Dhimma ijoo ta'etti seeni

Waajjirri damee Kaameruun inni haaraan gamoo waajjiraa tokkoo fi gamoo bakka jireenyaa afur qaba

GURAANDHALA 13, 2020
KAAMERUUN

Waajjirri Damee Kaameruun Bakka Biraatti Jijjiirame

Waajjirri Damee Kaameruun Bakka Biraatti Jijjiirame

Amajjii 20, 2020⁠tti miseensonni maatii Beeteel Kaameruunitti argaman waajjira damee isaanii isa haaraa magaalaa Loogbeessuu ishii kaaba baha magaalaa Daawulaatti argamtutti jijjiirrataniiru. Yeroo ammaatti gamoo haaraa kana keessatti obboloonnii fi obboleettonni 59 taʼan guyyaa guutuu kan hojjetan siʼa taʼu, 71 kan taʼan immoo mana isaaniitii deddeebiʼanii hojjetu.

Obbolootaa fi obboleettota waajjira damee isa haaraatti miʼa galchaa jiran

Waajjirri damee Kaameruun inni duraa Boonaaberii ishii dhiha magaalaa Daawulaatti argamtu keessa ture. Waajjirri damee kun gamoowwan garaa garaa obboloonni keenya dhorkaan biyyattii keessatti jaarmiyaa keenya irratti godhamee fi waggaa 23f ture erga kaʼee booda bara 1993⁠tti haaressan kan of keessatti qabate ture. Bara 1993 irraa eegalee lakkoofsi babalʼistootaa Kaameruun keessa jiraatanii 19,268 irraa gara 52,000 olitti kan guddate siʼa taʼu, lakkoofsi afaanota barreeffamoonni keenya itti hiikamanii gara 29⁠tti guddateera. Sochiin biyyattii keessatti godhamu kun waan dabaleef, obboloonni keenya waajjirri haaraan balʼaa taʼe isaan barbaachiseera. a

Miseensonni maatii Beeteel kutaa Herregaa keessaa hojjetan kutaa waajjira damee isa haaraa keessatti hojjechaa jiru

Waajjirri damee kun yeroo booda wiirtuu daawwattootaa kan qabaatu yeroo taʼu, wiirtuun kun xumura bara 2020⁠tti banama. Wiirtuun kun hojiiwwan waajjiricha keessatti hojjetamanii fi seenaa hojii lallabaa Kaameruun, Ikuwaatooriyaal Giinii fi Gaaboon keessatti hojjetamuu kan argisiisu taʼa.

Mallattoo mana isaanii isa haaraatti miseensota maatii Beeteel simachuuf Afaan Ingiliffaa fi Afaan Faransaayiin barreeffame

Obboleessi keenya Isteefan Atoot inni miseensa Koree Waajjira Damee Kaameruun taʼe akkana jedheera: “Yeroo gara waajjira damee keenya isa miidhagaatti jijjiirrannu, waanuma abjuu keessa jirru nutti fakkaate. Iddoo hojii baayʼee gammachiisaa taʼe kana keessatti Yihowaadhaaf waan qabnu keessaa isa filatamaa kennuuf kutanneerra. Yihowaan wantoota guguddaa hedduu waan nuuf godheef baayʼee isa galateeffanna.”—Faarfannaa 145:7.

a Waajjirri damee kun Kaameruun dabalatee hojii lallabaa Ikuwaatooriyaal Giinii fi Gaaboon keessatti hojjetamu toʼata, kunis sochii gumiiwwan 667 kan of keessatti qabatu dha.