KUTAA 3
Akkaataa Rakkina Furuun Itti Dandaʼamu
“Baayʼinni cubbuu akka deebiʼee hin argamne kan godhu jaalala waan taʼeef . . . jaalala hoʼaa waliif qabaadhaa!”—1 Phexros 4:8
Atiifi hiriyaan gaaʼelaakee waliin jiraachuu yeroo jalqabdan rakkinni garaagaraa uumamuu dandaʼa. Rakkoowwan kun kan uumaman karaa yaadaa, miiraafi akkaataa jireenyaarratti garaagarummaa waan qabdaniif taʼuu dandaʼa. Wantoonni iddoo gara biraatii dhufan ykn wantoonni utuu itti hin yaadin uumamanis kanaaf sababii taʼuu dandaʼu.
Dhugaa jirurraa baqachuuf kan qoramnu taʼus, Macaafni Qulqulluun rakkina uumameef furmaata kennuuf akka yaallu nu gorsa. (Maatewos 5:23, 24) Seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuudhaan rakkoowwan isin mudatan furuu ni dandeessu.
1 RAKKINA UUMAMERRATTI MARIʼADHAA
MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA? ‘Dubbachuun yeroo qaba.’ (Lallaba 3:7) Rakkina uumamerratti waliin mariʼachuuf yeroo ramadaa. Rakkoo uumame ilaalchisee miira sitti dhagaʼameefi wanta gochuu yaadde amanamummaadhaan hiriyaa gaaʼelaakeetti himi. Yeroo hundumaa hiriyaa gaaʼelaakee wajjin ‘dhugaa dubbadhu.’ (Efesoon 4:25) Yommuu baayʼee aartuttillee hiriyaa gaaʼelaakee wajjin akka wal hin lolle of eeggadhu. Deebii qabbanaaʼaa waliif deebisuun, mareen keessan gara lolaatti akka hin jijjiiramne godha.—Fakkeenya 15:4; 26:20.
Walii galuu yoo dadhabdanillee, hiriyaa gaaʼelaakeetti gaarummaa, jaalalaafi kabaja argisiisuu hin dagatin. (Qolosaayis 4:6) Rakkina uumameef hatattamaan furmaata kennuuf yaali; waliin mariʼachuu keessanis hin dhiisinaa.—Efesoon 4:26.
WANTA GOCHUU DANDEESSU:
-
Rakkina uumamerratti hiriyaa gaaʼelaakee wajjin mariʼachuuf yeroo mijataa taʼe ramadi
-
Yeroo hiriyaan gaaʼelaakee dubbattu addaan kutuu mannaa dabareekee eegii dubbadhu
2 SIRRIITTI DHAGGEEFFACHUUFI HUBACHUUF YAALI
MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA? “Hoʼisaa wal jaalladhaa; walii keessaniif ulfina kennuudhaaf wal dorgomaa!” (Roomaa 12:10) Akkaataan itti dhaggeeffattu murteessaadha. Ilaalcha hiriyaa gaaʼelaakee ‘gara laafinaafi gad of deebisuudhaan’ hubachuuf yaali. (1 Phexros 3:8; Yaaqoob 1:19) Sobdee wanta dhaggeeffachaa jirtu hin fakkeessin. Dandaʼamnaan wanta hojjechaa jirtu dhiisiitii hiriyaa gaaʼelaakee xiyyeeffanaadhaan dhaggeeffadhu ykn “Booda mariʼachuu ni dandeenyaa?” jedhii gaafadhuun. Hiriyaa gaaʼelaakee akka mormituutti utuu hin taʼin akka michuukeetti ilaalta taanaan, ‘daftee itti hin aartu.’—Lallaba 7:9.
WANTA GOCHUU DANDEESSU:
-
Wanti dhagaʼaa jirtu yoo sitti toluu baateyyuu yaada qulqulluudhaan dhaggeeffadhu
-
Jecharratti utuu hin taʼin ergaasaarratti xiyyeeffadhu. Sochii qaamaafi akkaataa hiriyaan gaaʼelaakee itti dubbattu xiyyeeffannaa keessa galchi
3 WANTA IRRATTI MARIʼATTAN HOJIIRRA OOLCHI
MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA? “Hojiin itti dadhaban hundinuu buʼaa qaba, haasaa duwwaan garuu deegatti nama geessa.” (Fakkeenya 14:23) Furmaata tokkorratti walii galuun qofti gaʼaa miti. Wanta murteessitan hojiirra oolchuun keessan barbaachisaadha. Akkas gochuun carraaqqii cimaa kan gaafatu taʼus buʼaa gaarii argamsiisa. (Fakkeenya 10:4) Waliin taatanii tokkummaadhaan yoo hojjettan, “gatii gaarii” argattu.—Lallaba 4:9.
WANTA GOCHUU DANDEESSU
-
Rakkina uumame furuuf lamaan keessaniyyuu wanta gochuu dandeessan murteessaa
-
Yeroodhaa gara yerootti jijjiirama gochaa jirtan qoraa