Seensa
“Fakkeenya warra amantii fi obsaan wanta abdachiifame argachuuf jiranii akka fudhattan in barbaanna.”—IBROOTA 6:12.
1, 2. Daawwataan olaanaa tokko namoota amanamoo Macaafa Qulqulluu keessatti ibsaman akkamitti ilaalu turan? Namoonni akkasii michoota gaarii taʼuu kan dandaʼan maaliifi?
OBBOLEETTIIN tokko haasaa daawwataan olaanaa maanguddoo taʼan tokko kennan erga dhaggeeffattee booda, “Namoonni Macaafa Qulqulluu keessatti ibsaman michootasaanii durii akka taʼan godhanii dubbatu” jetteetti. Obboleessi kun Dubbii Waaqayyoo qayyabachuufi barsiisuudhaan waggoota kudhaniin lakkaaʼaman waan dabarsaniif, namoonni Macaafa Qulqulluu keessatti ibsaman akka michootasaanii durii taʼanitti dubbachuunsaanii kan nama dinqisiisu miti.
2 Nutis namoota Macaafa Qulqulluu keessatti ibsaman hedduu kana michuu godhachuun keenya gaariidha. Haataʼu malee namoonni kun namoota dhugumaan kanaan dura jiraatan akka taʼan sitti dhagaʼamaa? Dhiirotaafi dubartoota akka Nohi, Abrahaam, Ruut, Eliyaasiifi Asteer jiranii wajjin deemuun, haasaʼuuniifi yeroo waliin dabarsuudhaan isaanii wajjin wal baruun maal fakkaachuu akka dandaʼu yaadi. Dhiibbaa gaarii isaan jireenya keerratti geessisan, jechuunis gorsa gaariifi jajjabina isaanirraa argachuu dandeessu yaadi.—Fakkeenya 13:20 dubbisi.
3. (a) Waaʼee dhiirotaafi dubartoota amantii Macaafa Qulqulluu keessatti ibsamanii barachuudhaan fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti? (b) Gaaffiiwwan kamfaa qorra?
3 Namoota kanaa wajjin michoomuudhaan guutummaatti faayidaa argachuu kan dandeenyu yeroo ‘qajeelonni duʼaa kaʼanitti’ akka taʼe beekamaadha. (HoE. 24:15) Haataʼu malee, yeroo ammaallee waaʼee dhiirotaafi dubartoota amantii Macaafa Qulqulluu keessatti ibsaman kanaa barachuudhaan faayidaa argachuu dandeenya. Akkamitti? Phaawulos ergamaan, “Fakkeenya warra amantii fi obsaan wanta abdachiifame argachuuf jiranii akka fudhattan in barbaanna” jechuudhaan deebii gaarii kenneera. (Ibr. 6:12) Kanaaf, mataduree waaʼee dhiirotaafi dubartoota amantii ibsu kana qayyabachuu jalqabuu keenya dura mee yaada Phaawulos dubbate ilaalchisee gaaffiiwwan akkas jedhan haa ilaalu: Amantiin maalidha? Kan nu barbaachisuhoo maaliifi? Fakkeenya namoota amanamoo durii kana hordofuu kan dandeenyu akkamitti?
Amantiin Maalidha? Kan Nu Barbaachisuhoo Maaliifi?
4. Namoonni amantiin maalidha jedhanii yaadu? Namoonni kun dogoggoraniiru kan jennu maaliifi?
4 Amantiin, amala gaarii dhiironniifi dubartoonni kitaaba qorachuuf jennu kana keessatti ibsaman hundi iddoo guddaa kennaniifidha. Yaq. 2:19.
Namoonni yeroo harʼaa jiran hedduun amantiin wanta ragaa hin qabne ykn qabatamaa hin taanetti amanuu akka taʼe godhanii yaadu. Haataʼu malee, yaannisaanii kun dogoggoradha. Amantiin akkasumaan waan tokko fudhachuu ykn miiraan oofamuu miti. Amantii dhugaan akkasumaan waan tokkotti amanuurraa faallaadha. Wanta tokko akkasumaan amanuun balaa qaba. Miirri namootaas ni jijijjiirama. Kana malees, “hafuuronni hamoonni iyyuu in amanu, in roqomus” waan jedhameef, Waaqayyotti amanuun qofti gaʼaa miti.—5, 6. (a) Amantiin keenya wantoota ijaan hin argamne kam lamaanirratti xiyyeeffata? (b) Amantiin keenya hangam cimaa taʼuu qaba? Fakkeenyaan ibsi.
