Xumura
‘Fakkeenya warra amantiifi obsaan wanta abdachiifame argachuuf jiranii fudhadhaa.’—IBROOTA 6:12.
1, 2. Yeroo ammaa amantii qabaachuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Fakkeenyaan ibsi.
AMANTIIN jecha gaarii amala baʼeessa taʼe argisiisudha. Jecha kana yommuu dhageenyu garuu waaʼee jecha gara biraa ‘Ariitii!’ jedhamu yaaduun keenya barbaachisaadha. Kanaaf amantii hin qabnu taanaan, amala kana qabaachuun keenya ariifachiisaadha. Amantii qabna yoo taʼemmoo, dhimminee eeguufi sooruun keenya ariifachiisaadha. Akkas kan jennu maaliifi?
2 Mee lafa onaa balʼaa taʼe keessa qaxxaamuraa akka jirtu godhii yaadi. Baayʼee dheebbotteetta. Yeroo kanatti bishaan xinnoo yoo argatte aduudhaan akka si jalaa hin hurkineef eeguu qabda. Achiis, bakka deemaa jirtu sanaan akka si gaʼuuf bishaan sana daftee daftee itti guuttachuu qabda. Bishaan sun eegamuufi dafee dafee itti guutamuu baannaan akkuma hurkee dhumuu dandaʼu, nutis yeroo harʼaa addunyaa karaa hafuuraa ona taʼe, jechuunis amantii dhugaa hin qabne keessa jiraanna. Akkuma bishaan malee jiraachuu hin dandeenye, amantii malees karaa hafuuraa jiraachuu waan hin dandeenyeef, amantii qabaachuun keenya ariifachiisaadha.—Rom. 1:17.
3. Yihowaan amantii keenya akka guddifannu nu gargaaruuf maal nuu qopheesseera? Wantoota kam lamaan yaadachuu qabna?
3 Yihowaan amantiin hangam akka nu barbaachisu, akkasumas yeroo harʼaa amantii qabaachuufi eeganii jiraachuun hangam ulfaataa akka taʼe beeka. Namoota fakkeenyasaanii hordofuu dandeenyu kan nuu kenne kanaaf akka taʼe hin shakkisiisu. Yihowaan, Phaawulos ergamaan ‘fakkeenya warra amantiifi obsaan wanta abdachiifame argachuuf jiranii fudhadhaa’ jechuudhaan hafuuraan geggeeffamee akka barreessu isa kakaaseera. (Ibr. 6:12) Jaarmiyaan Yihowaa, fakkeenya dhiirotaafi dubartoota amanamoo kitaaba kana keessatti waaʼeesaanii baranne hordofuuf carraaqqii cimaa akka goonu kan nu jajjabeessu kanaafidha. Haataʼu malee amma maal gochuutu nurraa eegama? Wantoota lama yaadachuu qabna: (1) Amantii keenya cimsachuu keenya itti fufuufi (2) abdiin keenya ifa taʼee akka nutti mulʼatu gochuu qabna.
4. Seexanni diina amantii taʼuusaa kan argisiise akkamitti? Taʼus abdii kutachuu kan hin qabne maaliifi?
4 Amantiikee cimsachuukee itti fufi. Seexanni diina amantii isa guddaadha. Seexanni inni addunyaa kana bulchu, addunyaan kun lafa onaa amantii keenya mancaasu akka taʼu godheera. Inni nu caalaa humna guddaa qaba. Taʼus, amantii keenya guddifachuufi jabeeffachuu hin dandeenyu jennee abdii kutachuu qabnaa? Matumaa! Yihowaan namoota amantii dhugaa qabaachuu barbaadan hundaaf Michuu dhugaa taʼa. Gargaarsasaatiin Seexana mormuufi akka nurraa baqatu gochuu akka dandeenyu nuu mirkaneesseera. (Yaq. 4:7) Amantii keenya cimsachuufi guddifachuuf guyyaa guyyaadhaan yeroo ramaduudhaan isa mormuu ni dandeenya. Akkamitti?
