Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
Kitaabni Hisqiʼel raajiiwwan deebiʼee hundeeffamuu waaqeffannaa qulqulluu irratti xiyyeeffatan hedduu qabateera. Raajiiwwan kun kan nu ilaallatan akkamitti?
Xalayaa Qaama Ol Aanaa Irraa Ergame
Kitaabni kun waaqeffannaa qulqulluu Yihowaadhaaf malu dhiheessuuf akka si gargaaru garaadhaa hawwina.
Ibsa Qabiyyeewwan Addaa
Saanduqawwanii fi duraa duubni yeroo odeeffannoo dabalataa hubannoo kee guddifachuuf si gargaaran qabataniiru.
BOQONNAA 1
“Waaqa Kee Yihowaa Waaqeffadhu”
Seexanni Eedan keessatti fincila sana kaasuudhaan ol aantummaa Yihowaa ykn mirga inni bulchuuf qabu irratti gaaffii kaasuu qofa utuu hin taʼin, waaqeffannaa qulqulluu irrattis haleellaa baneera.
BOQONNAA 2
‘Waaqayyo Kennaa Isaanii Fudhateera’
Fakkeenyi namoonni amantii qaban kaaʼan, waaqeffannaan fudhatama qabu ulaagaalee guguddaa afur guutuu akka qabu argisiisa.
KUTAA 1
“Samiiwwan ni Banaman”
BOQONNAA 3
“Mulʼata Waaqayyo Biraa Dhufe Nan Arge”
Mulʼanni Hisqiʼel jalqaba arge dinqisiifannaa guddaadhaan akka guutamu godheera. Mulʼanni kun yeroo ammaatti namoota amanamummaadhaan Waaqayyoon tajaajilaniif hiika guddaa qaba.
BOQONNAA 4
‘Umamawwan Jiraatoon Fuula Afur Afur Qaban’ Eenyu Faʼi?
Yihowaan wantoota ijaan mulʼatanii fi dhugaawwan silaa hubachuu hin dandeenye hubachuuf nu gargaaran Hisqiʼelitti argisiiseera.
BOQONNAA 5
“Wanta Hamaa fi Jibbisiisaa Isaan . . . Raawwachaa Jiran Ilaali”
Hisqiʼel doʼiiwwan nama naasisanii fi guutummaan sabichaa karaa hafuuraa akka mancaʼe ibsan argeera.
BOQONNAA 6
“Dhumni Si Irratti Dhufeera”
Raajiin Hisqiʼel hojiidhaan argisiise, Yihowaan Yerusaalem irratti dheekkamuu isaa kan ibsu dha.
BOQONNAA 7
Saboonni “Ani Yihowaa Taʼuu Koo Dhugumaan ni Hubatu”
Saboonni maqaa Yihowaa arrabsanii fi saba isaa ariʼachaa ykn mancaasaa turan, miidhaa gochi isaanii kun isaan irraan geessisu jalaa hin miliqan. Walitti dhufeenya Israaʼelonni saboota kanaa wajjin qaban irraa maal baranna?
BOQONNAA 8
“Ani Tiksee Tokko . . . Nan Kaasa”
Waaqayyo, Hisqiʼel Masiihicha isa gara fuulduraatti Mootii fi Tiksee saba Yihowaa taʼu, akkasumas waaqeffannaa qulqulluu deebisee hundeessu ilaalchisee raajii akka dubbatu isa kakaaseera.
BOQONNAA 9
“Anis Garaa Tokko Isaaniif Nan Kenna”
Raajiiwwan Yihudoota amanamoo boojiʼamanii Baabilon keessa turan ilaalchisee dubbataman nuuf hiika qabuu?
BOQONNAA 10
“Deebitanii Lubbuudhaan ni Jiraattu”
Hisqiʼel mulʼata waaʼee sulula lafeewwan goggoganiin guutamee fi lubbuudhaan jiraatanii ibsu argeera. Mulʼanni kun hiika maalii qaba?