5 Amantii dhugaan akkasumaan waan tokko fudhachuurraa addadha. Macaafni Qulqulluun amantiidhaaf hiika akkamii akka kennu hubadhu. (Ibroota 11:1 dubbisi.) Phaawulos amantiin wantoota nuyi arguu hin dandeenye lamarratti akka xiyyeeffatu dubbateera. Tokkoffaa, dhugaawwan qabatamaa ‘wantoonni ijaan hin argamne’ jiraachuusaanii mirkaneessanirratti xiyyeeffata. Wantoota addunyaa hafuuraa keessa jiran, jechuunis Yihowaa, Ilmasaa ykn Mootummicha isa samii keessatti bulchaa jiru ijaan arguu hin dandeenyu. Lammaffaa, amantiin “waan abdatan,” jechuunis wantoota hanga ammaatti hin raawwatamnerratti xiyyeeffata. Yeroo ammaatti addunyaa haaraa Mootummaan Waaqayyoo dhiheenyatti fidu ijaan arguu hin dandeenyu. Haataʼu malee, wantoonni kunis taʼan wantoonni abdannu ragaa hin qaban jechuudhaa?
6 Matumaa akkas jechuu miti. Phaawulos amantii dhugaan ragaa cimaarratti kan hundaaʼe akka taʼe ibseera. Amantii wajjin haala wal qabateen yaanni Phaawulos ‘Dhuguma in taʼa jedhanii fudhachuudha’ jedhee dubbate, ‘sanadii abbaa qabeenyummaa’ jedhamees hiikamuu dandaʼa. Fakkeenyaaf namni tokko mana sii kennuuf akka murteesse godhii yaadi. Sanadii iddoo sanarratti abbaa qabeenyaa taʼuukee ibsu sii kennuudhaan, “Kun manakeeti” siin jedha. Haataʼu malee, yommuu akkas jedhu waraqaa sanarra jiraatta jechuusaa miti; kanaa mannaa sanadichi seera duratti fudhatama kan qabu waan taʼeef, sanadicha fudhachuunkee manicha akka fudhattetti ilaalama jechuudha. Haaluma wal fakkaatuun, amantiin keenya wanti Waaqayyo Dubbiisaa keessatti abdachiise hundi akkuma waan raawwatametti fudhachuuf nu gargaara.
7. Amantii dhugaan maal dabalata?
7 Kanaaf amantii dhugaan wantoonni kanaan dura raawwataman dhugaa taʼuusaanii mirkaneessanii fudhachuufi Yihowaarratti amanannaa cimaa qabaachuu kan dabalatudha. Amantiin, Yihowaan Abbaa keenya jaalala qabeessa akka taʼe goonee akka isa ilaalluufi abdiin inni kenne hundi akka raawwatamu mirkanaaʼoo taʼuuf nu gargaara. Haataʼu malee, amantii dhugaan kana caalaas Yaq. 2:26.
waan dabalatu qaba. Akkuma wanta lubbu qabeessa taʼe tokkoo, amantiinis akka hin duuneef sooramuu qaba. Hojiidhaan argisiifamuu qaba; taʼuu baannaan garuu duʼuu dandaʼa.—8. Amantiin baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
8 Amantiin baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Phaawulos gaaffii kanaaf deebii quubsaa kenneera. (Ibroota 11:6 dubbisi.) Amantii yoo qabaanne malee Yihowaatti dhihaachuus taʼe isa gammachiisuu hin dandeenyu. Kanaaf kaayyoo guddaa itti uumamneef galmaan gaʼuu, jechuunis Abbaa keenya isa samii Yihowaatti dhihaachuufi isa faarsuu yoo barbaanne amantii qabaachuun keenya barbaachisaadha.
