Sababii Amantii Isaaniitiin Hidhamaniiru—Kiraayimiyaa
Mormii cimaan abbootiin taayitaa Raashiyaa Dhugaa Baatota Yihowaa irra geessisan yeroo ammaatti gara Kiraayimiyaattis ceʼeera. Abbootiin taayitaa Raashiyaa amantii seera qabeessa taʼe dhorkuu qofa utuu hin taʼin, kaayyoon isaanii waaqeffannaa isaanii isa naga qabeessa balleessuu akka taʼe ifatti mulʼachaa jira. Ebla 2017 irraa eegalee dhorkaan abbootiin taayitaa Raashiyaa godhan manneen Dhugaa Baatonni guutummaa Raashiyaa keessa jiranii akka sakattaʼaman, Dhugaa Baatonni hedduun akka qabamanii fi akka hidhaman taasiseera. Yeroo ammaatti iyyuu tooftaan wal fakkaatu akkasii Dhugaa Baatota Kiraayimiyaa jiran irratti geggeeffamaa jira.
Kiraayimiyaa keessatti sakattaʼiinsi jalqabaa guddaan kan geggeeffame Sadaasa 15, 2018tti magaalaa Zyaankooyi jedhamtu keessatti ture; yeroo kanatti poolisoonnii fi humnoonni addaa 200 taʼan manneen dhuunfaa Dhugaa Baatota Yihowaa saddeet sakattaʼaniiru. Obboloonni manni isaanii yeroo sakattaʼamu garee xixinnoodhaan waliin taʼanii Kitaaba Qulqulluu dubbisaa fi mariʼachaa turan. Yoo xinnaate poolisoonni hidhatanii fi maaskii kaaʼatan 35 humnaan mana Sargee Filaatoov isa gareen Dhugaa Baatota jaʼa keessa ture seenanii turan. Dhugaa Baatonni tarkaanfii cimaa isaan fudhataniin baayʼee sodaatanii turan. Poolisoonni kunneen maanguddoo waggaa 78 girgiddaatti rukutan, humnaan isa jilbeenfachiisanii harka isaa funcaadhaan hidhan, akkasumas garmalee isa reebanii waan turaniif saffisaan gara mana yaalaatti geeffame. Maanguddoonni kan biroon lamaan immoo sodaadhaan kan kaʼe dhiibbaan dhiigaa isaanii garmalee waan ol kaʼeef saffisaan mana yaalaatti geeffamaniiru. Kan nama gaddisiisu, dubartiin manni ishii sakattaʼame takkas naasuudhaan ulfi irraa baʼeera.
Sakattaʼiinsa sana booda, Filaatoov Seera Yakkaa Raashiyaa Keeyyata 282.2(1) wajjin haala wal qabateen sochii jaarmiyaa finxaalessaa taʼe geggeessiteetta jedhamee yakka akka raawwate itti murteeffameera. Bitootessa 5, 2020, mana murtii godinaa Kiraayimiyaa Filaatoov irratti hidhaa waggaa jaʼaa murteesseera. Murtiin yommuu isarratti dabarfamu yeruma sana gara mana hidhaatti geeffameera.
Waggoota sakattaʼiinsa bara 2018tti Zyaankooyi keessatti geggeeffame booda jiranitti poolisoonni humna addaa manneen Dhugaa Baatota Yihowaa sochii finxaalessummaatiin shakkamanii humnaan seenuu isaanii itti fufaniiru. Sakattaʼiinsi inni dhumaa kan geggeeffame Caamsaa 22, 2023tti ture. Ganama saʼaatii 12:30tti poolisoonni 10 ol taʼan [isaan keessaa shan meeshaa waraanaa kan hidhatanidha] mana magaalaa Feʼoodoosaa keessatti argamu tokko seenan. Obboloonni lafarra akka ciisan erga ajajanii booda saʼaatii sadii ol manicha sakattaʼan. Obboleessi tokko qabamee qorannoodhaaf gara Sevaastoopoolitti geeffameera.
Sakattaʼiinsa manaa, himata yakkaa fi murtii itti aansuudhaan darbeen kan kaʼe yeroo ammaatti Dhugaa Baatonni Yihowaa 12 hidhaan hamma waggaa jahaa fi walakkaa itti murtaaʼee mana hidhaa jiru. Hundi isaanii sochii dhaabbata finxaalessaa babalʼistaniittu jedhamanii himataman.
Chaartii Yeroo
Onkoloolessa 18, 2024
Yeroo ammaatti Kiraayimiyaa keessatti Dhugaa Baatonni Yihowaa 12 hidhamanii jiru.
Caamsaa 22, 2023
Poolisoonni seera kabachiisan mana Dhugaa Baatuu Yihowaa Feʼoodoosaa keessatti argamu tokko sakattaʼan. Meeshaaleen eleektirooniksii isaanii kan jalaa fudhatame yeroo taʼu, obboleessi tokkommoo hidhameera.
Hagayya 5, 2021
Manneen Dhugaa Baatota Yihowaa saddeet ni sakattaʼame. Aleeksaandar Duboveenkoo fi Aleeksaandar Liitiviinuuk ni qabaman.
Onkoloolessa 1, 2020
Manneen magaalaa Sevaastopool keessa jiran sagal sakattaʼamaniiru. Dhugaa Baatonni afur qabamanii bakka murtiitti utuu hin dhihaatin dura itti turfamanitti geeffamaniiru. Yeroo boodas gadhiifamanii mana isaaniitii akka hin baane dhorkaan isaan irratti godhameera.
Waxabajjii 4, 2019
Poolisoonni humna addaa manneen magaalaa Sevaastopoolitti argamu kudhan sakattaʼan. Obbo Istaasheviskaayi yeroo booda sochii finxaalessitootaa qindeessiteetta jedhamee himatame.
Bitootessa 20, 2019
Poolisoonni humna addaa manneen Alupkaa fi Yaaltaa keessa jiran saddeet sakattaʼaniiru. Garaasimoov qorannaan kan isa irratti geggeeffame yeroo taʼu boodas sochii mankaraarsitummaa qindeesseera jedhamee isatti murteeffameera.
Sadaasa 15, 2018
Mana Filaatoov dabalatee manneen saddeet poolisootaa fi humnoota addaa poolisoota Zyaankooyi 200 ol taʼaniin sakattaʼameera.