FAARFANNAA 90
Wal Jajjabeessaa
-
1. Amanamoota akka taanu
Yeroo wal jajjabeessinu,
Ni jabaata jaalalli keenya;
Nagaaf tokkummaa qabaanna.
Jaalalli nu gidduuttʼ argamu,
Hamma dhumaatti nu cimsa.
Gumiin keenya dawoo nuu taʼa;
Tasgabbii nuu argamsiisa.
-
2. Wantʼ yeroosaatti dubbatamu
Namaaf jajjabeessa garaa.
Dubbii akkanaa ni dhageenya
Michoota amanamoorraa.
Kan abdii akka keenyaa qaban
Wajjin taʼuun nutti tola.
Wal jajjabeessuun nurra jira;
Baʼaa baachuu wal gargaarra.
-
3. Guyyaan Yihowaa dhihaachuusaa
Ija ʼmantiitiin agarre;
Wal gaʼuu keenya ittʼ haa fufnu,
Karaarraa akka hin gorre.
Tokkummaadhaan sabasaa faana,
Bara baraaf ni hojjenna.
Kanaaf wal haa jajjabeessinu,
Amanamoo akka taanu.
(Dabalataan, Luq. 22:32; HoE. 14:21, 22; Gal. 6:2; 1 Tas. 5:14 ilaali.)