Jijjiirama Qilleensaa fi Jireenya Egeree Keenya—Kitaabni Qulqulluun Kana Ilaalchisee Maal Jedha
“Jijjiiramni qilleensaa balaa guddaa geessisaa jira. Lafti jireenyaaf kan hin mijanne taateetti.”—The Guardian.
Ilmaan namootaa wantuma ofii isaaniitiin raawwataniin miidhaan isaan irra gaʼaa jira. Saayintistoonni hedduun hoʼa qilleensa addunyaa akka dabaluu kan godhu wantoota ilmaan namootaa raawwatan akka taʼe irratti walii galu. Hoʼi garmalee dabaluun isaa immoo qilleensi akka jijjiiramu gochuudhaan balaawwan geessiseera . Kunis wantoota armaan gadii kan dabalatu dha:
Taʼeewwan baayʼee ciccimoo taʼanii fi irra deddeebiʼanii gaʼan, kanneen akka dambalii hoʼaa, ongee fi obomboleettii akka uumaman godheera, kun immoo lolaan akka uumamuu fi ibiddi bosonaa akka kaʼu taasiseera.
Cabbii Arkitiik jiru dabalatee cabbiin bakka biraa jiru akka baqu taasiseera.
Galaanni guutee akka ol kaʼuu taasiseera.
Jijjiiramni qilleensaa guutummaa biyya lafaa irratti dhiibbaa geessisaa jira. Haala biyyoota 193 keessa jiru erga ibsee booda, barruun New York Times, “Pilaaneetiin keenya gargaarsa gaafachaa jirti” jechuudhaan gabaaseera. Duʼaa fi dararama jijjiiramni qilleensaa geessiseen kan kaʼe, Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa “fayyaa ilmaan namootaa wanta balaadhaaf saaxilu isa guddaa” jedhee isa waameera.
Haa taʼu malee, sababii itti yeroo gara fuulduraa abdiidhaan itti eeggannu qabna. Kitaabni Qulqulluun taʼeewwan yeroo harʼaatti raawwatamaa jiran, Waaqayyo tarkaanfii akka fudhatu kan eegnu maaliif akka taʼee fi egeree amansiisaa akka qabaannuuf maal akka godhu raajii dubbateera.
Jijjiiramni qilleensaa raawwii raajii Kitaaba Qulqulluutii?
Eeyyee. Miidhaan jijjiirama qilleensaa inni hoʼi qilleensa addunyaa dabaluu isaan kan kaʼe dhufe raajii Kitaabni Qulqulluu bara keenya ilaalchisee dubbatee wajjin kan wal simu dha.
Raajii: Waaqayyo ‘warra lafa balleessan ni balleessa.’—Mulʼata 11:18, miiljalee.
Kitaabni qulqulluun yeroon gochawwan ilmaan namootaa lafa irratti mancaʼiinsa guddaa geessisu akka dhufu raajii dubbateera. Hoʼa qilleensa addunyaatiin kan kaʼe ilmaan namootaa karaa kanaan dura matumaa taʼee hin beekneen pilaaneetii keenya mancaasa jiru.
Raajiin kun sababii itti ilmaan namootaa lafa ni oolchu jennee itti hin eegne tokko kan ibsu dha. Waaqayyo yeroo namoonni ‘lafa balleessaa jiranitti’ gidduu seenee tarkaanfii akka fudhatu qalbeeffadhu. Namoonni ilaalcha gaarii qaban jijjiirama qilleensaa ilaalchisee hangam illee qabsoo godhanis, ilmaan namootaa lafa akka hin balleessine gochuu hin dandaʼan.
Raajii: “Wantoonni nama sodaachisan ni mulʼatu.”—Luqaas 21:11.
Kitaabni Qulqulluun bara keenyatti “wantoonni nama sodaachisan” ykn taʼeewwan nama rifachiisan akka raawwataman raajii dubbateera. Jijjiiramni qilleensaa addunyaa maratti haalawwan qilleensaa baayʼee nama sodaachisan akka gaʼan taasisaa jira. Yeroo harʼaatti namoonni tokko tokko haalli qilleensaa garmalee mancaʼuu isaatiin kan kaʼe haalli namoonni lafa irra jiraachuu itti hin dandeenye ni dhufa jedhanii yeroo hundumaa garmalee yaaddaʼu.
Raajii: “Guyyoota dhumaatti yeroon addaa baayʼee rakkisaa taʼe akka dhufu beeki. Sababiin isaas, namoonni kan of jaallatan, maallaqa kan jaallatan, . . . amanamoo kan hin taane, . . . walii galuuf fedhii kan hin qabne, . . . gantoota, mata jabeeyyii [taʼu].” 2 Ximotewos 3:1-4.
Kitaabni Qulqulluun amaloota fi gochawwan mancaʼiinsa qilleensaa geessisan akka jiraatan raajii dubbateera. Mootummoonnii fi dhaabbileen daldalaa wanti caalaatti isaan yaaddessu egeree dhaloota dhufuu utuu hin taʼin maallaqa argatani dha. Waliin hojjechuuf yaalii kan godhan taʼu illee, tarkaanfiiwwan hoʼa addunyaa hirʼisuuf fudhatamuu qabu irratti walii hin galan.
