Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Faarfannaa 144

Lubbuu Isaanii ni Oolchina

Lubbuu Isaanii ni Oolchina

(Hisqiʼel 3:17-19)

  1. Guyyaan dheekkamsaa

    Akka dhufu dhiheenyatti,

    Ni lallabna yeroo

    Heyyamame kanatti.

    (WALLEE)

    Lubbuu namaa ni oolchina;

    Nutis ittiin fayyina.

    Ajajamnaan ni jiraatu

    Kanaaf hundumaat’ haa himnu;

    Haa himnu.

  2. Ergaa himnu qabna,

    Namoota hundaan geenya.

    Dhufanii Waaqaa wajjin

    Haa araaramani.

    (Wallee)

    Lubbuu namaa ni oolchina;

    Nutis ittiin fayyina.

    Ajajamnaan ni jiraatu

    Kanaaf hundumaat’ haa himnu;

    Haa himnu.

    (CEESISA)

    Daddafnee haa lallabnu,

    Baratanii haa fayyani.

    Itt’ himna, ni barsiisna;

    Bishaan jireenyaa obaasna.

    (Wallee)

    Lubbuu namaa ni oolchina;

    Nutis ittiin fayyina.

    Ajajamnaan ni jiraatu

    Kanaaf hundumaat’ haa himnu;

    Haa himnu.