Fakkeenya 23:1-35
23 Yommuu mootii wajjin nyaachuuf teessutti,Wanta si fuuldura jiru irratti of eeggannoodhaan yaadi;
2 Fedhii nyaataa cimaa* qabda taanaanQoonqoo kee irra halbee kaaʼi.*
3 Nyaata gowwoomsaa waan taʼeef,Nyaata isaa isa miʼaawaa hin kajeelin.
4 Qabeenya argachuuf of hin dhamaasin.+
Takka dhaabbadhuutii hubannaa akka qabdu argisiisi.*
5 Ija kee yommuu irra buufattu, inni achitti hin argamu,+Sababiin isaas, inni qoochoo* akka risaa baasee gara samiitti barrisa.+
6 Nyaata nama sassattuu* hin nyaatin;Nyaata isaa isa miʼaawaa hin kajeelin,
7 Sababiin isaas, inni akkuma nama herrega galmeessuu ti.*
“Nyaadhu, dhugi” siin jedha, garuu garaa isaatii miti.*
8 Nyaata xinnoo nyaatte sana ni hooqqista,Galanni dhiheessites akkasumaan lafatti bada.
9 Inni ogummaa dubbii kee keessa jiru waan tuffatuuf,+Nama gowwaatti hin dubbatin.+
10 Mallattoo daangaa bara durii iddoo isaatii hin siqsin+Yookiin maasii ijoollee abbaa hin qabnee humnaan hin fudhatin.
11 Sababiin isaas, inni isaaniif falmu* jabaa dha;Isaaniif dhaabbatee si falma.+
12 Garaa kee gorsatti,Gurra kees dubbii beekumsaatti qabi.
13 Daaʼima* adabuu irraa duubatti hin jedhin.+
Uleedhaan yoo isa rukutte hin duʼu.
14 Awwaala* irraa isa* oolchuu yoo barbaadde,Uleedhaan isa rukuti.
15 Yaa ilma koo, garaan kee ogeessa yoo taʼe,Garaan koo ni gammada.+
16 Afaan kee wanta sirrii yommuu dubbatu,Keessi eenyummaa kootii* ni gammada.
17 Garaan kee cubbamootatti hin hinaafin,+Kanaa mannaa guyyaa guutuu Yihowaa sodaadhu,+
18 Akkana yoo goote egereen kee gaarii taʼa,+Abdiin kees hin badu.
19 Yaa ilma koo, dhaggeeffadhu, ogeessas taʼi,Garaan kees daandii sirrii irra akka deemu godhi.
20 Namoota daadhii wayinii hedduu dhuganii wajjin,+Warra akka malee foon nyaatanii wajjinis hin taʼin,+
21 Sababiin isaas, namni machooftuu fi albaadhessi ni hiyyooma,+Hirriba jaallachuunis bututtuu nama uffachiisa.
22 Abbaa kee isa si dhalche dhaggeeffadhu,Waanuma ishiin dulloomteef qofa haadha tee hin tuffatin.+
23 Dhugaa, ogummaa, adabaa fi hubannaa bitadhu,*+Matumaas isaan hin gurgurin.+
24 Abbaan nama qajeelaa ni gammada,Namni ilma ogeessa dhalche hundis isatti ni gammada.
25 Abbaan kee fi haati tee ni gammadu,Ishiin si deesses ni gammaddi.
26 Yaa ilma koo, garaa kee naaf kenni,Ijji kees daandii kootti haa gammadu.+
27 Sababiin isaas, dubartii sagaagaltuun boolla gad fagoo dha,Dubartii baalageenis* boolla dhiphoo dha.+
28 Ishiin akkuma saamtuutti riphxee eeggatti;+Lakkoofsa dhiirota amanamoo hin taanees ni baayʼisti.
29 Wayyoon eenyuufi? Dhiphinni eenyuufi?
Lolli eenyuufi? Komachuun eenyuufi?
Sababa malee madaaʼuun eenyuufi? Ijji diimachuun* eenyuufi?
30 Warra daadhii wayinii dhuguu irratti yeroo dheeraa dabarsaniif,+Warra daadhii wayinii makamaa barbaaddataniif* mitii?
31 Yommuu xoofoo keessatti calaqqisuu fi suuta jedhee gad seenutti,Gara daadhii wayinii isa diimaa taʼee hin ilaalin,
32 Sababiin isaas, dhuma irratti inni akkuma bofaatti nama hidda,Akkuma buutiittis summii maddisiisa.
33 Ijji kee wanta keessummaa taʼe ni ilaala,Garaan kees wanta jalʼaa ni dubbata.+
34 Akkuma nama galaana gidduu ciisee,Akkuma nama fiixee utubaa doonii irra ciisees ni taata.
35 Achiis, “Isaan na rukutaniiru, garuu natti hin dhagaʼamne.*
Na reebaniiru, garuu ani hin hubanne.
Yooman dammaqa?+
Dhugaatii kan biraas nan barbaada”* jetta.
Miiljaleewwan
^ Ykn., “Lubbuu fedhiidhaan guutame.”
^ Ykn., “Of toʼadhu.”
^ Ykn tarii, “Hubannaa ofii keetii irraa deebiʼi.”
^ Jechuunis, goflaa.
^ Ykn., “nama ija hamaa qabu kamii iyyuu.”
^ Ykn., “lubbuu isaa keessatti ni shallaga.”
^ Kal., “garaan isaa si bira hin jiru.”
^ Kal., “inni isaan furu.”
^ Ykn., “Mucaa; Dargaggeessa.”
^ Ykn., “Siʼool,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
^ Ykn., “lubbuu isaa.”
^ Kal., “Kaleen koo.”
^ Ykn., “argadhu.”
^ Ykn., “fajajuun.”
^ Ykn., “dhandhamuuf walitti qabamaniif.”
^ Ykn., “na hin dhukkubne.”
^ Ykn., “Ammas isa nan barbaada.”