CAAMSAA 21, 2021
ISRAAʼEL
Walitti Buʼiinsa Israaʼelii fi Filisxeem
Iddoo
Israaʼelii fi Filisxeem
Balaa
Walitti buʼiinsa cimaa Israaʼelii fi Filisxeem gidduutti Caamsaa 10, 2021 kaasee uumameen namoonni hedduun duʼaniiru
Magaalota Israaʼel bakka Yihudoonnii fi Araboonni jiraatan keessatti manneenii fi iddoowwan daldalaa baayʼeen miidhamaniiru
Miidhaa obbolootaa fi obboleettota irra gaʼe
Babalʼistoota Israaʼelii fi Filisxeem keessa jiraatan 2,000 ol keessaa kan miidhame hin jiru
Tajaajiltoota yeroo guutuu addaa dirree irratti tajaajilan 15 dabalatee babalʼistoonni 73 mana isaanii dhiisanii baqachuuf dirqamaniiru. Obboloonni Beetel keessa tajaajilan 13 yeroodhaaf manneen boombii irraa eegumsa argatan keessa jiraachuun isaan barbaachiseera
Miidhaa qabeenya irra gaʼe
Manneen 6rra miidhaa salphaan gaʼeera
Hojii gargaarsaa
Koreen Gargaarsaa Yeroo Balaa hojii gargaarsaa qindeessaa jira, gargaarsa qabatamaa gochuufis ilaaltota ol aanoo aanaa fi jaarsolii gumii naannichaa wajjin hojjechaa jira
Ilaaltonni ol aanoon aanaas babalʼistootaaf karaa hafuuraa gargaarsa gochuuf jaarsolii wajjin hojjechaa jiru
Hojiin gargaarsaa hundi qajeelfamoota KOOVIID-19 irraa of eeggachuuf baʼan hojii irra oolchuudhaan raawwatamaa jiru
Yeroo ammaatti walgaʼiiwwan hundi viidiyoo konfiransiidhaan waan geggeeffamaniif walgaʼiiwwan gumii utuu addaan hin citin itti fufaniiru. Caamsaa 15, obboloonnii fi obboleettonni JW Stream–Studio fayyadamuudhaan walgaʼii aanaa isaanii kallattiidhaan hordofuu dandaʼaniiru. Sagantaan waaree boodaa sababa alaarmii abbootiin taayitaa dhageessisaniin yeroo sadi addaan citeera. Alaarmiiwwan kun obboloonni bakka boombii irraa eegumsa itti argatan dabalatee iddoo mijataa yeroodhaaf eegumsa itti argatan deemuuf yeroo akka argatan isaan gargaareera. Walitti buʼiinsi kun jiraatus walumaa galatti babalʼistoonni 804 taʼan Afaan Ibrootaatiin walgaʼii aanaa kana hordofuu dandaʼaniiru. Kana malees, babalʼistoonni 297 Afaan Taagaloogiin walgaʼii kana hordofaniiru. Caamsaa 22, gumiiwwan Israaʼelii fi Filisxeem keessatti Afaan Arabaatiin geggeeffaman shan walgaʼii aanaa isaanii geggeeffachuuf sagantaan baʼeera.
Obboloonnii fi obboleettonni keenya haala rakkisaa kana dandamachaa jiran Yihowaatti amanamuu fi iddoo kooluu itti galan isa godhachuu isaanii itti fufaniiru.—Faarfannaa 91:1, 2, 5.