5. Dhiironniifi dubartoonni Macaafa Qulqulluu keessatti ibsaman amantii qabaachuu kan dandaʼan akkamitti? Ibsi.
Gal. 5:22, 23) Namoonni kun gargaarsa argachuuf kan kadhatan siʼa taʼu, Yihowaanis amantiisaanii isaaniif cimseera. Yihowaan namoota kadhataniifi kadhannaasaanii wajjin haala wal simuun jiraataniif hafuurasaa akka kennu yaadachuudhaan, nutis akkuma isaan godhan haa goonu. (Luq. 11:13) Wanti gochuu dandeenyu garabiraanoo jiraa?
5 Akkuma kitaaba kana keessatti ilaalle, dhiironniifi dubartoonni Macaafa Qulqulluu keessatti ibsaman amantii qabaatanii kan dhalatan hin turre. Kanaa mannaa, jireenyisaanii amantiin buʼaa ija hojii hafuura Yihowaa akka taʼe mirkaneessa. (6. Seenaa Macaafa Qulqulluu qayyabachuudhaan faayidaa guddaa argachuu kan dandeenyu akkamitti?
6 Kitaaba kana keessatti kan qorre fakkeenya namoota amantii guddaa qaban muraasaa qofadha. Haataʼu malee, namoonni gama kanaan fakkeenya taʼan gara biraa hedduunis jiru. (Ibroota 11:32 dubbisi.) Qayyabannaa dhuunfaa keenyarratti fakkeenya namoota amanamoo kanaa akka dubbisnuufi akka barannu gorsi nuu kennameeera. Seenaa namoota amantii Macaafa Qulqulluu keessatti ibsaman kanaa jarjarsuudhaan kan dubbisnu yoo taʼe, amantii keenya cimsachuu hin dandeenyu. Wanta dubbisnurraa faayidaa guutuu argachuuf, yeroo fudhannee yaada naannoo seenaa sanaa jiruufi wanta seenichaaf kaʼumsa taʼe gad fageenyaan qoruun nu barbaachisa. Dhiironniifi dubartoonni cubbuu dhaalan sun ‘namuma akka keenyaa’ akka turan yeroo hunda kan yaadannu yoo taʼe, fakkeenyasaanii caalaatti hubanna. (Yaq. 5:17) Rakkoowwan nu mudachaa jiranii wajjin wal fakkaatan yommuu isaan mudatan maal isaanitti dhagaʼamee taʼuu akka dandaʼu yaaduudhaan isaaniif gadduu dandeenya.
7-9. (a) Dhiironniifi dubartoonni amantii tokko tokko akka nuti yeroo harʼaa Yihowaa waaqeffannutti utuu isa waaqeffachuu dandaʼaniiru taʼee maaltu isaanitti dhagaʼama ture? (b) Amantii keenya hojiidhaan cimsachuu kan qabnu maaliifi?
7 Murtoo goonuunis taʼe wanta raawwannuun amantii keenya cimsachuu ni dandeenya. Kana malees, “amantiin hojii gaarii hin argisiifne duʼaa dha.” (Yaq. 2:26) Dhiironniifi dubartoonni amanamoon waaʼeesaanii qorre kun, hojii Yihowaan yeroo harʼaa nuu kenne kana hojjechuuf utuu carraa argataniiru taʼee hangam akka gammadan yaadi.
8 Fakkeenyaaf, Abrahaam iddoo aarsaa lafa onaa keessatti dhagaarraa hojjetame biratti utuu hin taʼin, Galma Mootummaa bareedaa taʼe keessattiifi walgaʼii gurguddaa bakka abdiin inni “fagootti” ilaale sun irratti mariʼatamuufi ibsamutti Yihowaa waaqeffachuu akka dandaʼu utuu itti himameera taʼee maaltu itti dhagaʼama ture? (Ibroota 11:13 dubbisi.) Kana malees, Eliyaas bara mootonni hamoon gantoota taʼan turanitti yommuu tajaajilu raajota Baʼaal akka ajjeesu utuu hin taʼin, rakkina tokko malee ergaa nama jajjabeessuufi abdii namaa kennu qofa akka dubbatu utuu itti himameera taʼee maaltu itti dhagaʼama ture? Dhiironniifi dubartoonni amanamoon Macaafa Qulqulluu keessatti ibsaman, akkuma nuyi yeroo harʼaa Yihowaa waaqeffannutti isa waaqeffachuuf utuu carraa argataniiru taʼee baayʼee hin gammadan turanii?