BOQONNAA 11
“Waardiyyaa Godhee Si Muudeera”
Gaʼee fi itti gaafatamummaan waardiyyaa kanaa maali dha? Akeekkachiisa akkamii kenna?
BOQONNAA 13
‘Waaʼee Mana Qulqullummaa Ibsi’
Manni qulqullummaa Hisqiʼel mulʼataan arge hiikni isaa maali dha?
BOQONNAA 14
“Seerri Mana Qulqullummaa Kana Dha”
Yihudoonni bara Hisqiʼelitti turan mulʼata mana qulqullummaa inni arge irraa barumsa akkamii argatanii taʼuu dandaʼa? Mulʼanni kun yeroo harʼaatti nuuf hiika maalii qaba?
BOQONNAA 15
“Ani Sagaagalummaan Kee Akka Dhaabbatu Nan Godha”
Ibsa sagaagaltoota kitaaba Hisqiʼelii fi Mulʼataa keessatti caqasaman ilaalchisee kenname irraa barumsa akkamii argachuu dandeenya?
BOQONNAA 16
‘Adda Isaanii Irratti Mallattoo Godhi’
Akkaataan namoonni amanamoon bara Hisqiʼelitti turan badiisa irraa ooluuf mallattoon itti godhame, nuuf hiika guddaa qaba.
BOQONNAA 17
“Yaa Goog . . . Ani Si Irratti Kaʼeera”
Goog inni biyya Maagoog eenyu dha? Biyyi inni weeraru hoo maali dha?
BOQONNAA 18
“Aariin Koo Inni Guddaan ni Bobaʼa”
Haleellaan Goog aarii Yihowaa kakaasuudhaan, saba isaatiif eegumsa akka godhu taasisa.
BOQONNAA 19
‘Iddoo Lagichi Itti Yaaʼu Hundumaa Keessa Wanti Jiru Hundi Lubbuudhaan ni Jiraata’
Mulʼanni Hisqiʼel laga mana qulqullummaa keessaa yaaʼu ilaalchisee arge kanaan dura raawwatameera, ammas raawwatamaa jira, akkasumas gara fuulduraatti ni raawwatama kan jennu maaliifi?
BOQONNAA 20
‘Biyyattii Dhaala Godhaa Hihiraa’
Waaqayyo Hisqiʼelii fi namoonni isaa wajjin boojiʼaman Biyyattii Abdachiifamte gosoota Israaʼeliif akka hihiran mulʼataan qajeelfama isaaniif kenneera.
BOQONNAA 21
“Maqaan Magaalaa Sanaa Yihowaan Achi Jira kan Jedhu ni Taʼa”
Mulʼata Hisqiʼel waaʼee magaalattii fi maqaa ishii isa hiika guddaa qabuu ibsu irraa maal baranna?
BOQONNAA 22
“Waaqayyoon Waaqeffadhu!”
Kitaabni kun murtoo Yihowaa qofa waaqeffachuuf goone akka cimsannu nu gargaaruuf qophaaʼe.
Barumsawwan Sirreeffamni Irratti Godhame
Raajiiwwan kitaaba Hisqiʼel keessatti argaman tokko tokko irratti hubannaan qabnu kan jijjiirame maaliifi?
SAANDUQA 1A
Waaqeffannaa Jechuun Maal Jechuu Dha?
Waaqeffannaa jechuun maal jechuu dha? Kun kitaaba Hisqiʼel keessatti kan ibsame akkamitti? Waaqeffannaa qulqulluun maal dabalata?
SAANDUQA 1B
Qabiyyee Kitaaba Hisqiʼel
Kitaabicha duraa duuba yerootiin, akkasumas mata duree mata dureedhaan qoqqooduun ni dandaʼama.
SAANDUQA 2A
Raajiiwwan Hisqiʼel Hubachuu
Kitaabni kun mulʼata, fakkeenyaa fi hojiin argisiisa qabateera. Wantoota kana keessaa baayʼeen isaanii ergaawwan Waaqayyo biraa dhufanii fi gara fuulduraatti raawwatamani dha.
