FAARFANNAA 34
Amanamummaadhaan Deddeebiʼuu
-
1. Yaa Yihowaa, maaloo naa faradi;
Qulqullummaa kiyyaaf amantii koo yaadi.
Eenyummaa koo, keessa koo ilaali;
Akkan eebbifamuuf, garaa koo calali.
(BUUSAA)
An gama koon, murtoo cimaa godhe;
amanamummaadhaan jiraachuuf kakadhe.
-
2. An hin taaʼu hamoof sobduu wajjin.
Michuu hin godhadhu warra dhugaa jibban.
Adaraa kee lubbuu kooʼn balleessin,
Mattaʼaa fi lola kan jaallatan wajjin.
(BUUSAA)
An gama koon, murtoo cimaa godhe;
amanamummaadhaan jiraachuuf kakadhe.
-
3. An mana kee baayʼee jaalladheera.
Waaqeffannaa kee yoomiyyuu nan deggera.
Naannaʼuudhaan iddoo aarsaa keetti,
Galatan siif qabu nan hima hundatti.
(BUUSAA)
An gama koon, murtoo cimaa godhe;
amanamummaadhaan jiraachuuf kakadhe.
(Dabalataan, Far. 25:2 ilaali.)