Fakkeenya 17:1-28
17 Mana utuu lolli jiruu affeerraadhaan* guutame mannaaBakka nagaan* jirutti cabaa daabboo goggogaa nyaachuu wayya.+
2 Tajaajilaan hubannaa qabu ilma gocha qaanessaa raawwatu irratti bulchaa taʼa;Obboloota keessaa akka isa tokkoottis dhaala argata.
3 Meetiin qodaa itti baqsan keessatti, warqiinis iddoo ibiddaa keessatti ni qorama,+Garaa namaa kan qoru garuu Yihowaa dha.+
4 Namni hamaan dubbii nama miidhu xiyyeeffannaadhaan dhagaʼa,Namni gowwoomsaa raawwatus arraba wanta hamaa dubbatu dhaggeeffata.+
5 Namni hiyyeessatti qoosu hundi Uumaa isaa arrabsa,+Namni badiisa namaatti gammadus utuu hin adabamin hin hafu.+
6 Ijoolleen ijoollee gonfoo maanguddootaa ti,Abbootiinis* ulfina ilmaan* isaanii ti.
7 Dubbii qajeelaan* nama gowwaa irraa hin eegamu.+
Caalaatti immoo dubbiin sobaa bulchaa tokko irraa hin eegamu!+
8 Kennaan tokko abbaa isaatiif akkuma dhagaa gatii guddaa qabuu ti;*+Bakka deemu hundumaattis milkaaʼina isaaf ni argamsiisa.+
9 Namni balleessaadhaaf dhiifama godhu* hundi jaalala barbaada,+Namni dhimma tokko irra deddeebiʼee dubbatu garuu michoota walitti dhihaatan gargar baasa.+
10 Nama gowwaa taʼe siʼa dhibba rukutuu mannaa+Nama hubannaa qabu siʼa tokko ifachuun faayidaa guddaa argamsiisa.+
11 Namni hamaan fincila qofa barbaada,Ergamaan gara jabeessi garuu akka isa adabu ni ergama.+
12 Nama gowwaa gowwummaa raawwatuu wajjin wal arguu mannaaAmaaketa ilmoolee ishii dhabdee wajjin walitti dhufuu wayya.+
13 Namni wanta gaariidhaaf wanta hamaa deebisu kam iyyuu,Wanti hamaan mana isaa keessaa hin dhabamu.+
14 Lola kaasuun akkuma hidha bishaanii cabsuu ti;*Lolli kaʼuu isaa dura bakka sanaa deemi.+
15 Namni nama hamaa bilisa baasus taʼe namni nama qajeelaa balaaleffatu kam iyyuu+Yihowaa duratti jibbisiisaa dha.
16 Namni gowwaan garaa ogummaa itti argatu utuu hin qabaatin*Karaa itti ogummaa argatu qabaachuun isaa maal isa fayyada?+
17 Michuu dhugaan yeroo hundumaa jaalala argisiisa,+Inni obboleessa yeroo dhiphinaatiif dhalate dha.+
18 Namni hubannaa* hin qabne ollaa isaa duratti wabii taʼuuf,Harka rukutee walii galtee raawwata.+
19 Namni lola jaallatu yakka jaallata.+
Namni karra isaa ol dheeressee ijaaru kam iyyuu kufaatii ofitti waama.+
20 Namni garaan isaa jalʼaa taʼe milkaaʼina* hin argatu,+Namni dubbii gowwoomsaa dubbatus badiisa keessatti kufa.
21 Namni mucaa gowwaa dhalche gaddatu irra gaʼa;Abbaan mucaa hubannaa hin qabnees gammachuu hin qabu.+
22 Garaan gammade qoricha* gaarii dha,+Hafuurri cabe* garuu humna namaa laaffisa.*+
23 Namni hamaan daandii haqaa jalʼisuufDhoksaatti mattaʼaa* fudhata.+
24 Ogummaan kallattiidhaan nama hubannaa qabu dura jira,Ijji nama gowwaa garuu hamma handaara lafaatti asii fi achi joora.+
25 Ilmi gowwaan abbaa isaatti gadda fida,Garaa haadha isa deessees ni gaddisiisa.+
26 Nama qajeelaa adabuun* gaarii miti,Namoota kabajamoo garafuunis wanta sirrii taʼe mormuu dha.
27 Namni beekumsa qabu qusatee dubbata,+Namni hubannaa qabus tasgabbaaʼaa dha.*+
28 Namni gowwaan calluma jedhu illee akka ogeessaatti ilaalama,Namni afaan isaa qabatus akka hubataatti ilaalama.
Miiljaleewwan
^ Ykn., “tasgabbiin.”
^ Kal., “aarsaadhaan.”
^ Ykn., “Warris.”
^ Ykn., “ijoollee.”
^ Ykn., “gaariin.”
^ Ykn., “dhagaa ulfina namaaf argamsiisuu ti.”
^ Kal., “balleessaa haguugu.”
^ Kal., “bishaan gad yaasuu ti.”
^ Ykn., “hubannaa utuu hin qabaatin.”
^ Kal., “qalbii.”
^ Kal., “wanta gaarii.”
^ Ykn., “lafee gogsa.”
^ Ykn., “Abdii kutachuun.”
^ Ykn., “fayyisuuf.”
^ Kal., “Mattaʼaa bobaa keessa jiru.”
^ Ykn., “irratti adaba muruun.”
^ Kal., “hafuurri isaa qabbanaaʼaa dha.”