaalli ogummaadhaan karaa irra deemu ni hubata,Gowwoonni garuu gowwummaa isaaniitiin ni gowwoomfamu.*+
9 Gowwoonni yakkatti* ni qoosu,+Qajeelonni garuu araaraaf fedhii qabu.*
10 Garaan gadda ofii* isaa ni beeka,Gammachuu isaa irrattis namni kan biraan hirmaachuu hin dandaʼu.
11 Manni hamootaa ni bada,+Dunkaanni qajeelotaa garuu ni dagaaga.
12 Daandiin sirrii fakkaatee namatti mulʼatu jira,+Dhuma irratti garuu gara duʼaatti geessa.+
13 Kolfa keessa illee garaan gadduu dandaʼa,Gammachuunis gaddaan xumuramuu dandaʼa.
14 Namni garaa isaatti addaggee taʼe buʼaa daandii isaa ni haammata,+Namni gaariin garuu badhaasa gocha isaa ni argata.+
15 Namni gowwaan* wanta dubbatamu hundumaa amana,Namni abshaalli garuu tarkaanfii isaa hundumaa irratti xiinxala.+
16 Namni ogeessi of eeggataa dha, wanta hamaa irraas ni gora,Namni gowwaan garuu dantaa hin qabu,* akka malees ofitti amanama.
17 Namni dafee aaru gocha gowwummaa raawwata,+Namni of eeggannoodhaan wanta tokko irratti yaadu* garuu ni jibbama.
18 Gowwoonni* gowwummaa dhaalu,Abshaalonni garuu beekumsa gonfatu.+
19 Namoonni gaarii hin taane namoota gaarii duratti sagaduuf dirqamu,Hamoonnis karra nama qajeelaa duratti ni sagadu.
20 Hiyyeessi olloota isaa biratti illee ni jibbama,+Michoonni sooressaa garuu hedduu dha.+
21 Namni ollaa isaa tuffatu cubbuu hojjeta,Namni nama rakkataatti gara laafina argisiisu hundi garuu gammadaa dha.+
22 Warri hammina raawwachuuf mala qopheessan karaa irraa hin goranii?
Warri wanta gaarii gochuu barbaadan garuu jaalala amanamaa fi amanamummaa argatu.+
23 Hojiin ciminaan hojjetamu kam iyyuu buʼaa qaba,Oduun qofti garuu dhabatti nama geessa.+
24 Gonfoon ogeessotaa qabeenya isaanii ti;Gowwummaan gowwootaa garuu gowwummaa qofa dha.+
25 Ragaa baatuu dhugaan lubbuu ni oolcha,Namni gowwoomsituu taʼe garuu yeroo dubbatu hundumaatti ni soba.
26 Namni Yihowaa sodaatu wanta hundumaatiin isatti amanama,+Ijoolleen isaas iddoo kooluu itti galan ni argatu.+
27 Yihowaa sodaachuun madda jireenyaa ti,Namni tokko kiyyoo duʼaa irraa akka goru ni godha.
28 Baayʼinni namootaa mootiidhaaf ulfina dha,+Bulchaan namoota isa jalatti bulan hin qabne garuu ni bada.
29 Namni dafee hin aarre hubannaa guddaa qaba,+Namni obsa hin qabne garuu gowwummaa isaa argisiisa.+
30 Garaan tasgabbii qabu qaamaaf jireenya* kenna,Hinaaffaan garuu lafee tortorsa.+
31 Namni nama rakkataa gowwoomsu Uumaa isaa arrabsa,+Namni hiyyeessatti gara laafina argisiisu hundi garuu isaaf ulfina kenna.+
32 Namni hamaan hamminuma isaatiin gad darbatama,Namni qajeelaan garuu amanamummaa isaatiin iddoo kooluu itti galu ni argata.+
33 Ogummaan garaa nama hubannaa qabuu keessa tasgabbiidhaan ni teessi,+Gowwoota gidduutti garuu eenyummaa ishii ni beeksisti.
34 Qajeelummaan saba tokko ol ni qaba,+Cubbuun garuu uummata tokkoof salphina dha.
35 Mootiin tajaajilaa hubannaadhaan waa hojjetutti ni gammada,+Nama gocha qaanessaa hojjetu irratti garuu aariin isaa ni bobaʼa.+
Miiljaleewwan
^ Jechuunis, bidiruun horiin keessaa nyaatan.
^ Ykn tarii, “gowwoonni garuu warra kaan ni gowwoomsu.”
^ Ykn., “gumaa baasuutti.”
^ Ykn., “Qajeelota gidduutti garuu fedhiin jira.”
^ Ykn., “lubbuu.”
^ Ykn., “Namni muuxannoo hin qabne.”
^ Ykn., “ni dheekkama.”
^ Ykn., “Namni dandeettii yaaduu qabu.”
^ Ykn., “Namoonni muuxannoo hin qabne.”
^ Ykn., “fayyaa.”