Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 3

Dhugumaan Misiraachoon Kun Waaqayyo Biraa Dhufee?

Dhugumaan Misiraachoon Kun Waaqayyo Biraa Dhufee?

1. Macaafa Qulqulluu kan barreessise eenyudha?

Misiraachoon namoonni lafarra barabaraaf jiraachuu akka dandaʼan ibsu Macaafa Qulqulluu keessatti argama. (Faarfannaa 37:29) Macaafni Qulqulluun kitaabota xixinnoo 66 qaba. Waaqayyo namoota 40 taʼanitti fayyadamee kitaabota kana barreessiseera. Kitaabonni jalqabaa shanan naannoo waggaa 3,500 dura Museedhaan barreeffaman. Kitaabni inni xumuraammoo waggaa 1,900 dura Yohannis ergamaadhaan barreeffame. Yaanni Macaafa Qulqulluurratti argamu kan eenyuuti? Waaqayyo hafuurasaatti fayyadamee, namoonni Macaafa Qulqulluu akka barreessan godheera. (2 Saamuʼel 23:2) Kanaaf, yaanni isaan barreessan kan Waaqayyoo malee yaada mataasaanii miti. Kanaaf Macaafa Qulqulluu kan barreessise Yihowaadha.​—2 Ximotewos 3:16; 2 Phexros 1:20, 21 dubbisi.

Viidiyoo, Macaafa Qulqulluu kan barreessise eenyudha? jedhu ilaali.

2. Macaafni Qulqulluun sirrii taʼuusaa akkamitti mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya?

Macaafni Qulqulluun wantoota gara fuulduraatti raawwataman balʼinaan, akkasumas sirriitti waan ibsuuf Waaqayyo biraa akka dhufe mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Namni kamiyyuu kana gochuu hin dandaʼu. (Iyaasuu 23:14) Abdii ilmaan namootaa gara fuulduraatti qaban guutummaatti beekuu kan dandaʼu Waaqa isa Hundumaa Dandaʼu qofadha.​—Isaayaas 42:9; 46:10 dubbisi.

Kitaabni Waaqayyo biraa dhufe adda akka taʼu eegna; dhugumayyuu addadha. Macaafni Qulqulluun afaan dhibbaan lakkaaʼamuufi koppii biliyoonaan lakkaaʼamuun raabsameera. Macaafni kun waggoota hedduu dura kan barreeffame taʼus saayinsii wajjin walsima. Akkasumas namoota 40n kan barreeffame taʼullee yaannisaa wal hin faallessu. * Kana malees, waaʼee amala Waaqayyoo jechuunis waaʼee jaalalasaa sirriitti nuu ibsa; akkasumas humna namoota jijjiiruufi jireenya fooyyee qabu akka jiraatan godhu qaba. Dhugaawwan kunis, namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman Macaafni Qulqulluun Dubbii Waaqayyoo taʼuusaa akka amanan godhaniiru.​—1 Tasaloniiqee 2:13 dubbisi.

Viidiyoo, Macaafni Qulqulluun sirrii taʼuusaa akkamitti mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya? jedhu ilaali.

3. Macaafni Qulqulluun waaʼee maalii dubbata?

Yaada ijoo Macaafni Qulqulluun irratti xiyyeeffatu keessaa tokko, misiraachoo kaayyoo Waaqayyo ilmaan namootaatiif qabu kan ibsudha. Caaffanni Qulqullaaʼoon, namoonni jalqabaa mirga lafa jannata taaterra jiraachuuf qaban kan dhaban akkamitti akka taʼeefi jannanni akkamitti deebitee akka hundooftu ibsu.​—Mulʼata 21:4, 5 dubbisi.

Kana malees, Dubbiin Waaqayyoo, seera, seerawwan buʼuuraafi gorsa qabateera. Akkasumas, Macaafni Qulqulluun fakkeenyota Waaqayyo namootaa wajjin walitti dhufeenya akkamii akka qabu ture argisiisan qabateera; fakkeenyota kanarraa Waaqayyo Waaqa akkamii akka taʼe hubachuu dandeenya. Kanaaf, Macaafni Qulqulluun Waaqayyoon beekuu akka dandeessu si gargaara. Michuusaa taʼuu kan dandeessu akkamitti akka taʼes ni ibsa.​—Faarfannaa 19:7, 11; Yaaqoob 2:23; 4:8 dubbisi.

4. Macaafa Qulqulluu hubachuu kan dandeessu akkamitti?

Birooshurri kun mala Yesus itti fayyadamee turee wajjin wal fakkaatutti waan fayyadamuuf Macaafa Qulqulluu akka hubattu si gargaara. Caqasa Macaafa Qulqulluu tokko erga caqasee booda, “macaafa haa hubataniif” isaaniif ibsa ture.​—Luqaas 24:27, 45 dubbisi.

Misiraachoo Waaqayyo biraa dhufe caalaa wanti nama gammachiisu hin jiru. Haataʼu malee, namoonni misiraachoo kanaaf dantaa hin qaban; kaanimmoo waaʼeen misiraachoo kanaa baayʼee isaan aarsa. Taʼus kun abdii si kutachiisuu hin qabu. Jireenya barabaraa argachuunkee Waaqayyoon beekuu keerratti kan hundaaʼedha.​—Yohannis 17:3 dubbisi.

 

^ key. 3 Birooshura Kitaaba Namoota Hundaaf Taʼu jedhamu ilaali. (Amaariffa)