9. Yihowaan amantiin akka nu barbaachisu kan beeku taʼuusaa kan argisiise akkamitti?
9 Yihowaan amantiin hammam akka nu barbaachisu waan beekuuf, fakkeenyota amantii keenya guddifachuufi hojiidhaan argisiisuuf nu gargaaran nuu kenneera. Dhiirota amanamoo fakkeenya taʼuudhaan nu geggeessan kennuudhaan gumii Kiristiyaanaa eebbiseera. Dubbiinsaa, “Fakkeenya amantii isaanii fudhadhaa duukaa buʼaa!” jedha. (Ibr. 13:7) Yihowaan wanta gara biraas nuu kenneera. Phaawulos waaʼee “dhuga-baatota akka duumessaa,” jechuunis dhiirotaafi dubartoota bara durii amantii qabaachuudhaan fakkeenya guddaa taʼanii barreesseera. (Ibr. 12:1) Taʼus tajaajiltoonni amanamoon Macaafa Qulqulluu keessatti ibsaman warra Phaawulos Ibroota boqonnaa 11rratti ibse qofadha jechuu miti. Macaafni Qulqulluun seenaa dhiirota, dubartoota, dargaggootaafi maanguddoota, haala addaddaa keessatti amantii akka qaban argisiisaniifi yeroo namoonni hedduun amantii hin qabne kanatti barumsa guddaa nuu kennaniin kan guutamedha.
Fakkeenya Amantii Warra Kaanii Hordofuu Kan Dandeenyu Akkamitti?
10. Qayyabannaan dhuunfaa, fakkeenya dhiirotaafi dubartoota amanamoo Macaafa Qulqulluu keessatti ibsamanii hordofuuf kan si gargaaru akkamitti?
10 Nama tokko akka gaariitti utuu hin beekin fakkeenyasaa hordofuu hin dandeessu. Kitaaba kana yommuu dubbistu dhiirotaafi dubartoota amantii kitaaba kana keessatti ibsaman sirriitti akka hubattu si gargaaruuf qorannaa guddaan godhamuusaa hubachuu dandeessa. Atis fakkeenya kana hordofuudhaan qorannaa dabalataa gochuu dandeessa. Qayyabannaa dhuunfaa yommuu gootu barreeffamoota qorannaa gochuuf si gargaaranitti fayyadamuudhaan Macaafa Qulqulluu gad fageenyaan qoradhu. Wanta qayyabatturratti yommuu xiinxaltu bakka seenichi itti raawwatameefi kaʼumsasaa yaaduuf yaalii godhi. Iddoo sana argaa akka jirtu, wanta dubbatamu dhagaʼaa akka jirtuufi wanta urgaaʼu fuunfachaa akka jirtu godhii yaadi. Hunda caalaammoo, miira namoota sanaa hubachuuf yaali. Dhiirotaafi dubartoota amanamoo
kanatti maaltu akka dhagaʼame yommuu hubattu, caalaatti siif dhugoomu, caalaatti isaanii wajjin wal barta, isaan keessaa tokko tokkommoo michootakee akka taʼan sitti dhagaʼamuu dandaʼa.11, 12. (a) Abraamiifi Saaraayitti akka dhihaatte sitti dhagaʼamuu kan dandaʼu akkamitti? (b) Fakkeenya Haannaa, Eliyaasiifi Saamuʼelirraa fayyadamuu kan dandeessu akkamitti?
11 Namoota kana akka gaariitti yommuu beektu fakkeenyasaanii hordofuu barbaadda. Fakkeenyaaf, hojii haaraa tokko jalqabuuf yaadaa jirta haa jennu. Jaarmiyaan Yihowaa karaa taʼe tokkoon tajaajilakee akka balʼifattu si afeere. Tarii naannoo labsitoonni dabalataa hatattamaan barbaachisan akka deemtu ykn kallattii tajaajilaa kanaan dura hin beekne ykn si hin gammachiisne tokko akka jalqabdu gaafatamtee taʼuu dandaʼa. Hojii kanarratti yommuu yaadduufi kadhannaa yommuu dhiheessitu fakkeenya Abraamirratti xiinxaluunkee gaarii mitii? Abraamiifi Saaraayi jireenya qananii Ur keessatti jiraatan dhiisuuf fedhii kan argisiisan siʼa taʼu, kana gochuusaaniittis eebba argataniiru. Atis gama kanaan fakkeenyasaanii yoo hordofte, yeroo kamiyyuu caalaa isaanii wajjin akka wal barte sitti dhagaʼamuu dandaʼa.