Raajiin kun walumaa galatti ilmaan namootaa gocha isaanii akka jijjiiranii fi lafaaf eegumsa akka godhan eeguu akka hin qabne ibsa. Kanaa mannaa, Kitaabni Qulqulluun amala ofittummaa namoonni argisiisan “isa gadhee irraa gara isa caalaatti gadhee taʼetti [akka] deemu” addeessa.—2 Ximotewos 3:13.
Waaqayyo tarkaanfii akka fudhatu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi?
Kitaabni Qulqulluun Waaqni keenya Yihowaan a inni Uumaa keenya taʼe, pilaaneetii keenyaa fi namoota ishii irra jiraataniif baayʼee akka yaadu ibsa. Mee caqasawwan Kitaaba Qulqulluu Waaqayyo tarkaanfii akka fudhatu ibsan sadii ilaali.
1. Waaqayyo “bakka jireenyaa akka taatuuf malee akkanumaan [lafa] hin uumne.”—Isaayyaas 45:18.
Waaqayyo kaayyoo lafaaf qabu ni raawwata. (Isaayyaas 55:11) Akka ishiin balleeffamtu ykn bakka namni irra hin jiraanne akka taatu matumaa hin heyyamu.
2. “Garraamonni garuu lafa ni dhaalu, nagaa hedduu argataniis baayʼee ni gammadu. Qajeelonni lafa ni dhaalu, bara baraafis ishii irra ni jiraatu.”—Faarfannaa 37:11, 29.
Waaqayyo ilmaan namootaa haala nagaa qabeessa taʼe keessa bara baraaf lafa irra akka jiraatan waadaa galeera.
3. “Hamoonni . . . lafa irraa ni buqqifamu.”—Fakkeenya 2:22.
Waaqayyo namoota lafa balleessan dabalatee namoota hammina raawwachuu isaanii itti fufan balleessuuf waadaa galeera.
Waaqayyo jireenya egeree keenya ilaalchisee maal godha?
Waaqayyo waadaa lafa ilaalchisee gale kan raawwatu akkamitti? Bulchiinsa guutummaa addunyaa bulchuu fi Mootummaa Waaqayyoo jedhamee beekamutti fayyadamee ti. (Maatewos 6:10) Mootummaan kun samii irra taaʼee bulcha. Dhimmoota lafaa fi naannoo ishii wajjin wal qabatu irratti bulchiinsa ilmaan namootaa wajjin walii galtee gochuun isa hin barbaachisu. Kanaa mannaa, bulchiinsi ilmaan namootaa Mootummaa Waaqayyootiin bakka buufama.—Daaniʼel 2:44.
Mootummaan Waaqayyoo guutummaa ilmaan namootaa fi wantoota naannoo lafaa jiraniif wanta gaarii hedduu godha. (Faarfannaa 96:10-13) Waaqni keenya Yihowaan Mootummaa isaatti fayyadamee maal akka godhu ilaali.
Wantoota naannoo lafaa jiran iddoo isaaniitti deebisa
Wanta Kitaabni Qulqulluun Jedhu: “Lafti onaanii fi lafti waxalamaan ni gammadu, gammoojjiin ni gammada, akkuma saafronittis ni daraara.”—Isaayyaas 35:1.
Kun jijjiirama jireenya egeree keenya irratti fidu: Yihowaan bakkawwan ilmaan namootaa garmalee mancaasan dabalatee pilaaneetii keenya ni sirreessa.
Qilleensa miidhaa geessisu ni toʼata
Wanta Kitaabni Qulqulluun Jedhu: “[Yihowaan] bubbee sana cal jechisiisa; dambaliiwwan galaanichaas ni callisu.”—Faarfannaa 107:29.
Kun jijjiirama jireenya egeree keenya irratti fidu: Yihowaan humna haala qilleensaa toʼachuuf isa dandeessisu qaba. Sana booda namoonni qilleensa hamaatiin hin dararaman.
Ilmaan namootaa lafaaf kunuunsa gaarii akka taasisan isaan barsiisa
Wanta Kitaabni Qulqulluun Jedhu: “Ani hubannaa siifan kenna, karaa irra deemuu qabdu ilaalchisees qajeelfama siifan kenna.”—Faarfannaa 32:8.
Kun jijjiirama jireenya egeree keenya irratti fidu: Yihowaan ilmaan namootaa lafa akka kunuunsaniif itti gaafatamummaa isaaniif kenneera. (Uumama 1:28; 2:15) Wantoota inni uumeef akkamitti kunuunsa gaarii gochuu akka dandeenyuu fi karaa naannoo lafaa irra miidhaa hin geessisneen akkamitti jiraachuu akka dandeenyu nu barsiisa.
a Yihowaan maqaa dhuunfaa Waaqayyoo ti. (Faarfannaa 83:18) Mata duree “Yihowaan Eenyu Dha?” jedhu ilaali.