Dhimma ijoo ta'etti seeni

KITAABNI QULQULLUUN JIREENYA NAMOOTAA NI JIJJIIRA

Kitaabni Qulqulluun Deebii Ifaa fi Amansiisaa Taʼe Akka Kennuu Beekuun Koo Baayʼee Na Dinqisiise

Kitaabni Qulqulluun Deebii Ifaa fi Amansiisaa Taʼe Akka Kennuu Beekuun Koo Baayʼee Na Dinqisiise
  • BARA DHALOOTAA: 1948

  • BIYYA DHALOOTAA: HANGAARII

  • SEENAA: GAAFFIIWWAN GUGUDDAA QABUUF DEEBII ARGACHUUF HAWWA TURE

JIREENYA KOO DURAA:

Magaalaa Hangaarii seenaa waggaa 1,000 olii qabduu fi Sekeeshifeeheervaar jedhamtu keessattin dhaladhe. Miidhaa guddaa waraanni addunyaa lammaffaa magaalaa kana irra geessise garuu amma iyyuu nan yaadadha.

Ijoollummaa kootti kan na guddisan akkoo fi akaakayyuu koo turan. Wantoota akkoo koo fi akaakayyuu koo, keessummaa immoo akkoo koo Elsaabet na yaadachiisan hedduun jiru. Ishiin Waaqayyoo irratti amantii cimaa akkan qabaadhu na gargaarteetti. Umurii koo waggaa sadiitii kaasee yeroo hunda galgala galgala kadhannaa “Kadhannaa Gooftaa” jedhamee beekamu ishii wajjin nan kadhadha ture. Haa taʼu malee, hiika kadhannaa kanaa kanan hubadhe dhuma waggoota 20mmanii keessa yeroon turetti dha.

Warri koo qarshii gaʼa mana bituuf isaan dandeessisuu argachuuf halkanii fi guyyaa hojjechaa waan turaniif, ijoollummaa kootti kan na guddise akkoo fi akaakayyuu koo turan. Torban lama lamaan Sanbadduraa Sanbadduraa maatiin koo waliin nyaata nyaachuuf walitti qabamu turan. Yeroowwan waliin dabarsinu kunneen baayʼee na gammachiisu turan.

Bara 1958 yeroo warri koo mana sadan keenya keessa jiraannu bitachuu dandaʼanitti hawwiin isaanii isaaniif milkaaʼe. Anis dhuma irratti haadha koo fi abbaa koo wajjin jiraachuu dandaʼuu kootti baayʼeen gammade. Haa taʼu malee, jiʼa jaʼaa booda gammachuun koo akkuma tasaa gaddatti jijjiirame. Abbaan koo kaansariidhaan duʼe.

Baayʼeen gadde. “Yaa Waaqayyoo, abbaa koo akka naaf oolchituu si kadhadheen ture. Isa dhabuu hin barbaadu. Kadhannaa kootiif utuu deebii hin kennin kan haftee maaliifi?” jedhee kadhachaa akkan ture nan yaadadha. Bakka abbaan koo jiruu beekuuf hawwii guddaan qaba ture. ‘Gara samii dhaqee? Moo barabaraaf bade?’ jedheen gaafadha ture. Ijoollee abbaa qabanitti nan hinaafan ture.

Waggoota hedduudhaaf guyyaa guyyaadhaan jechuun ni dandaʼamaa bakka awwaalchaa abbaa koon dhaqa ture. Achiis awwaalcha abbaa koo irraa jilbeenfadhee “Maaloo yaa Waaqayyo, bakka abbaan koo jiru beekuun barbaada” jedheen kadhadha ture. Kaayyoo jireenyaa hubachuuf akka na gargaaruufis nan kadhadha ture.

Yeroo umuriin koo waggaa 13 taʼu Afaan Jarmanii barachuufan murteesse. Barreeffamoota hedduu afaan Jarmaniin argaman irraa tarii gaaffiiwwan koof deebiin argadha jedheen yaadee ture. Bara 1967 magaalaa Yeenaa ishee yeroo sanatti kutaa Bahaa Jarman turtetti barachuun jalqabe. Kitaabota falaastonni Jarman barreessan, keessumaa immoo warra waaʼee kaayyoo jireenyaa ibsan hawwii guddaadhaanan dubbisa ture. Yaadawwan nama ajaaʼibsiisan tokko tokko kanan argadhe taʼus, tokkon isaanii illee deebii quubsaa naaf hin kennine. Kanaaf deebii argachuuf kadhachuu koo ittan fufe.

KITAABNI QULQULLUUN KAN NA JIJJIIRE AKKAMITTI?

Bara 1970 gara Hangaariittin deebiʼe; Rooz ishii yeroo booda haadha manaa koo taatee wajjin kanan wal bare achitti dha. Yeroo sanatti Hangaariin bulchiinsa Kooministii jala turte. Anii fi Rooz gaaʼela erga godhanne utuma baayʼee hin turin gara Ostiriyaatti baqanne. Galmi keenya yeroo booda Siidnii Awustiraaliyaa bakka eessumni koo jiraatu deemu ture.