SAANDUQA 2B
Jireenya Hisqiʼelii fi Bara Inni Jiraate
Yeroo Hisqiʼel raajii dubbachaa turetti raajonni kaanis raajii dubbachaa turan. Barri jireenya isaa seenaa saba isaa keessatti yeroo taʼeewwan guguddaan itti raawwataman ture.
SAANDUQA 3A
Adeemsa Dheeraa Gara Baabilonitti Godhame
Warri boojiʼaman Yihudaa irraa gara Baabilon deemuuf daandii isa kam irra deemanii taʼuu dandaʼa?
SAANDUQA 4A
‘Uumamawwan Jiraatoo Nan Arge’
Uumamawwan jiraatoo arfan Hisqiʼel mulʼataan arge, siidaa guddaa Asoorii fi Baabilon durii keessatti argaman irraa wanti adda taasisu maali dha?
SAANDUQA 5A
“Yaa Ilma Namaa, Kana ni Argitaa?”
Hisqiʼel wantoota jibbisiisoo mana qulqulluummaa fi mooraa mana qulqullummaa keessatti raawwataman argeera.
SAANDUQA 6A
“Mataa Kee fi Areeda Kee Haaddadhu”
Hisqiʼel qajeelfama Waaqayyootiin wanta dhiheenyatti Yerusaalem keessatti raawwatamu ilaalchisee diraamaa tokko hojiidhaan argisiiseera.
SAANDUQA 7A
Saboota Yerusaalemiin Marsanii Jiran
Yihudaa fi biyyoonni naannoo ishiitti argaman bakka itti ol aantummaa argachuuf wal morkatan turan.
SAANDUQA 7B
Jechoota Ijoo Kitaaba Hisqiʼel Keessatti Argaman
Kitaaba raajii kana keessatti ibsawwan tokko tokko baayʼinaan ni argamu.
SAANDUQA 8A
Raajiiwwan Waaʼee Masiihichaa Dubbataman—Muka Gaattiraa Guddaa
Hibboon Hisqiʼel boqonnaa 17 irratti ibsame hiikni isaa maali dha?
SAANDUQA 8B
Raajiiwwan Waaʼee Masiihichaa Dubbataman Sadan
Raajiiwwan Hisqiʼel dubbate gara fuulduraatti geggeessaa saba Waaqayyoo kan taʼu dhaaltuu Daawit Mootichaa taʼee bulchuuf mirga seeraa akka qabu argisiisa.
SAANDUQA 9A
Yihowaan Abdii Kenne ni Raawwata—Bara Duriitti
Waaqayyo Hisqiʼel abdiiwwan waaʼee boojuu jalaa baʼuu fi waaʼee haaromsaa ibsan shan akka dubbatu isa kakaaseera.
SAANDUQA 9B
Bara 1919tti kan Jennu Maaliifi?
Sabni Waaqayyoo garbummaa Baabilon Guddittii jalaa bilisa kan baʼan bara 1919tti kan jennu maaliifi?
SAANDUQA 9C
Yihowaan Abdii Kenne ni Raawwata—Yeroo Ammaatti
Abdiiwwan Waaqayyo kenne tokko tokko raawwii lama kan qabaatan akkamitti?
SAANDUQA 9D
Raajiiwwan Waaʼee Boojiʼamuu fi Haareffamuu Dubbataman
Raajiin Yihudoota Baabilon durii keessatti boojiʼamanii fi iddootti deebiʼuu isaanii ilaalchisee dubbatame gumiin Kiristiyaanaa yommuu Baabilon Guddittiidhaan boojiʼamee yeroo booda iddootti deebiʼetti raawwii isaa isa guddaa argateera.
SAANDUQA 9E
‘Yeroo Wanti Hundi Itti Haareffamu’
Pheexiros ergamaan waaʼee yeroo Kiristoos Mootii taʼee teessoo irra taaʼe irraa jalqabee hanga dhuma Barkumeetti itti fufuu geggeessaa hafuuraatiin raajii dubbateera.