12 Karaa gara biraammoo, namni sitti dhihaatu tokko si miidhuusaatiin kan kaʼe abdii akka kutatte yoo sitti dhagaʼameefi walgaʼiirraa hafuuf yoo qoramte maal goota? Fakkeenya Haannaarratti xiinxaluufi jalʼina Phiniinaan isheerratti raawwattu akkamitti akka moote yaaduunkee, murtoo gaarii akka gootu si gargaara; akkasumas akkuma michuushee taatetti akka sitti dhagaʼamu godha. Akka gatii hin qabne waan sitti dhagaʼameef abdii yoo kutattemmoo, haala gaddisiisaa Eliyaasirra gaʼeefi akkaataa Yihowaan itti isa jajjabeesse qayyabachuudhaan caalaatti Eliyaasitti akka dhihaatte akka sitti dhagaʼamu gochuu dandeessa. Dargaggoonni mana barumsaatti ijoollee amala gadhee qabanirraa dhiibbaan isaanirraa gaʼummoo, Saamuʼel dhiibbaa gadhee gochi ilmaan Elii godoo qulqullaaʼaa keessatti raawwatan isarraan geessise akkamitti akka moʼe qayyabachuudhaan caalaatti isatti dhihaachuu dandaʼu.
13. Fakkeenya amantii namoota Macaafa Qulqulluu keessatti ibsamanii hordofuunkee, amantiinkee laafaa taʼuusaa kan argisiisudhaa? Ibsi.
13 Fakkeenya amantii namoota Macaafa Qulqulluu keessatti ibsaman kanaa hordofuunkee, amantiinkee laafaa akka taʼe kan argisiisudhaa? Matumaa! Dubbiin Yihowaa fakkeenya namoota amantii taʼanii akka hordofnu kan nu jajjabeessu taʼuusaa yaadadhu. (1 Qor. 4:16; 11:1; 2 Tas. 3:7, 9) Kana malees, namoonni kitaaba kana keessatti waaʼeesaanii qayyabannu tokko tokkoyyuu, fakkeenya namoota amanamoo isaan dura jiraatanii hordofu turan. Fakkeenyaaf, Maariyaam yaada Boqonnaa 17ffaa kitaaba kanaarratti dubbatte kan fudhatte wanta Haannaan dubbatterraa akka taʼeefi fakkeenyashee kan hordoftu akka turte haalasaarraa hubachuun ni dandaʼama. Maariyaam kana gochuunshee amantiinshee laafaa akka ture kan argisiisudhaa? Matumaa! Kanaa mannaa, fakkeenyi Haannaa, Maariyaam amantii cimaa Yihowaa duratti maqaa gaarii qabaachuuf ishee gargaaru akka horattu ishee dandeessiseera.
14, 15. Kitaabni kun wantoota akkamii tokko tokko qaba? Akka gaariitti itti fayyadamuu kan dandeessu akkamitti?
14 Kitaabni kun amantiikee akka jabeeffattu si gargaaruuf kan qophaaʼedha. Boqonnaawwan kana booda jiran hundi, mataduree “Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa” jedhuufi bara 2008 hanga 2013tti Masaraa Eegumsaarratti baʼanirraa kan fudhatamanidha. * Haataʼu malee yaadawwan haaraan tokko tokkos itti dabalamaniiru. Gaaffiiwwan maree gochuufi barumsicha akkamitti hojiirra oolchuun akka dandaʼamu hubachuuf gargaaranis qabu. Kitaaba kana keessatti fakkiiwwan halluu babbareedaa qabaniifi waan hedduu ibsan kan dabalaman siʼa taʼu, warra duraan turanirrattis fooyyaʼiinsi godhameera. Kutaawwan gara biraan kan akka lakkoofsa baraafi kaartaa jiranis itti dabalamaniiru. Kitaabni Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa jedhamu kun dhuunfaatti, maatiidhaan, akkasumas gumiirratti qayyabachuuf kan qophaaʼedha. Kana malees, maatiiwwan hedduun sagaleesaanii ol fuudhanii seenaasaa waliin dubbisuudhaan qofallee itti gammaduu dandaʼu.
15 Kitaabni kun fakkeenya amantii tajaajiltoota Yihowaa warra durii hordofuuf akka si gargaaru ni abdanna. Kana malees, amantiikee guddifachuudhaan Abbaakee isa samii Yihowaatti dhihaachuuf akka si gargaaru ni hawwina.
^ key. 14 Matadureewwan kana keessaa Afaan Oromootiin kan qophaaʼan muraasasaanii qofadha.