9 Kanaaf amantii keenya hojiidhaan cimsachuu keenya itti haa fufnu. Kana kan goonu
yoo taʼe, fakkeenya dhiirotaafi dubartoota amantii Macaafa Qulqulluu keessatti ibsamanii hordofaa jirra jechuudha. Akkuma Seensarratti ibsame akka michuu keenyaatti caalaatti akka isaanitti dhihaannes nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Haataʼu malee, michummaan akkasii yeroo dhihootti dhugaa taʼa.10. Jannata keessatti gammachuu akkamii arganna?
10 Abdiinkee ifa taʼee akka sitti mulʼatu godhi. Dhiironniifi dubartoonni amanamoo taʼan yeroo hunda abdii Waaqayyo isaanii kennerraa jajjabina argatu turan. Atoo hin barbaadduu? Fakkeenyaaf, tajaajiltoonni Waaqayyoo amanamoo taʼan yeroo ‘qajeelonni duʼaa kaʼanitti’ deebiʼanii yommuu jireenya argatan isaanii wajjin wal arguun gammachuu hangamii akka argamsiisu yaadi. (Hojii Ergamootaa 24:15 dubbisi.) Gaaffiiwwan isaan gaafachuu barbaaddu keessaa tokko tokko maalfaʼi?
11, 12. Addunyaa haaraa keessatti (a) Abeeliin, (b) Nohiin, (c) Abrahaamiin, (d) Ruutiin, (e) Abigaayiliin, (f) Asteeriin gaaffii akkamii gaafachuu dandeessa?
11 Abeeliin yommuu argitu warrisaa maal akka fakkaatan isa gaafachuu hin barbaadduu? Yookiin, “Kiruubelota karaa gara Eedenitti geessu eegan sanaa wajjin dubbattee beektaa? Isaanoo deebii sii kennaniiruu?” jettee isa gaafachuu dandeessa. Nohinoo maal gaafachuu barbaadda? Akkas jettee isa gaafachuu dandeessa: “Neefliimota sana sodaattee turtee? Yeroo markaba keessa turan sanatti bineeldota sana hunda kunuunsuu kan dandeesse akkamitti?” Abrahaamiin yoo argitemmoo akkas jettee gaafachuu dandeessa: “Seemii wajjin qaamaan wal argitanii beektuu? Waaʼee Yihowaa eenyutu si barsiise? Uriin dhiistee baʼuun sitti ulfaatee turee?”
12 Gaaffiiwwan dubartoota amanamoo duʼaa kaʼan gaafachuu dandeessu tokko tokkos yaadi. “Ruut, Yihowaa waaqeffachuuf kan si kakaase maalidha?” “Abigaayil, Daawitiin akkamitti akka gargaarte Naabaalitti himuu sodaattee turtee?” “Asteer, seenaan Macaafa Qulqulluu waaʼee keessan ibsu erga xumuramee booda atiifi Mordekaayi maal taatan?”
13. (a) Namoonni duʼaa kaʼan gaaffiiwwan akkamii si gaafachuu dandaʼu? (b) Dhiirotaafi dubartoota amanamoo bara duriitti jiraatanii wajjin wal arguu ilaalchisee maaltu sitti dhagaʼama?
13 Dhiironniifi dubartoonni amanamoon kunis gaaffiiwwan hedduu akka si gaafatan beekamaadha. Wantoota guyyoota gara dhumaatti raawwatamaniifi Yihowaan yeroo rakkisaa taʼe kanatti sabasaa akkamitti akka eebbise isaanitti himuun baayʼee kan nama gammachiisu mitii? Isaanis Yihowaan abdii kenne hunda akkamitti akka raawwate yommuu beekan garaansaanii akka tuqamu beekamaadha. Addunyaa haaraa keessatti waaʼee tajaajiltoota Yihowaa amanamoo Macaafa Qulqulluu keessatti ibsamanii yaaduun rakkisaa miti. Isaan Jannata keessa nu wajjin jiraatu. Kanaaf yeroo ammaa namoonni kun akka sii dhugooman gochuuf waan sii dandaʼame hunda gochuukee itti fufi. Fakkeenya amantiisaanii hordofuukee itti fufi. Akka michuu keetti isaanii wajjin barabaraan Yihowaa tajaajiluukee akka itti fuftu siif hawwina.