Utuma baayʼee hin turin Ostiriyaatti hojiin argadhe. Gaaf tokkoo namni naa wajjin hojjetu gaaffii koo hundumaaf Kitaaba Qulqulluu irraa deebii argachuu akkan dandaʼu natti hime. Achiis kitaaba, Kitaaba Qulqulluu irratti ibsa kennu lama naaf kenne. Kitaabota sanas yeroo gabaabaa keessattin dubbisee fixe; sana booda caalaatti barachuun barbaade. Kanaafuu Dhugaa Baatota Yihowaa warra maxxansitoota kitaabota sanaa taʼanitti barreesseen barreeffamoota dabalataa akka naaf erganiin gaafadhe.

Anii fi Rooz gaaʼela keenyaa waggaa tokkoffaa yommuu kabajnutti Dhugaa Baatuun dargaggeessi lammii Ostiriyaa taʼe mana keenya dhufe. Barreeffaman gaafadhe naa fidee dhufe, achiis Kitaaba Qulqulluu akkan qoʼadhu na affeere, anis affeerrii isaa nan fudhadhe. Barachuuf hawwii guddaa waanan qabuuf torbanitti siʼa laman qoʼadha, qoʼannaan tokkos gara saʼaatii afurii natti fudhata ture.

Wanta Dhugaa Baatonni Kitaaba Qulqulluu irraa na barsiisanis baayʼee na gammachiisee ture. Kitaaba Qulqulluu koo isa Afaan Hangaarii irraa maqaan Waaqayyoo Yihowaa akka taʼe yommuu natti argisiisan ijji koo amanu hin dandeenye. Waggaa 27 waldaa dhaqaan ture, garuu maqaan Waaqayyo siʼa tokko illee yommuu waamamu dhagaʼee hin beeku. Kitaabni Qulqulluun deebii ifaa fi amansiisaa taʼe akka kennuu beekuun koo baayʼee na dinqisiise. Fakkeenyaaf, namoonni duʼan homaa akka hin beekne, jechuunis akkuma waan hirriba cimaa keessa jiranii akka taʼaniin baradhe. (Lallaba 9:5, 10; Yohaannis 11:11-15) Addunyaa haaraa ‘duuti keessa hin jiraanne’ ilaalchisee abdii Kitaabni Qulqulluun kennus baradheera. (Mulʼata 21:3, 4) Addunyaa haaraa sana keessatti ‘duʼa kaʼuun’ waan raawwatamuuf abbaa koo deebisee argachuuf abdii qaba.—Hojii Ergamootaa 24:15.

Roozis Kitaaba Qulqulluu naa wajjin qoʼachuu jalqabde. Saffisaan guddina gochuudhaan Kitaaba ittiin qoʼannuu jiʼa lama gidduutti xumurre. Walgaʼii Dhugaa Baatonni Galma Walgaʼiitti godhan hunda irrattis ni argamna turre. Jaalala, wal gargaaruu fi tokkummaan Dhugaa Baatota Yihowaa gidduu jiru baayʼee nu ajaaʼibsiisee ture.—Yohaannis 13:34, 35.

Bara 1976⁠tti anii fi Rooz Awustiraaliyaa galuuf heyyama arganne. Achittis yeruma sana Dhugaa Baatota Yihowaa barbaanne arganne. Dhugaa Baatonni naannoo sana jiranis keessummummaan akka nutti hin dhagaʼamne godhan. Bara 1978⁠tti nuttis Dhugaa Baatota taane.

FAAYIDAA ANI ARGADHE:

Dhuma irratti gaaffiiwwan yeroo dheeraadhaaf na jeeqaa turaniif deebii argachuu dandaʼeera. Akkasumas Yihowaatti dhihaachuudhaan abbaa hunda irra caalu argadheera. (Yaaqoob 4:8) Addunyaa haaraa keessatti abbaa koo isan duʼaan dhabe akkan argadhu beekuun koo naaf abdii guddaa dha.—Yohaannis 5:28, 29.

Bara 1989 anii fi Rooz wanta baranne michootaa fi maatii keenyatti, akkasumas namoota argannu kaanitti himuuf gara Haangaariitti deebiʼuuf murteessine. Namoota dhibbaan lakkaʼaman Kitaaba Qulqulluu barsiisuufis mirga arganneerra. Isaan keessaa haadha koo ishiin baayʼee jaalladhu dabalatee, namoonni 70 ol taʼan nu wajjin Yihowaa tajaajilaa jiru.

Gaaffiiwwan koof deebii argachuuf waggaa 17 kadhachaan ture. Kun erga taʼe waggoonni 39 kan darban taʼus, amma iyyuu kadhachaan jira. Amma garuu kanan kadhadhu, “Yaa Abbaa koo isa samii irra jiraattuu, kadhannaan ijoollummaa kootti dhiheessaa tureef deebii waan naa kenniteef baayʼeen si galateeffadha” jedheeni.