FAARFANNAA 17
“Nan Fedha”
-
1. Gaarummaa, obsa, jaalalas
Ni qaba ture Kiristoos.
Fedha keenya guute
Dubbii fi gochaan;
Jaalalaa fi yeroo laate.
Dhibee hundarraa fayyise,
Hin daganne kan rakkate.
Gaʼumsa akka qabu mulʼate.
“Nan fedha” jedhe jaallatee.
-
2. Nuyis akkumasaa taana
Guyyaa guyyaan duukaa buuna.
Namoota hundumaaf
Jaalala qabna;
Ajajamuu ʼsaan barsiisna.
Kan rakkateef ni kennina;
Dubbii fi gochaan jaallanna.
Dubartootaaf ijoollee rakkatoof,
Dafaatii jedhaa, “Nan fedha.”
(Dabalataan, Yoh. 18:37; Efe. 3:19; Filp. 2:7 ilaali.)