Nagaan Fedha
Buufadhu:
1. Ganamaan hojii dhaquuf yoon ba’u addunyaan nagaa ’n qabu.
Namni hunduu ba’aa jireenyaa baattatu hin dhabu.
Obsaaf tasgabbii akka naaf kennu Yihowaan kadhe,
Akka naaf kennu sammuu koof nagaa isatti amanadhe.
(BUUSAA)
Nagaan addunyaa boora’ee jira, hunduu dubbii barbaada.
An garuu nagaan fedha, addunyaa haaraas hawwiidhaan an nan eeggadha!
2. Hojiin hojjedha, garuu maal godha sodaan keessa koo jira.
Lolli jira, falmiin jira, an garuu cal jedheera.
Namni kan aaru waa malee mitii yaaddoo keessa jira
Nan hubadhaafi, gaarummaakootiinis isa nan jajjabeessa.
(BUUSAA)
Nagaan addunyaa boora’ee jira, hunduu dubbii barbaada.
An garuu nagaan fedha, addunyaa haaraas hawwiidhaan an nan eeggadha!
(CEESISA)
Salphaa miti wanti kun
Addunyaarraa adda ta’uun.
Sirna manca’aaf badaa kana,
Waaqni nagaa ni sirreessa.
3. Torbeen ni dhume, Sanbanni dhufe kunoo lallabuuf baane,
Garuu ergaa keenya kan hin fudhannee fi kan nu morman jiru.
Nagaa barbaanna dhiisnees ni deemna, dubbiirraa ni fagaanna
Qoraan dabaluu nut’ hin barbaannu, ibiddicha dhaamsina.