SAANDUQA 10A
Waaqeffannaa Qulqulluun Suutuma Suuta Iddootti Deebiʼe
Hojii lallabaa bara keenyatti raawwatamuuf karaa kan saaqe maali dha?
SAANDUQA 10B
‘Lafeewwan Goggoganii’ fi ‘Dhugaa Baatonni Lamaan’ Walitti Dhufeenya Akkamii Qabu?
Raajiiwwan lamaan kun bara keenyatti kan raawwataman akkamitti?
SAANDUQA 10C
Yihowaan Deebinee Miila Keenyaan Akka Dhaabbannu Nu Gargaara
Yeroo tokko tokko abdii kutachuu fi baayʼee dadhabuu dandeenya, taʼus mulʼata waaʼee lafeewwan goggoganii fi gara jireenyatti deebiʼanii ibsu irraa jajjabina argachuu dandeenya.
SAANDUQA 11A
Waardiyyoota Fakkeenya Taʼan Tokko Tokko
Mormiin isaan irra gaʼeera, amanamoo taʼanii jiraataniiru, akkasumas ergaa akeekkachiisaa fi misiraachoo labsaniiru.
SAANDUQA 12A
Uleewwan Lamaan Walitti Qabsiisuu
Uleewwan kun bara duriittii fi bara keenyatti eenyuun argisiisu?
SAANDUQA 13A
Mana Qulqullummaa Adda Addaa, Barumsa Adda Addaa
Manni qulqullummaa Hisqiʼel arge mana qulqullummaa Phaawulos ergamaan arge irraa garaa garummaa akkamii qaba?
SAANDUQA 14A
Barumsa Mana Qulqullummaa Hisqiʼel Mulʼataan Arge Irraa Argamu
Mana qulqullummaa Hisqiʼel mulʼataan arge irraa waaqeffannaa kee keessatti barumsa isa kam hojii irra oolchuu dandeessa?
SAANDUQA 15A
Obboleettota Sagaagaltoota Taʼan
Ibsi Yihowaan Oholaa fi Oholibaa ilaalchisee kenne, namoota maqaa isaa isa qulqulluu xureessanii fi ulaagaalee inni waaqeffannaa qulqulluudhaaf baase cabsan ilaalchisee maaltu akka isatti dhagaʼamu argisiisa
SAANDUQA 16A
Yerusaalem Saba Kiristiyaanaatiif Gaaddidduu Dhaa?
Hubannaa keenya irratti sirreeffama gochuun kan nu barbaachise maaliifi?
SAANDUQA 16B
Gadduu fi Aaduu, Mallattoo Gochuu, Ajjeesuu—Yoomii fi Akkamitti?
Mulʼanni Hisqiʼel boqonnaa 9 irratti galmeeffame, dhuma sirna kanaa amanannaadhaan eeggachuuf nu gargaara.
SAANDUQA 18A
Akeekkachiisa Yihowaan Waraana Guddaa Gara Fuulduraatti Dhufu Ilaalchisee Kenne
Kitaabni Qulqulluun warri Waaqayyoon morman hundi waraana guddaadhaan akka balleeffaman raajii dubbata.
SAANDUQA 19A
Lageen Eebba Yihowaa Argamsiisan
Barreessitoonni Kitaaba Qulqulluu hedduun eebba Yihowaa biraa dhufu argisiisuuf fakkeenya wal fakkaatutti fayyadamaniiru.
SAANDUQA 19B
Burqaa Xinnoon Tokko Laga Guddaa Taʼe!
Burqaan iddoo qulqulluu Waaqayyoo keessaa yaaʼu maal argisiisa?
SAANDUQA 20A
Biyyattii Hihiruu
Mulʼanni Hisqiʼel naannoo hihiramu ilaalchisee arge Yihudoota boojuu Baabilon jala jiranis taʼe saba Waaqayyoo yeroo harʼaatti argaman jajjabeesseera.
SAANDUQA 21A
“Buusiin Isin Adda Baastan”
Naannoowwan shanan Yihowaan adda baase kam faʼi? Naannoowwan kun tajaajila maaliitiif oolu?