Warra Roomaatiif 12:1-21
12 Kanaafuu yaa obbolootaa, qaama keessan aarsaa jiraataa, qulqulluu+ fi Waaqayyo biratti fudhatama qabu gootanii akka dhiheessitan+ gara laafina Waaqayyootiin isinan kadhadha; kunis tajaajila qulqulluu dandeettii yaaduu keessanitti fayyadamtanii dhiheessitani dha.+
2 Wanta gaarii, wanta fudhatama qabuu fi fedhii Waaqayyoo isa mudaa hin qabne mirkaneeffachuu+ akka dandeessaniif,+ sammuu keessan haaressuudhaan jijjiiramaa malee, sirni* kun dhiibbaa akka isin irratti godhu* hin heyyaminaa.
3 Namni isin gidduu jiru kam iyyuu, akka amantii Waaqayyo isaaf kennetti,* sammuu fayyaa akka qabu karaa argisiisuun akka yaadu malee,+ hamma yaaduu qabu caalaa waaʼee ofii isaa akka hin yaanne gaarummaa guddaa naaf kennameen isinan gorsa.+
4 Akkuma qaamni keenya tokko taʼee utuu jiruu,+ kutaawwan qaamaa hedduu qabuu fi kutaawwan qaamaa hundis hojii wal fakkaatu hin qabne,
5 nutis hedduu taanee utuu jirruu, tokkummaa Kiristoosii wajjin qabnuun qaama tokko dha; haa taʼu malee, hundi keenya dhuunfaatti kutaa qaama walii ti.+
6 Kanaafuu, akka gaarummaa guddaa nuuf kennameetti kennaa adda addaa waan qabnuuf,+ kennaan keenya raajii dubbachuu yoo taʼe, akka amantii nuuf kennameetti haa dubbannu;
7 yookiin kennaan keenya tajaajiluu yoo taʼe, tajaajiluu keenya itti haa fufnu; inni barsiisus barsiisuu isaa itti haa fufu;+
8 inni jajjabeessu,* haa jajjabeessu;*+ inni kennu* arjummaadhaan haa kennu;+ inni dura buʼu dhimmee* kana haa godhu;+ inni namaaf garaa laafus kana gammachuudhaan haa godhu.+
9 Jaalalli keessan fakkeessaa kan hin qabne haa taʼu.+ Wanta hamaa jibbaa;+ wanta gaariitti maxxanaa.
10 Jaalala obbolummaatiin hoʼisaa wal jaalladhaa. Kabaja walii kennuuf dursa fudhadhaa.+
11 Jabaadhaa* hojjedhaa malee, dhibaaʼoo* hin taʼinaa.+ Hafuuraan kan gubattan taʼaa.+ Akka garbaatti Yihowaa* tajaajilaa.+
12 Abdichatti gammadaa.+ Rakkina keessatti jabaadhaa dhaabbadhaa. Kadhannaatti jabaadhaa.+
13 Qulqullootaaf akka rakkina isaaniitti isaaniif kennaa.+ Keessummoota simachuu amaleeffadhaa.+
14 Warra isin ariʼatan eebbisuu keessan itti fufaa;+ isaan eebbisaa malee hin abaarinaa.+
15 Warra gammadanii wajjin gammadaa; warra booʼanii wajjin booʼaa.
16 Ilaalcha ofiif qabdan warra kaaniifis qabaadhaa; ilaalcha gad of qabuu qabaadhaa malee, of hin tuulinaa.+ Ogeeyyii akka taatanitti of hin ilaalinaa.+
17 Eenyuuf iyyuu hamaa hamaadhaan hin deebisinaa.+ Wanta namoota hundumaa duratti gaarii taʼe hojjedhaa.
18 Hamma isiniif dandaʼametti karaa keessan namoota hundumaa wajjin nagaadhaan jiraadhaa.+
19 Yaa obboloota jaallatamo, “‘Haaloo baʼuun kan koo ti; ani deebisee nan kaffala’ jedha Yihowaan”*+ jedhamee waan barreeffameef, dheekkamsa Waaqayyoof dhiisaa malee+ ofii keessanii haaloo hin baʼinaa.
20 Kanaa mannaa, “diinni kee yoo beelaʼe nyaachisi; yoo dheebote wanta dhugu isaaf kenni; kana gochuudhaan barbadaa* mataa isaa irra tuulta.”*+
21 Hamaa gaariidhaan moʼuu kee itti fufi malee, hamaadhaan hin moʼamin.+
Miiljaleewwan
^ Ykn., “barri.” Ibsa Jechootaa ilaali.
^ Ykn., “akka isin bocu.”
^ Ykn., “hiretti.”
^ Ykn., “gorsu.”
^ Ykn., “gorsu.”
^ Ykn., “buusii godhus.”
^ Ykn., “garaadhaa.”
^ Ykn., “Dhimmaa; Hinaaffaadhaan.”
^ Ykn., “daagii.”
^ Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
^ Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
^ Ykn., “mukukkula.”
^ Kun namichi laafee amalli isaa inni jabaan akka baqu gochuu argisiisa.